Miira maatiiwwan waraanaan adda bahan wayita Maqaleetti wal argan ture

Madda suuraa, Getty Images
Naannoo Tigraayitti maatiiwwan sababii waraanaatiin baatiiwwan 18 oliif wal quunnamtii dhabanii turan wal arguun imimmaaniifi gammachuun wal dhungatan.
Kunis balaliinsa imaltootaa Daandiin Qilleensa Itoophiyaa Roobii- Muddee 28,2022 yeroo jalqabaatiif Finfinnee irraa gara magaala guddoo naannichaa Maqaleetti taasiseen namoota gara sana imalaniifi maatii isaanii jidduutti.
Magaalli Maqalee kan ummata 500,000 qabdu, sababii waraana sukkanneessaa waggoota lamaan darbaniif naannichatti gaggeeffameen wal qabatee addunyaa mara irraa adda cittee turte.
Waraana kaaba Itoophiyaatti gaggeeffame kanaan wal qabatees namoonni kuma kudhanootaan lakkaa’aman lubbusaanii yoo dhaban, kanneen miliyoonotaan lakkaa’aman ammoo bakka jireenyaa saanii irra buqqaafamaniiru.
Dhumaraattis mootummaan federaalaafi Addi Bilisa Baasaa Tigraay (TPLF) baatii darbe keessa waliigaltee nagaa mallatteessuun wal qabatee imaltoonni gara naannichaatti akka balalii’aniif daandii saaqe.
TV'n naannichaa -Tigrai TV’n akka agarsiiseetti, imaltoonni akkuma Maqalee buufata xiyyaara Aluulaa Abbaa Nagaa qaqqabaniin lafatti jilbeenfachuun yoo lafa dhungatan mul’atu.
Akkasumas namoonni wayita buufata xiyyaaraa Idil-addunyaa Boolee irraa gara Maqalee imaluuf ka’aniitti taateen miiraan guutame akka ture gabaafame.
Sababii tajaajilli bilbilaas naannichaatti adda citee tureef, namoonni muraasni baatiiwwan 18 darbaniif firootasaanii Tigraay keessaa qunnamanii hin beekan ture.
Kanaafuu maatiin isaanii lubbuun manasaanii jiraachuufi dhiisuu waan hin beekneefu hedduun cinqmaa turan.
Aadde Kaasaay Haayiluu dubartii wagga 47 yoo ta’an, intala isaanii qormaataaf qophaa’aa turte gargaaruuf akkuma gara magaalaa Finfinnee dhufaniitti waraannii waan eegaleef osoo hin deebi’in hafan.
‘‘Abbaa warraa fi ijoollee koo jaaladhuun adda baheen asitti hafe’’ jechuun madda oduu Rooyitarsiitti kan himan osoo gara Maqalee imaluuf buufata Booleetti xiyyaara eegataa jiraniiti.
‘‘Waraanni deebii’ee eegaluu wayitan dhaga’eettis, lafatti kufuunan boo’e’’ jechuun waan ture himan.
Dubartiin gara biraa umriin waggaa 67 ta’an Aadde Nigaat Haayilamaariyaam gama isaanitiin, intalasaanii ulfa turte gargaaruuf jecha bara 2020tti gara Finfinnee akka dhufan himan.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
‘‘Intalakoo dahuuf turte ilaaluufan gara kana dhufe ture. Karoorri kiyya torban lamaaf qofa turuufan ture, garuu battalumatti wanti hunduu cufame. Amma waggaafi wallakaan ol ta’eera. Nagaan deebii’usaa fi anif gara mana koo deebii’uu kootti baayyee gamadeera’’ jedhan Rooyitarsiin.
Waraanni naannoo Tigraay bara 2020tti eegalees erga wal dhabdeen ministira mummee Itoophiyaa Abiyiifi aanga’oota naannoo Tigraay jidduutti umameen booda ture.
Mootummaan federaalaas humnootiin TPLF buufata waraanaa mootummaa Kaaba biyyatiitti buufatee ture irratti haleellaa raawwachuufi MM aangoorraa buusuuf yaaluun himata.
Kanaaf deebii kennuuf jechas humni raayyaa ittisa biyyaa tarkaanfii waraanaa akka fudhatuuf alkan Sadaasa 4, 2020 ajaja dabarsan.
Haata’u malee erga waraanni naannichatti eegalamee naannoo ollaa Affaariifi Amaaraatti babalachuun, miidhaa qabeenyaafi namoommaa hedduu qaqabsiiseen booda Gamtaan Afriikaa gareewwan wal waraanaa turan jidduutti waliigalteen nagaa mallattaa’uun waldhabdeen akka dhaabbatuuf jaarsummaa taa’e.
Kanaanis balaliinsa xiyyaara imaltootaa dabaltee, kunoo tajaajilliwwan bu’uuraa wal jalaan naannichaatti akka deebii’ee eegaluuf daandii bane.












