Sidaamaatti balaa konkolaataa namoota 71 galaafate keessaa 50 fira

Ibsa waa'ee viidiyoo, 'Namni tokkollee hin hafne' - Balaa tiraafikaa Sidaamaatti lubbuu 71 galaafate

Kibba Itoophiyaa naannoo Sidaamaatti balaa tiraafikaa mudateen lubbuun namoota 71 ol darbuu aangawoonni beeksisan.

Namoota haala suukaneessaan lubbuun isaanii darbe keessaa 50 kan tahan fira walii akka tahanis poolisiin himeera.

Taatee kun kan mudate guyyaa Dilbataa konkolaataan fe'umsaa 'Isuzu' jedhamu namoota cidha adeemaa turan qabatee laga bu'uuni.

Warreen cidhaa kuni Miiriidee iddoo jedhamuutii Waldaa Kiristaanaa deemanii gara iddoo Waraanchaa jedhamutti yeroo deebi'an riqicha laga Galaanaa jedhamurratti konkolaataan karaa irraa maqee darbamee lagarra bu'uu qondaaloti naannoo himaniiru.

Namni balaa kuni yoo mudatu achi turan tokko ''Dhiironnis, dubartoonnis namni tokkollee hin hafne. Reeffi irra caalaan isaanii kutaa qaamaa guutuu hin qaban,'' jedhan.

Ittigaafatamaan poolisii aanaa Boonaa, Inispeektar Ittaanaa Shumatee Tunchaa ''akka malee miidhaman'' jechuun sababani balaas ''konkolaataan humnaa ol fe'uu dha,'' jedhaniiru.

Balaa kanaan misirricha dabalatee namoonni 71 lubbuun isaanii darbuu kan himan itti gaafatamaan kuni reeffi hamma halkan sa'atii 9:00 akka ka'aa ture BBCtti himaniiru.

Tumsa hawaasaan miidhamtoonni 73 gara Hospitaala Boonaa jedhamutti fudhatamuu isaanii daarektarri hospitaalichaa Dr Lammaa Lagiidee BBCtti himaniiru.

''...konkolaataan lagicharratti kufe.Hawaasni naannoo tumsa gochuun reeffa gara hospitaalaatti fiduu danda'aniiru.

Qorannoon reeffaan kanneen 66 tahan balaa kanaan lubbuun isaanii darbuu daarektarri hospitaalichaa himaniiru.

Balaa kanaan warreen miidhaman keessaa 64 kan tahan hospitaala gahuun dura lubbuun isaanii battalumatti darbuu himuun namoonni lameen kaan hospitaala otoo yaaliin godhamaafii jiruu lubbuun isaanii darbuu daarektarri hospitaalichaa himaniiru.

''Tokko gara kutaa oppireeshinii galee otoo yaaliin taasifamaafii jiruu lubbuun darbe. Isheen kaan ammoo kutaa wal'aansa olaanaa galteeti lubbuun darbe.

''Namoota lagicharraa kaafamanii hamma hospitaala gahanitti lubbuun kan darbes jiru. Kanaaf 64 iddoo sanattiifi otoo karaa irra jiranii lubbuun kan darbe dha,'' jechuun ibsaniiru.

Balaan tiraafikaa kun konkolaataan Aysiizuu jedhamu namoota hedduu fe'ee ture riqicha irraa maqe laga seenuun ture
Ibsa waa'ee suuraa, Balaan tiraafikaa kun konkolaataan Aysiizuu jedhamu namoota hedduu fe'ee ture riqicha irraa maqe laga seenuun ture

Kanneen du'an keessa misirricha dabalatee 61 dhiirota yoo tahan afur ammoo dubartoota.

Aangawoonni Itoophiyaafi kaan hedduun du'a lammiilee kanaan gadda isaanii ibsaa jiru.

Itoophiyaa keessatti yeroo yerootti balaa konkolaataa mudatuun waggaatti lammiileen kumaan lakkaa'aman lubbuu isaanii dhabu, kaan qaama miidhamaa ta'u.

Haa ta'u malee, namni hammanaa du'uu dhagahamee hin beeku.

Namoonni torba madaa'anii yaaliin taasifamaafi akka jiru kan dubbatan Dr Lammaa shanan isaanii miidhaa gidduugalaa akka qaban himaniiru.

Miidhamtoonni lama ammoo luqqeettuu, harkaafi miila isaanii cabni akka isaan mudate yaalii dabalataaf gara Hospitaala Hawaasaa geeffamuu dabaluun himaniiru.

Namoota 71 keessaa 50 fira - Poolisii

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Namoota du'an keessaa 50 jiraattota ganda Miiriidee miseensota maatii tokkoofi firoota tahuu inspeektarrii ittiaanaa Shumatee BBCtti himaniiru.

''Obboolessa, obboleettii, eessuma,'' dabalatee cidha kana irratti hirmaachuuf ollaan wajjIin bahellee miidhameera jedhaniiru.

Daarektarrii hospitaala Boonaa namoonni lubbuun darbe baayyeen dargaggoota umriin isaanii waggaa 15-30 gidduu jiranidha jedhaniiru.

''Maatii qofa osoo hin taane ummata Sidaamaa akkasumas ummatni Itoophiyaa miidhameera. Maatiinis jiraattonnis yeroo ammaa gadda ibsachaa jiru,'' jechuun himani.

Hamma gabaasni kuni qindaa'etti awwaalchi namoota kunneen kan hin raawwanne yoo tahu, Kibxata borii lafa aangawootni argamanitti akka raawwatu eegama.

Prezidantiin Naannoo Sidaamaa Obbo Dastaa Leedaamoo balaa uumame kanaan gadduu ibsanii, maatii miidhamtootaaf ergaa jajjabinaa dabarsaniiru.

Itoophiyaa biyya konkolaataa baay'ee hin qabne garuummoo balaan tiraafikaa heddumminaan lubbuu namaa itti gaaga'uudha.

Balaawwan tiraafikaa sababa rakkoo daandiitiin walqabatee mudatan dabalataanis rakkoon naamusa konkolaachisaa balaa kanaaf sababa ta'uu ragaaleen kan mul'isan.

-------------------------------------------------------

BBC Afaan Oromoo Chaanaalii WhatsApp fi Facebook irratti hordofaa.

Oduuwwan BBC Afaan Oromoo biroo dubbisuuf as cuqaasaa.