Magaaloota Oromiyaatti 'hanqinni' boba'aafi gurgurtaan gabaa gurraachaa dhuguma cimee?

Konkolaattota boba'aaf hiriiranii jiran

Madda suuraa, Source

Itoophiyaa keessattu magaalota Oromiyaa tokko tokko keessatti tibba kana sababa hanqina boba'aatiin konkolattoonni hedduun hiriira qabatanii mul'atu.

Magaalota rakkoon kun keessatti hammaate jiru keessaa tokko magaalaa Adaamaati.

Adaamatti buufataaleen boba'aa hedduun boba'aa hin qaban ykn konkolaattotaaf dhiyeessaa hin jiran.

Sababni isaa ammoo raabsaan boba'aa yeroon akka isaan qaqabaa hin jirree ibsuu.

Bakka muraasa jirtutti ammoo konkolaattoonni ganamarraa hanga galgalaa hiriira qabatanii dhaabataa ooluu himu konkolaachiftoonni.

Konkolaachisaan konkolaataa deddebisa ummtaa, Obbo Adaanaa Taarikuu akka BBC'tti himetti, buufataalee boba'aa qaban muraasa biratti hiriiranii dabaree eggachaa hanga guyyaa lamaa isaanitti fudhata.

Maddi rakkoo kanaa maal akka ta'e kan gaafatamee Obbo Adaanaan, buufataaleen boba'aa hedduun akka lakkoofsa alaatti, baatii Amajjii bara 2025 irraa kaasee gatiin boba'aa dabaluu danda'aa yaada jedhuun dhoksuu akka hin oolle dubbate.

Kana malees "halkan ykn bakka dhokataa ta'etti 'chiifcheen' gurguraa jiru" jechuun rakkoo jiru hima.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Chiifcheen gabaa gurraacha seeran ala boba'aan itti gurguramuudha.

Itoophiyaa magaalota tokko tokko keessatti akkuma doolaraa boba'aanis gabaa gurraachaatti gurguramaa jiraachuu himu konkolaachiftoonni.

Gatiin boba'aa seera qabeessan liitirri tokko birrii 90tti kan gurguramu yoo ta'e kan gabaa gurrachaa ammoo dachaa lamaa oliin gurgurama akka konkolaachiftootni himanitti.

"Sababa daldaalli boba'aa seeran alaa babal'ateen Adaamaa keessatti hanqinni boba'aa muudate" jedha Konkolaachisan kun

Kanarraa kan ka'e konkolaachiftoonni muraasni gatii geejjibaa dabalaa akka jiranis himameera.

"Guyyaa guutuu hojii malee dabaree eeggachaa oolla ykn gatii boba'aa itti daballee guutne taarifa jiruun fe'uun kisaaradha. Gatii dabaluufis ammoo nu adabu giddutti rakkanne" jedhe.

Adaanaan konkolaachiftoonni karaa ga'anii imaltoota dabalchiisan akka jiran akkasumallee kanfaltiin naga'een ittin cituu fi hangi kanfalan gargar ta'ee akka jiru hin haallee.

"Kun dhugaadha darbe darbee inuma jira garuu fedhii namoota irratti hundoofneeti, yoo nu hubatanii kanfalan gaaridha, garuu dirqisiisa hin jirru, namus nu adaban waan ta'eef"

Daballiin gatii seeran ala taasifamu ammoo qaala'iinsa jireenyaa duraaniyyuu ulfaataa ta'e caalatti hammeesa.

Boba'aa konkolatatti naqamaa jiru

Madda suuraa, Getty Images

Jamaal Huseen magaalaa Adaamatti konkolaachisaa baajaajii Force jedhamuuti. Innii fi maatiinsaa galii hojii baajaajii irraa argamuun of jiraachisu. Amma garuu sababa boba'aan keessumaa gosa Naafxaa buufatee boba'aatti hin argameneef hojii isaatti dhiibbaa uumuu dubbata.

