Ministira Daldalaa Itoophiyaa balaan konkolaataa mudatuun mirkanaa'e

Madda suuraa, Ethiopia Ministry of Trade
Ministirri Daldalaafi Walitti Hidhamiinsa Naannawaa Itoophiyaa Dr Kaasaahuun Goofee balaan konkolaataa akka isaan mudate waajjirri isaanii mirkaneesse.
Aangawaan olaanaa Itoophiyaa miseensa kaabinee ministeerotaa ta'an kuni dhihoo balaan isaan qunnamee miidhamuu gabaafamaa ture.
Dhimma boba'aa yeroo ammaa Itoophiyaa keessa hanqateefi ijoo dubbii ta'eerrattis torban kana as bahanii qaamaan waan dubbatan hin qabani.
Yeroo xumuraaf miidiyaarra kan mul'atan torban dura guyyaa Dilbataati.
Osoo kuni kanaan jiruu Ministeerri Daldalaa fi Walitti Hidhaaminsaa Naannawaa ibsa Wiixata baaseen balaan konkolaataa isaan qunnamuu mirkaneesseera.
Haa ta'u malee, hamma miidhaa isaan quunnamefi haala isaan quunnameerratti bal'inaan waanti ibsame hin jiru.
Ibsa waajjirichi gama Facebook baaseen aangawaan kuni ALI Waxabajjii 15, 2017 hojiidhaa gara manaa osoo galaa jiranii '' balaa tasaa konkolaataa'' isaan quunnamuu hime.
Bakka balaan dhaqqabe magaalaa Finfinnee naannawa Addabaabayii Kaarl ta'uufi kunis naannawa mana jireenyaa isaanii ta'uu beeksise.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
''Kanarraa kan ka'e hospitaala galuun yaala gahaa argatanii yeroo ammaa kana fayyaa guutuu irratti argamu,'' jedheera ibsichi.
Ibsi bahe yeroo ammaa hospitaala jiraachuufi jiraachuu dhabuu isaanii waan ifatti dubbate hin qabu.
Haa ta'u malee, miidiyaan Waazemaa gabaasa torban darbe gaafa Sambataa baaseen ministirichi ''guyyoota jahan darban'' kutaa wal'aansi addaa taasifamuuf keessa jiru jedheera.
Akka gabaasa miidiyaa kanaatti, guyyaan balaan isaan dhaqqabe ALI Dilbata Waxabajjii 14, 2017 dha.
Balaan kunis Addabaabayii Kaarl irratti ekiskaavaatara waliin konkolaataan isaanii itti bu'e jedhe.
Yeroon balaan isaanirra gahees halkan ''sa'aatii torba'' ta'u ibseera. Ibsi Ministeerichi baase garuu balaan ''galgala naannoo sa'aatii 1:00'' akka isaanirra gahe hime.
Dhimmoota kana BBC'n addatti waan mirkaneesse hin qabu.
Balaa konkolaataa kanaan hamma miidhaa gahe hin beekamu, ministeerichis hin ibsine.
Gabaasi miidiyaa Wazema garuu ''miidhaan jabaa'' harka, miillaafi laphee isaanirratti akka isaanirra gahe himeera.
Ministeerichi ibsa baaseen wanti miidiyaa hawaasummaa gubbaa naanna'aa jira jedhe ''odeeffannoo kijibaa'' jechuun ibseera.
''Kabajamoo Ministeerrichis yeroo dhiyootti hojii idilee isaatti kan deebi'an ta'uu beeksisuu barbaadna,'' jedha ibsi kun.
Itoophiyaa keessatti balaan konkolaataa yeroodhaa yerootti hammaataa badii guddaa dhaqqabsiisaa jira.
Itoophiyaa biyya konkolaataa baay'ee hin qabne taatuus waggaatti lammiileen kumaatamatti lakkaa'aman lubbuu dhabu.
Ragaa kana dura BBC'n odeeffateen, Itoophiyaatti giddugaleessaan guyyaatti namoonni 14 balaa tiraafikaatiin lubbuu dhabu.
Namoonni 31 ammoo miidhama qaamaa cimaaf akka saaxilaman ragaan Biiroon Nageenya Tiraafikaa Daandii irraa argame ni agarsiisa.












