Itoophiyaatti daballi gatii boba’aa bara haaraa jalqabaa taasifame

Madda suuraa, Getty Images
Itoophiyaatti bari haaraan 2016 erga eegalee torban sadiif deemu keessatti daballi gatii boba’aa bara haaraa jalqabaa gurgurtaa qinxaaboorratti taasifamuun ibsame.
Mootummaan deeggarsa oomishaalee boba’aatiif taasisuu wal jalaan kaasuuf haaluma karoora qabateetti, sirreeffama gatii boba’aa gurgurtaa qinxaaboo taasisuu Ministeerri Daldalaafi Hidhata Qaxanaa ibsa Jimaataa Fulbaana 29, 2023 baaseen beeksiise.
Sirreeffamni gatii amma taasifame kunis kan bara darbe baatii Hagayyaa keessa taasifameen wal biratti yoo ilalamu gatii gurgurtaa omishaalee boba’aa bal’inaan ummata biratti faayidaarra oolan irratti saantima 41 hangi birrii 3 fi saantima 41 kan ta’u dabalameera.
Haaluma kanaanis oomisha beenzinaa kan geejjibaaf bal’inaan faayidaarra oolfamu irratti, gatii leetiira tokkoo birrii 74 fi saantima 85 duraan ture irraa gara birrii 77 fi saantima 65tti ol kaafamuun, birriin 2 fi saantimni 80 itti dabalameera.
Naafxaa adiin ammo gatii isaa duraa birrii 76 fi saantima 34 irraa amma leetiriidhaan birrii 79 fi saantima 75 tti ol kaafamuun gatiinsaa birrii 3 fi saantimni 41 itti dabalameera.
Kana malees oomishin boba’aa bal’inaan tajaajila mana keessatiif ooluu gaazii kiroosinii jedhamu irratti daballii gatii gadaanaan taasifameera.
Kanaanis gatii gaazii duraan leetiriidhaan birrii 76 fi saantima 34 ture amma gara birrii 76 fi saantima 75 ol kaafamuun saantimni 41 tokko qoftii itti dabalameera.
Bara darbe yeroo garaa garaatti daballii gatii oomishaalee boba’aa irratti taasifamaniin gatiin gurgurtaa qinxaaboo oomisha boba’aa biyyattii irratti parsantaa 50 oliin dabalamun gabaafameera.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Haaluma kanaanis baatiiwwan 14 ALI Waxabajjii 29, 2024 hanga Hagayya 23, 2025tti jiran keessatti, beenziila, naafxaa adiifi gaazii kiroosiin irratti daballi gatii parsanataa 55 fi isaan ol ta’e taasifameera.
Mootummaan yeroo dheeraadhaaf gatii oomishaalee boba’aa irratti deeggarsa olaanaa taasisaa turuu ibsuudhaan, kana hambiisuudhaaf ammo wal jalaan omishaalee boba’aa irratti gatii dabaluudhaaf haaluam karoora baaseetiin hojirraa oolchaa jira.
Ministeerri Daldalaa fi Hidhata Qaxanaa akka jedheetti, sababii dabala gatii addunyaarratti mulatuutiin, deeggarsi moootummaadhaan oomishaalee boba’aarratti taasifamu itti fufuu akka hin dandeenye ibsuun, wal jalaan deeggarsicha dhiisaa tureera.
Yeroowwan darbanittis dabala gatii boba’aa irratti taasifaman hordofuun, gatii omishaaleefi tajaajila irratti daballi gatii olaanaan mul’achaa kan ture yoo ta’u, kunis yeroodhaa gara yerootti dabalaa kan dhufe qaala’insa jireenyaa irratti dhiibbaa dabalataa uumuunsaa jiraattoonni ni himu.












