Itoophiyaatti daballiin gatii boba'aa jireenya nama dhuunfaa akkamiin huba?

Yeroo boba'aan guutamu

Madda suuraa, Getty Images

Mootummaan gatii boba'aa irratti daballii taasisuu hordofee gatiin beenzilaafi boba'aa xiyyaaraa liitiriin tokko Itoophiyaatti yeroo jalqabaatif birrii 100 caalera.

Ministerri Daldalaafi Hariiroo Naannoo fooyya'iinsa gatii boba'aarratti taasifame, Kibxata Amajji 07, 2025 ifa godhe.

Daballii gatii boba'aa taasifame kana hordofee beenzilli liitiriin tokko kana dura birrii 91tti gurguramaa ture amma birrii 101.47 ta'eera.

Haaluma wal-fakkaatun, gatiin boba'aa xiyyaaraas liitirii tokkotti gara birrii 109.56tti ol guddateera.

Daballiin gatii boba'aa mootummaan taasise jireenya nama dhuunfaa akkamiin hubuu mala? Diinagdee biyyaaf hoo maal akeeka? kan jedhurratti ogeessa Diinagdee kan ta'an Dr. Guutuu Teessoo gaafanneerra.

Ogeessi diinagdee kun akka jedhanitti boba'aan kallattiinis ta'ee al-kallattiin jireenya namootaa wajjin waan wal-qabatuuf daballiin yeroo taasifamu dhiibbaan jireenya namootaa irratti qabaatus akkasuma.

"Tajaajila boba'aan kennu keessaa kan qooda hin fudhanne hin jiru. Geejjiba ta'uu danda'a, maashinii xiqqaadhaa hanga guddaatti ittiin hojjatu ta'uu danda'a.

"Harka qaleessaa hanga dureessatti, kan baadiyyaa jiruu kaasee hanga kan magaalatti, hojjataadhaa kasee hanga daldalaatti boba'aan ykn gatiinsaa qaamni hin tuqne hin jiru," jedhu Dr. Guutuun.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Itoophiyaan gabaa addunyaa irratti hundaa'un gatii boba'aa ji'a sadi sadiin kan haaressu yoo ta'u, ji'a Onkoloolessaa darbe keessa ture fooyya'iinsi kan taasifame.

Onkoloolessa keessa yeroo fooyyaa'insii gatii boba'aa taasifametti Ministeerri Daldalaafi Hariiroo, diggomaan waliigalaa waggaa tokkoof turu akka taasifamu ibsee ture.

Gama biraan ammoo mootummaan osoo daballii gatii boba'aa gaafa Amajjii 7 beeksisuu dura magaalota Itoophiyaa keessatti hanqinni boba'aa mudachuun konkolaachiftoonni rakkataa jiraachufi daldalli boba'aa gabaa gurraacha irratti dabalaa dhufuu BBCn odeeffatee ture.

Daballiin boba'aa amma taasifame bifa kana dura hin beekamneen yeroo jalqabaaf gatiin beenzilaa birrii 100 ol ta'e.

Kuni ammoo jireenya guyyuu namootaa irratti dhiibbaa guddaa akka qabaatu himu ogeessi diingadee Dr. Guutun.

"Gatiin boba'aa gaafa jijjiiramu hojii hojjannu hundumaarratti jijjiiramaafi dhiibbaa uuma. Qaala'iinsi jireenyaa inni fidus garmalee hammaata," jechuun dhiibbaa dabaliin gatii boba'aa lammiilee irratti qabu ibsu.

'Galiin namootafi daballiin gatii taasifame tasumaa wal-hin madaalu'

Itoophiyaan biyyoota boba'aa alaa galchan keessaa tokko yoo taatu, waggoota hedduuf wantoota mootummaan doggomu keessaa tokko dhiyeessii boba'aati.

Haa ta'u garuu, waggoota muraasaa as mootummaan suuta doggomaa taasisu hir'isaa jira.

