Hiriira boba'aa tibbana magaalota Itoophiyaatti mul'atee fi rakkoo maddisaa wallaalame

Madda suuraa, Kaasahun Gonfee
Hanqina boba'aa itoophiyaa keessatti tibbana mudateen Finfinnee fi Adaamaa dabalatee magaalota biyyattii adda addaa keessatti konkolaattonni hiriira dhedheeraa guyyotaaf ture mul'achaa jira.
Hiriirri boba'aa kuni irra caalaatti kan boba'a Naafxaa ta'uun ammoo konkolaatota deddeebisa Uummataa fi fe'iisaa dinagdee biyyaa sochoosan boba'a argachuuf guyyootaaf akka hiriiraniif kan dirqamsiise.
Magaalota tokko tokko keessattis hanqinni konkolaattota deddeebisa uummataa uumamuun buufataalee konkolaataa keessatti imaltoonni hiriira dhedheeraan akka mul'ate miidiyaalee hawaasummaa irratti qoodamaa ture.
Rakkoo kanaaf ka'umsa kan ta'e ammoo oduun 'Mootummaan ji'a Adoolessaa irraa eegaluun gatii boba'aa dabaluufi' jedhu hawaasa keessatti bal'inaan odeeffamaa ture.
Sababa kanaanis Buufataaleen boba'aa boba'a kuusaa isaanii keessaa qaban dhoksuu fi humna guutuudhaan gurguruu irraa ofqusatanii hanqinni akka uumame fakkeessaniiru jedhe Abbaan Taayitaa Boba'aa fi Inarjii Itoophiyaa.
Daayirektarriu Olaanaan Abbaa Taayitaa Boba'aa fi Inarjii Itoophiyaa Dr. Destaaw Mokaanint dhimma kana ilaalchisuun turtii BBC waliin taaisaniin shira oduu sobaa bu'uura godhateen magaalota keessatti buufataalee boba'aatti hiriirri dhedheeraan akka uumamu ta'e jedhan.
Oduu mootummaan tumsa Boba'a alaa galurratti godhu guutumatti dhaabuufi dabalataaniis boba'a irratti taaksii kaffalchiisuu jalqabuufi jedhu ammoo ka'umsa rakkoo kanaa akka ta'e eeran.
Haa ta'uutii ololli haala Kanaan deemu dhugaa kan hin taanee fi boba'I amma Itoophiyaa keessatti gatii gabaa addunyaatiin gurguramaa jiraachuu eeran.
"Dhiheessii irratti rakkoon tokko hin jiru. Tilmaama gatiin boba'aa dabaluufi jedhudha ka'umsi. Kunimmoo dhugaa akka hin taane paarlaamaa irratti ibsameera, si'a lama qaamni dhimmi ilaalu miidiyaaf ibsa kenneera"
"buufataaleen boba'aa tokko tokko gatiin dabaluufi sababa jedhuun kuusaa isaanii keessatti dhoksanii taa'u. kaan ammoo maashina tokkoon qofa buusatii hiriirii akka dheeratuu godhu" jedhan.
Rakkoon amma boba'aan walqabatee magaalota biyyattii bakka adda addaatti mul'atu guutumatti dhiheessii waliin kan walqabatu mitis jedhan.
"Finfinnee keessatti yoo fudhatte boba'a kana dura dhihaachaa turerraa harka 10 guddateera. Naafxaa fi beenzina liitira miliyoona sadi ta'utu guyyaa guyyaan Finfinnee keessatti dhihaachaa jira" jedhan.
Akka biyyaattis guyyaa guyyaan naafxaa liitira miliyoona 9.3 fi Beenzinni liitirri miliyoona sadi ta'u dhihaachaa jiraachuu eeran.
Gatiin dabalamuuf karoorfame hin jiru
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Akka Dr Destaaw jedhanitti, mootummaan tumsa boba'a alaa galurratti gochaa ture erga guutumatti kaasee boba'I amma gatii gabaa addunyaa irraa ittiin bitamuun gurguramaa jira.
"Mootummaan tumsa boba'a alaa galurratti godhu suuta suuta hir'isaa dhufee amma guutumatti dhaabeera. Beenzina Eebla 30, bara 2017 irraa eegaluun, Naafxaa ammoo Caamsaa 27, bara 2017 irraa eegalee mootummaan tumsa taasisu guutumatti irraa dhaabeera" jedhan.
Kanaaf jecha Oduun 'Ji'a Adoolessaa irraa eegaluun mootummaa tumsa boba'a irratti taasisu dhaabuufi' jedhu oduu dogogoraa akka ta'ee fi tumsi erga dhaabbatee waan bubbule ta'uu himu.
Itoophiyaa keessatti yeroo ammaa boba'I gatii gabaa addunyaa irraa bitamuun gurguramaa jiraachuu fi gatiin kan dabaluu fi hir'isus jijjiirama gatii boba'aa gabaa addunyaa irratti mul'ateen qofa akka ta'us himan.
Birriin biliyoona sadii mootummaan taaksiidhaan gurgurtaa boba'aa iraa sassaabuufi jechuun paarlaamaa irratti himames hawaasa keessatti dogogoraan hubatameera Jedhan Dr. Destaaw.
"Taaksiin durumaa gurgurtaa boba'aa irraa walitti qabamaa ture. Waan haaraa miti. Paarlaamaa irrati birriin Biliyoona sadii taaksii gurgurtaa boba'aa irraa sassaabuufi kan jedhames duruu inuma sassaabama garuu duraan galiin sassaabamu boba'a alaa galu tumsuuf deebi'ee oolaa waan tureefi" jedhan.
Gurgurtaan boba'aa seeran alaa babal'ates rakkoo biraa dhiheessi boba'aa miidhaa jiru ta'uu fi buufataalee boba'aa fi namoota rakkoo kana hammeessaa jiran irratti tarkaanfiin fudhatamaa jiras jedhan.
"Konkolaattonni buufata boba'aatii boba'a guutanii manatti galagalchan jiru. Kana jechuun diippoon mana namoota dhuunfaatti uumama jechuudha. Kuni seeraan nama gaafachiisa. Boba'a buufata boba'aatiin alatti gurguruun seeran ala" jedhan.
Yeroo mootummaan dhiheessii boba'aa irratti hanqinni uumame hin jiru jechuun irra deddeebiin ibsaa jiru kanattis hiriirii konkolaattonni boba'a waraabbachuuf itti jiran ammalleen itti fufee jira.
Mootummaan ji'a Adoolessaa dhufaa jiru kanatti daballiin gatii boba'aa irratti taasifamu hin jiru jedhulleen buufataaleen boba'aa garuu boba'a dhoksuu fi bootteewwan jibuutii irraa dhufan karaarra tursiisanii yeroo gubuun ji'a adoolessaa dhaqabsiifachuuf wal'aansootti jiru.
Gidduu kanatti ammoo maashinaroonnii fi konkolaattonni lafee dugdaa ta'anii dinagdee biyyaa sochoosan boba'a dhabuun hiriira irratti guyyootaaf dhaabbachuun itti fufeera.












