Afriikaan Kibbaa abbootiif qixa haadholii eeyyamni da'uumsaa akka kennamu murteesite

Seerri kana dura hojiirraa ture haadholiidhaaf boqonnaa dahumsaa ji'a afur, abbootiif ammoo guyyoota 10 ni kenna

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Seerri kana dura hojiirraa ture haadholiidhaaf boqonnaa dahumsaa ji'a afur, abbootiif ammoo guyyoota 10 ni kenna

Manni-murtii heera mootummaa Afrikaa Kibbaa maatiin hundi boqonnaa dahumsaa walqixa qabaachuu qabu jedhaaera.

Murteen kunis murtee addaa fi walqixxummaa saalaa fi mirga maatii irratti akka injifannoo guddaa ta'eetti leellifamaa jira.

Labsii kanaan dura tureen haadholiin boqonnaa dahumsaa ji'a afuriif kan argatan yoo ta'u, abbootiif ammoo guyyoota 10 qofatu kennamaaf ture.

Manni murtii heera mootummaa biyyattii labsichi heera mootummaa kan faallessu ta'uu murteessee abbootii irratti loogiin kan raawwatame ta'uu ibseera.

Kanaaf, manni murtichaa maatiin lammanuu boqonnaa dahumsaa walqixa argachuu akka qaban, boqonnaa kana akka barbaadanitti fayyadamuu akka danda'an murteessera.

"Kun walqixxummaa, nageenya maatii fi abbootii egeree Afrikaa Kibbaatif tarkaanfii bu'uuraati," jedhan hundeessaan Neetwoorkii mirga Abbooti Sethmiso Pakiti.

Bara 2023tti manni murtii gadi aanaa biyyattii seerota biyyattii keessaa hangi muraasni haqa kan hin qabnee fi mirga maatii hedduu kan sarbu ta'uu isaa murteessee jira.

Manni murtii olaanaa Gawutengi boqonnaa dahumsaa fi faayidaa hoji dhabdummaa ilaalchisee maatii hedduun haqa argataa akka hin jirre murteessera.

Dhimmi kun hiriyoonni gaa'elaa lama, walqixxummaa Saalaa fi kanneen birootiin mana murtiitti kan dhiyaate yoo ta'u, dhiibbaa hawaasni akka itti gaafatamummaan maatii dubartoota qofa irratti kufu taasisu sirreessuuf ta'uun himammeera.

Kunis daa'immaan guddifachuun itti gaafatamummaa waliinii akka ta'e hubachiisuuf fi ilaalcha ture jijjiruuf ga'ee qabaata jedhameera.

Seerri kana dura ture haadholiif boqonnaa dahumsaa ji'a afur kan kennu yoo ta'u, abbootii haati warraa isaanii da'aniif boqonnaa da'umsaa guyyoota 10 qofa kennuunis loogii akka ta'e ibsameera.

Harka Daa'imaa

Madda suuraa, Getty Images

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Murtii kana kan dabarsan Abbaan Murtii Mana Murtii Heera Mootummaa Zukisaa Shaakiin, seerri kun yeroon isaa darbee fi ''haadholii kophummaadhan rakkachuu fi abbootiin akka alagaa ta'uun ba'aa maatii keessa ture ta'uu ibsuun, Kana booda Maatiin lamaan boqonnaa isaaniif kenname akka barbaadanitti fayyadamuu akka danda'an ibsaniiru.

Itti dabaluudhaanis, "Abbootiin kan qoollifatamanii fi jireenya jalqabaa daa'imman isaanii keessatti akka hin hirmaannee dhorkamaniiru," jedhan.

Murtiin kun waa'ee walqixxummaa saalaa qofa osoo hin taane kabaja maatii eeguu akka ta'e abbaan murtii kun ibseera; xiyyeeffannaan mana murtichaa inni dhumaa guddina daa'immanii irratti akka ta'es eeran.

"Haalli haqa hin qabne kun maatii adda baasuu qofa osoo hin taane, yeroo murteessaa jireenya isaanii keessatti, yeroo kunuunsa barbaadanii fi naannoo haaraa isaaniitti madaqanitti ijoolleen carraa warra isaanii waliin ta'uu dhabsiisa."

Himattoonni murtii kana kan simatan yoo ta'u, ogeeyyiin seeraa murtiin kun hojjechiistota irratti dhiibbaa guddaa akka qabu akeekkachiisaniiru, isaanis murtii kana eeguuf imaammata boqonnaa isaanii sirreessuu akka qaban ibsaniiru.

Manni murtichaa murtii kenneen walsimsiisuun labsicha akka fooyyessuuf waggaa sadii kenneera.

Hanga seerri kun fooyya'utti maatiin boqonnaa dahumsaa ji'oota afuriifi guyyoota 10 argatan akkamitti fayyadamuu akka barbaadan murteeffachuu danda'uu jedheera.