Akka inni jedhutti, "buufata boba'aa irraa boba'aa argachuun baay'ee ulfaataa ta'eera. Hanqinni boba'aa maaliif akka uumame hin beeku, garuu yeroo baay'ee boba'aan dhoksaan halkaan chifcheen gurguramu ni dhageenya. Isaayyu nama hundatti osoo hin taane nama beekan qofatti haala sanaan gurguru," jechuun daldalli boba'aa seeraan alaa babal'achuu hima.

Kana malees naannawa buufata boba'aatti kanneen seeraan ala matta'aa nama gaafatan akka jiranii fi kanneen matta'aa kana kanfalaan konkolaattota tarree qabatanii jiran heddu bira darbuun carraa boba'aa duraa argachuu akka qaban hima. "Kun baratamaa ta'eeras," jedhe.

Obbo Adaananis dallaalonni haala kana miijessan konkolaachiftootaa fi buufatalee boba'aa gidduu akka jiran dubbateera.

Adaamaa qofaa utuu hin taane magaalota heddu keessatti gochi daldala boba'aa seeraan alaa bal'inaan ni mul'ata. Gocha kana dhaabsisuuf tarkaanfiin fudhatamaa akka jiru gama mootummaarraa ibsamaa jiraatus rakkoon kun furamuu hin dandeenye.

Labsiin seeraa haaraan qophaa'aa jira

Tasfaayee Geeshoo Hogganaa Itti aanaa Biiroo Daladalaa Oromiyaa

Madda suuraa, Tesfaye Gesho

Hogganaa Itti aanaa Biiroo Daladalaa Oromiyaa Obbo Tasfaayee Geeshoo BBC'tti akka himanitti, hanqinni dhiyeessii boba'aa akka biyyatti muudate akka hin jirre himu.

"Hanqinni akka biyyaatti muudate hin jiru, dhiyeessii ga'aatu jira. Garuu bakka waraabbiin kun taasifamutti konkolaattoonni darbee darbee turuu irratti rakkoon jira. Sun akkamitti sirreeffamuu akka danda'amu irratti hojjatamaa jira,'' jedhan.

Haata'uu malee, erga biyya keessa seenee sirnaan akka to'atamuuf koreen dhimma kana hordofu akka jiru himu Obbo Tasfaayen.

Haaluma kanaanis, "baatiwwaan ja'an darban keessatti qofa boba'aan seeraan alaa gara leetira kuma 325 ol to'atameera," jedhan.

Kana malees, qaamoolee daladala seeraan alaa akkasii irratti hirmaatan irrattis tarkaanfiin bulchiinsaa fudhatamaa jiraachuu fi gama seeraatinis tarkaanfiin cimaan akka fudhatamuuf labsiin qophaa'aa akka jiru himu.

Yaroo amma fedhiin boba'aa damee geejjibaa qofaa utuu hin taane kanneen akka maashinarii qonnaa, Rizoortiwwaan, manneen daabboofi kanneen biroo dabalatee boba'aa irratti hirkatan akka jiranii fi sababa kanaan walqabatee kanneen eeyyamameef jira.

Haata'uu malee, warra kana sababeeffachuun rakkoon gurgurtaa buufata boba'aan alatti gurguramuu jirachuu akka malu himu. Qaawa gama kanaan uumameen hanni haala kanaan raawwatamu akka itti hin fufneef, labsiin tokko akka fooyya'uuf irratti mari'atamaa jiran dabaluun himan.

''Labsii seeraa qophaa'aa jiru kun namni boba'aa waliin qabame maal ta'a? Kanneen boba'aa fayyadamuuf eeyyamameef akkamiin to'atamuu kan jedhurratti seera cimsuuf yeroo dhiyootti gama bakka bu'oota ummataatiin raggasifamee ba'a jennee abdanna'' jedhan.

Achi keessatti adabbii hanga miliyoona tokkoofi akkasumas hidha waggaa 1 - 7 illee kan hordofsiisu jira kan jedhan hogganaan kun, labsiin kun daldala boba'aa seeraan alaa ittisuuf akka gargaaru kan ibsan.

