Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Getaachoo Raddaa ajajoota TDF sadii hojiirraa dhorke
Pirezidantiin Blchiinsa yeroo Ce'umsaa Tigraay Obbo Getaachoo Raddaa ajajoota Humna Ittisaa Tiraay (TDF) sadii hojiirraa dhorke.
Akka xalayaan kaleessa mallattoo Obbo Getaachoo Raddaatiin bahe agarsiisutti, Meejer Jeneraal Yohaannis W/Giyoorgis, Meejere Jeneraal Maashoo Bayyanaa fi Birgaader Jeneraal Migibeey Hayilee yeroof dhorkamuu isaanii ibsa.
A L I Bitotessa 1, 2017 xalayaan barreeffame kun akka ibsutti, ajajoonni waraanaa sadan kunneen kan dhorkamaniif "murtee mootummaatiin alatti ummata keenya guutuu gara rakkootti, dargaggeessa ammoo gara jeequmsaatti, humna nageenyaa keenya ammoo gara walii walii isaaniin walitti bu'uutti geessuurra darbee ummata keenya gara hadhaba keessaa ba'uu hin dandeneyeetti sochiin hamaa geesu hin dhaabbanne," ejjennoo jedhuunidha.
Bulchiinsi yeroo ce'umsaa kun dhimmoota kanneen sababa godhachuun akka ajajoota waraanaa ol aanoo kana hojiirraa dhorke ibsa xalayaan kun.
Haalli kun "adeemsa seera-qabeessa ta'een hanga waliigalteerra gahamutti" qondaalonni waraanaa olaanoo kunneen "adda waraanaarraa itti gaafatamummaa ajajuurraa" "hanga yeroon isaan hin beekamneetti" kan dhorkaman ta'uu Obbo Getaachoo xalayaa isaa kanaan beeksiseera.
Aanga'oonni waraanaa aangoo ajaju umnoota Tigraay irraa yeroo hin beekamneef dhorkaman kunneen tokkoo tokkoo isaaniif xalayaan kan barreeffameef yoo ta'u, galgalchi isaa ammoo itti gaafatamaa nageenyaafi tasgabbii naannoo Tigraay fi ajajaa Humnoota Tigraay Leetenaal Jeneraal Taaddesee Warradee qaqqabee akka beeku godhameera.
Ajajoota addichaa sadan kanneen dabalatee ajajoonni raayyaa Tigraay baayyeen garee TPLF Dabretsiyoniin durfamuuf deeggarsa qaban yeroo ibsaniifi bulchiinsi yeroo akka jijjiiramu gaafachaa turaniiru jedhameera.
Hoggantoonni waraanaa sadan dhorkamuun sabaa-himaalee naannichaatiin osoo hin ibsamiin dura Obbo Getaachoo Raddaa ibsa kennee ture.
Ibsa kenne kanaanis, ajajoonni raayyaa Tigraay garee tokkoof looganiiru jechuun himateeera.
Walakkeessa ji'a Amajjii darbee aanga'oonni raayyaa Tigraay baayyeen walga'ii erga taasisaniin booda, bulchiinsa yeroo ce'umsaa Tigraay irratti "jijjiiramni" akka taasifamu ibsa baasanii gaafatanii ture.
Bulchiinsi yeroo ce'umsaa naannichaa akka haaraatti akka caaseffamu murteessineerra kan jedhan ajajoonni humnoota Tigraay, "fonqolcha mootummaa labsaniiru" jechuun waajirri Obbo Getaachoo raddaa ibsa baaseen himachuun isaa ni yaadatama.
Aanga'oonni ol aanoo humnoota Tigraay ibsa ejjennoo isaaniima kanarratti garee TPLF Dr. Dabretsiyn Gabremikaa'el hoganuuf bekamtii kennuun isaanii ni yaadatama.
Keessumaa bara darbe baatii Hagayyaa keessa kora dhaabaa 14ffaa gaggeeffameen booda aanga'oota TPLF lamatti hiraman gidduutti dura ta'aafi itti-aanaa isaa warra dursan lamaan gidduutti waldhibdeefi wal himachuun ji'ootaaf deemaa tureera.
Wal dura dhaabachuun aanga'oota ol aanoo TPLF gidduu ture kun hanga mootummaa federaalaatti kan qaqqabe ture.
Aanga'oonni humnoota Tigraay qaama kamirraayyu bilisa ta'anii turen baayyeen isaanii garee Dr. Dabretsiyon Gabremikaa'eliin durfamuuf deeggarsa taasisuusaanii hordofee naannicha keessatti yaaddoo uumeera.
Gareewwan TPLF Obbo Getaachoo fi Dr. Dabretsiyon hogganan gidduutti waldhibdeen uumamee ji''ota darban keessa wal gaarerfachuun kan uumame yoo ta'u, gareen Dabretshiyo bulchiinsi yeroo ce'umsaa akka haaraatti akka caaseffamuuf irra deddeebiin gaaffii dhiyeessaa tureera.
"Pirezidant Isaayyaas waliin michoomuun Abiy Ahmadiin aangoorraa kaasuuf"
Jeneraal Tsaadiqaan Gabretinsaa'ee barreeffama Itoophiyaa fi Ertiraa gidduutti "waraanni tasa ka'uu danda'a" jechuun akeekkachiisuun baaserratti, wal qooduun aanga'oota Tigraay gidduu jiru eeruun "itti gaafatamummaa yakkasaanii kanaan duraafi kan ammaa jalaa ba'uuf ijoolleen Tigraay Ertiraa waliim michoomuu filatan jiru" jechuun dubbateera.
Haala wal qoodinsi aanga'oota Tigraay gidduu jiru itti fufee jiru keessatidha Itoophiyaafi Ertiraan gara wal waraanuutti deemuu akka danda'an dhaga'amuu kan eegale.
Jeneraal Tsaadiqaanis qoqqoodamuu TPLF kana eeruun, "Pirezidant Isaayyaas waliin michoomuun Abiy Ahmadiin aangoorraa kaasuuf" kan barbaadan jiraachuusaanii eeree jira.