Miidiyaalee biyya keessaa dabalatee Itoophiyaan biyya boba'aa gatii gadi aanan dhiyeessitu jechuun yeroo gabaasan ni mul'ata. Kuni haala qabatamaa diinagdee Itoophiyaafi dandeettii bituu danda'uu lammiilee biyyattii wajjin yoo wal-bira qabamu hangam dhugaadha jennee ogeessa diinagdee Dr. Guutuu gaafanne.

Kana ammoo biyya ollaa Itoophiyaa kan taate Keeniyaa akka fakkeenyatti kaasun ibsu.

Gatiin boba'aa Itoophiyaa kan ollaa wajjin wal-bira qabamee gaafa ilaalamu rakasa miti. Gatiin litiriin tokki buufata boba'aarraa ittiin fudhatamu yoo madaalle rakasa ta'uu danda'a," jechuun "rakasa" jedhamuuf sadarkaa diinagdee namni dhuunfan argatu wajjin wal-bira qabamee ilaalamuu akka qabu kaasu.

Akka isaan jedhanitti galiin namee (per capita income) Itoophiyaafi Keeniyaa yoo wal-bira qabamee ilaalamu, kan lammii Keeniyaa tokkoo kan Itoophiyaa harka lamaafi walakkaan caala.

Gatiin boba'aa rakasa kan jedhee akki itti tilmaamamu "humna keetin wal-bira qabameeti jechaadha," jechuun galiin namee Itoophiyaa Afrikaa keessaa isa gadaanaa akka ta'e kaasu.

Kana jechuun "humni bituu danda'uu uummata Itoophiyaa biyyoota Afrikaa keessaa harka jireessaa gadi. Kanaaf [boba'aarratti] qarshii tokko yoo dabalte humnasaanii oli jechuudha," jedhu.

Gama biraan ammoo gatiin boba'aa rakasa jechuudhaf sochiin diinagdee biyya keessaa kanneen akka carraa hojii fa'aa murteessaa ta'uu kaasu.

"Gatii boba'aa ykn gatii omishaan qofa miti kan ilaalamu. Diinagdee wajjin ilaalama, carraa hojii jiru wajjin ilaalamu, qaala'iinsa jireenyaa kan biroo wajjin wal-bira qabamee ilaalama malee omisha tokkicha fudhatamee kun asitti rakasa achitti qaalidha jedhamee kan madaalamu miti jechuudha," jechuun gatiin boba'aa Itoophiyaan lammiileesheef dhiyeessitu rakasa akka hin taane ibsu.

'Daballiin akkasii uummata hiyyummaa hin malletti geessudha'

Itoophiyaan daballii gatii boba'aa guddaa ta'e si'a tokkotti taasisuun haala qabatamaa galii lammiilee biyyattii wajjin kan wal-hin madaalle ta'uu kan himan Dr. Guutun gatiin boba'aa Itoopphiyaatti itti gurguramaa jiruufi Ameerikaa biyya dureettii wajjin waluma akka fakkaatu kaasu.

"Mootummaawwan darbaniifi mootummoonni biyya guddataniifi guddataa jiranii tarkaanfiiwwan akkamii fudhatu kan jedhu ilaalun barbaachisaadha," kan jedhan ogeessi diinagdee kun "akkaataa itti dandeettin uummataa wayyaa'u ykn doggomaa isa jedhamu sana irratti hojjatamuu qaba" jechuun gorsa ogummaa kennu.

Haala qabatamaa galii namee lammiilee Itoophiyaa amma jiruun boba'aarratti birrii tokko dabaluun qaala'iinsa jireenyaa kan hammeessu akka danda'u himu Dr. Guutun.

"Biyya ollaa ilaalanii biyya guddate ilaalanii nutis kanarraa adda miti jechuun [daballii] akkasii uummata kanatti fe'uun hiyyuma hin malle, qisaasama hin malle, rakkoo diinagdee wal-xaxaa ta'etti geessaa jira sababa ta'eef, akkaataa itti harka keessa qabatamu irratti hojjachuun baay'ee barbaachisaadha," jechuun dhiibban inni diinagdeefi qaala'iinsa jireenyaa irratti qabu salphifamee ilaalamuu akka hin qabne akeeku.