Itoophiyaatti gatiin beenzilaa yeroo jalqabaaf birrii dhibba caale

Madda suuraa, Getty Images
Gatiin beenzilaafi boba'aa Xiyyaaraa Itoophiyaatti yeroo jalqabaaf birrii dhibba caale.
Ministerri Daldalaafi Hariiroo Qaxanaa ibsa Kibxata Amajji 07, 2025 galgala baaseen, gatii [chirichaaroo] omishaalee zayita boba'aarratti fooyya'insa taasisuu beeksiseera.
Fooyya'insa taasifame kana hordofee birria 91tti gurguramaa kan ture beenzilli ammaa birri 101.47 ta'eera. Haala kanaan, gatiin beenzilaa yeroo jalqabaatiif birrii dhibbaa ol ta'eera.
Fooyya'insa gatii zayita boba'aa Amajji 07, 2025 taasifame kanaan, gatiin boba'aa xiyyaaraas haaluma wal fakkaatuun dijiitii sadii keessa galeera.
Gatiin haaraa zayita boba'aa xiyyaaraa birria 109.56 ta'eera.
Kiroosiiniifi naafxaan adii ammoo birria saddeetiin dabaluun liitira tokkotti birrii 98.29 akka ta'u gatiin yeroo darbe ji'a Adoolessaa gara dhumaa hojiirra ooluu kan jalqabe jijjiirama Imaammata Maakiroo Ikonomii asitti gatii boba'aarratti fooyya'insi yeroo taasifamu kun si'a lamaffaadha.
Fooyya'insi jalqabaa kan taasifame ji'a Onkoloolessaa darbe keessa ture.
Onkoloolessa keessa yeroo fooyyaa'etti Ministeerri Daldalaafi Hariiroo Qaxanaa, "gatii ka'umsaa boba'aa addunyaa ka'uumsa godhachuun gatiin boba'aa qinxaaboo fooyyeessuun ji'a sadiin kan taasifamu yoo ta'u, diggomaa waliigalaa wagga tokko turuti taasifama," jedhee ture.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Jijjiirama Imaammata Maakiroo Ikonoomiitiin booda beenzila, keroosinii, akkasumas naafzaa adiirratti daballiin birrii 20tti siqu taasifameera.
Boba'aa xiyyaaraa irratti ammoo daballiin birrii 39 taasifameera.
Sagantaa fooyya'insa Maakiroo Ikonoomii Adoolessa darbe taasifameen, gabaan sharafa alaa akka haala gabaa jiruun murtaa'u taasifamuun isaa ni yaadatama. Kanatti dabalataan, imaammatawwan maallaqaafi fisikaaliirratti fooyya'insa garagaraa taasifameera.
Mootummaan sagantaa kana yeroo ifa godhetti, "hojiin kutaalee hawaasaa rakkkoof saaxilaman tumsuuf gargaaran ni hojjetamu," jedhee ture. Tarkaanfiiwwan jedhaman keessaa tokko gatii boba'aa dabalaa deebi gariin tumsuu kan jedhudha.
Halkan guyyaa ayyaana Gannaa gagala kan ifoome gatiin qinxaaboo boba'aa kun marsaa lamaffaa yoo ta'u, fooyya'insi itti aanu ji'a sadiin booda taasifama jedhamee eegama.
Fooyya'insa gtii boba'aa kana torban sadii dursee sadaasa keessa Dhaabbanni Itoophiyaa Boba'aa dhiyeessu, buufataaleen boba'aa haaraatiif boba'aa dhiyeessuu dhiisuuf murteessuu beeksisee ture.
Dhaabbanni kun murtee kanarra kan ga'eef, mootummaan boba'aa gara biyyaatti galcha " hir'isuuf hojjechaa jira" waan ta'eefidha.
Dhaabbatichi murtee kana kan beeksise xalayaa Abbaa Taayitaa Boba'aafi Inarjiitiif beeksiseen ture.
Dhaabbanni Boba'aa dhiyeessu buufataaleen boba'aa haaraatiif dhiyeessuu dhiisuu kan murteesseef "Boordiin Hoji-gaggeessaa Dhaabbatichaa" walga'ii gaggeesseen dhimmichi imaammata mootummaa waliin kan wal faallessu ta'ee waan argameef ta'uu xalayicha keessatti eereera.
Dabalataan Boordiin hoji-gaggeessaa dhaabbatichaa, "haala mootummaan boba'aa alaa galchu hir'isuuf hojjechaa jiruun, buufataleen boba'aa haaraa ijaaramaniifi boba'aa dhiyeessuun imaammata mootummaan itti jiruun yeroo ilaalamu sirrii akka hin taane kallattii kaa'eera," jechuun xalayaa ji'a tokko dura barreesseen ibseera.