Gatii boba'aa bara haaraatiin walqabatee ni jijirama jedhamee boba'aan dhokfamuun yakka ta'uufi daballiin gatii hanga yoonaa ni taasifama jedhamee yaadame akka hin jirre Obbo Tasfaaayeen himaniiru.

"Kun olala uumanii kan odeessaniidha. Dhaabileen boba'aa bobaa'aa hangamii akka galchanii hangam akka gurguran malli ittiin to'atamu jira, dhokachuu hin danda'u.

''Baatii kana gatiin boba'aa daballi agarsiisa kan jedhu odeeffannoon hin jiru. Gatiin dabalu yoo jiraatees guyyaa ifoome kaaseeti malee waan dhokfameef miti," jedhan.

Buufataalee Boba'aa daldala boba'aa seeraan alaarratti hirmaatanfi boba'aa dhoksan irratti tarkaanfiin seeraa akkamitu fudhatama inni jedhullee labsii eeran keessatti kan hammatamu ta'u himan.

Sakatta'iinsii fi hordoffiin amma taasifamu kun tarkaanfii seeraanis yoo cime rakkoo kana akka furu Obbo Tasfaayeen dubbataniiru.

Kana malees. biirichi sirna daldala elektirooniksii hojiirra oolchuun hojii hordoffiifi to'annoo qindoomina qabu cimsuu akka itti fufu ibsaniiru.

'Magaalotatti hiriirri dheeraan mul'atus, dhiyeessii boba'aa irratti rakkoon hin jiru'

Ministira Daldalaa fi Walitti Hidhamiinsa Naannawa Kaasahuun Goffee

Madda suuraa, Kassahun Gofe

Ministirri Daldalaa fi Walitti Hidhamiinsa Naannawaa Kaasahuun Goofee gurgurtaa boba'aa seeraan alaa raawwatamu ilaalchisuun ibsa tibbana kennaniin, qaamoleen boba'aa seeraan alaa gurguraa turan irratti tarkaanfiin seeraafi bulchiinsaa fudhatamuu eeran.

Rakkoo kana ittisuuf qindaa'anii hojjataa akka jiran kaasuun, hojii sakatta'iinsa baatilee muraasa darban keessarri gaggeeffameenis buufataalee boba'aa 34 irratti tarkaanfiin fudhatamuu ibsan.

Kana malees, "boba'aan seeraan ala daddabarfamaa ture leetirri kuma 385 ol to'atamee gurguramuun birriin miiliyoona 27.9 ol mootummaaf galii ta'eera," jedhan.

Daldala dijitaalaatiin alatti kaffaltii harkaan gurguruun, sababa amansiisaa hin taaneef boba'aan buufata boba'aa keessa osoo jiruu tajaajila kennuu dhiisuu fi boba'aa kuusaa isaanii irraa hir'isuun qaama to'atuuf gabaasa dhiyeessuun hojii seeraan alaa ta'uu ibsaniiru.

Magaalota keessatti hiriirri dheeraan mul'atus, qabatamaan dhiyeessii boba'aa irratti rakkoon akka hin jirre Obbo Kaasahuun Goofee kan ibsan.

Itoophiyaan biyyoota Baha Giddu-galeessaa fi Galoo-Galaanaa dabalatee, biyyoota heddurra waggoota dheeraaf boba'aa galchaa turta. Mootummaan akka jedhutti, ji'atti giddu galeessaan birrii biiliyoona 10 oomisha boba'aa deeggarsa taasisaa ture.

"Deeggarsi boba'aaf taasifamu kun gatii guddaa na baasiseera" jechuun mootummaan bara darbe irraa kaasee deeggarsa kana suuta suutaan kaasaa dhufe. Kanaanis gabaa boba'aa biyya keessa irratti jijjiramni guddaan mul'ateera.

Itoophiyaan bara 2018 keessa jikita boba'aa baasuu eegaluushee ifatti labsitullee, haata'u malee ammatti sadrkaa maal irratti akka argamurratti odeeffannoon ifaa ta'e hin jiru.