Loltoonni Ertiraa fi hidhattoonni Amaaraa hin ba'an taanaan nagaan hin jiru- Aanga'oota Tigraay

Dabratsion G/mikaa'el- Dursaa TPLF fi Afa-yaa'ii Mana Maree Bakka bu'oota Uummataa Obbo Taaggasa Caafoo

Madda suuraa, TIGRAY TELEVISION

Loltoonni Ertiraa fi hidhattoonni Amaaraa naannoo waraanaan miidhamte- Tigraay keessaa hin ba'an taanaan nageenyi waaraa Itoophiyaa keessatti mirkanaa'uu hin danda'u jedhan bulchaan Tigraay Dabratsiyoon Gabramikaa'el (PhD).

Tigraay keessatti walakkaan nagaa ta'ee walakkan ammoo weeraruu, uummata ''jumlaan fixuun' fudhatama hin qabu jedhan Dabratsiyoon.

Aanga'aan Tigraay kun kana kan dubbatan, wayita jila mootummaa federaalaa- kan erga waraanni waggaa lama dura eegalee, yeroo jalqabaaf tibbana Maqalee daawwateef ibsa kennanitti ture.

Waliigalteen waraana ture karaa nagaatiin furuuf ji'a darbe keessa irra ga'ame waa'ee loltoota Ertiraa baayyinaan Tigraay keessatti argamanii wanti eere hin jiru.

Kun immoo dursaa Adda Bilisa Baasaa Uummata Tigraay (TPLF) Dabratsiyoon Gabramikaa'el (PhD) guddoo mufachiiseera.

Namoota TPLF bakka bu'uun mariirratti hirmaatan keessaa tokko kan ta'an Ambaasaaddar Wondimmuu Asaamminaw, dhimma loltoota Eertiraa daangaa Itoophiyaatti ce'uun Tigraay keessa jiraniirratti qondaaltota mootummaa, jaarsolii biyyaa fi abbootii amantaa dubbisuu himan.

''Loltoonni Ertiraa hanga hin baanetti nageenyi waaraa mirkanaa'uu akka hin dandeenye hunduu kaasaniiru. Mootummaan Itoophiyaa loltoota Ertiraa fi hidhattoota Amaaraa naannoo kana keessaa akka ba'an ni hojjeta abdii jedhu uumneerra,'' jedhan wayita BBC Tigrinyaatti himaniitti.

Jila qondaaltoota mootummaa federaalaa garas imale keessaa ''ogeeyyii teeknikaa fi baankii 17 ta'an irraan kan hafe kaansaanii nagaan gara Finfinneetti gaggeeffamaniiru'' jedhan Ambaasaaddar Wondimmuun.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Loltoota Ertiraa fi hidhattoota Amaaraa naannoo Tigraay keessaa baasuun maaliif dadhabame? hanga yoomiitti itti fufa? kan jedhuu fi waa'ee hidhannoo hiikkachuu humnootii Tigraay kan gaafataman Ambaasaaddar Wondimmuun akkas jedhan.

''Loltoonni Eertiraa fi hidhattoonni Amaaraa Tigraay keessaa ba'uun humnoota TPLF hidhannoo hiikkachisuu waliin walitti hin dhufu. Meeshaalee waraanaa gurguddoo bakka tokkotti kuusnee qaamni walaba ta'e akka dhufee sakatta'u ni taasifama. Amma nuti meeshaalee kunneen walitti kuusaa jirra. Yoo hidhattoonni kunneen Tigraay gadhiisanii ba'an ammoo bakka sakatta'uuf qophaa'etti fidna.''

''Garuu hanga ammaatti meeshaan waraanaa galii goone hin jiru. Waa'een meeshaalee waraanaa sasalphoo deebisuus ganaa kan irratti mari'atamu ta'a,'' jedhan.

Dhimmi kun barfachuu kan dhugaa ba'an qondaalli Tigraay kun, dhimmi ijoon loltoonni Eertiraa fi hidhattoonni Amaaraa naannoo Tigraay keessa ba'uudha jedhan.

''Kun yeroo gabaabaa keessatti akka xumuramu nutti himaniiru. Nutis kana eegaa jirra.''

Gama biraan ammoo Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa har'a gara Maqaleetti balaliinsa akka itti fufu ibseera.

Kun waliigaltecha keessatti qaama tajaajila adda cite deebisanii hojii eegalsiisuuti.

Haala amma jiruun giddu gala biyyaarraa gara Maqaleetti guyyaatti balalii tokko qofatu jira. Achirraa gara kutaalee Tigraay kaanitti akkam akka ta'u ammoo daandiin qilleensaa kun ibsuuf jira.

Akkasumas tajaajilli baankii fi telekominikeeshinii kutaalee muraasatti eegaleera.

Naannoon Tigraay wayita waraanaa sana addunyaarraa addatti baatee dagatamtee turte.

Gareen akkaadaamii biyya Beljiyem tokko erga waraanni Sadaasa 2020 eegalee naannoo Tigraayitti sababa beelaa, hanqina tajaajila fayyaa fi waraanaan lammiileen 385,000 hanga 600,000 ta'an lubbuu dhabaniiru jedhe.