Balaan tiraafikaa miseensota maatii tokkichaa shan dabalatee lubbuu namoota 19 galaafate

Madda suuraa, KominikeeshiniiAanaa Adaa Bargaa
Godina Shawaa Lixaa Aanaa Ada’aabargaatti balaa tiraafikaa kaleessa guyyaa naannoo sa’aatii 6tti qaqqabeen lubbuu namoota 19 yoo darbu, namoota 28 irraa miidhaan qaamaa cimaan qaqqabuu poolisiin Aanichaa hime.
Balaa sanaan dubartii ulfaa fi haadha deessuu fi ilmoo ishee dabalatee miseensota maatii tokkoo keessa namoota shan fa’aa lubbuu dhabanitu keessatti argama.
‘’Maatii tokkoo keessa namoota shantu du’e, maatii sana keessaa mucaa tokko qofatu hafe, innuu qubatu cite, dubartii ulfi, deessuufi daa’ima ishee, ijoolleen kanneen du’an keessa jiru‘,’ jechuun Aanaa Ada’aa Bargaatti qindeessaa tiraafikaa Saajiin Ittaanaa Adaanaa Disaasaa BBCtti himan.
Saajiin Ittaanaa Adaanaa Disaasaa akka himanitti, balaa sanaan namoonni 15 battala sanatti yoo du’an, namoota wal’aansaaf hospitaala Finfinnee qaqqaban keessa 4 du’uu isaanitiin lakkoofsi namoota du’anii 19 qaqqabe.
‘’Namoota miidhaman kan keessatti kan miilli cite, mataan buruqetu argama, miidhaa cimaatu irra qaqqabe’’ jedhan.

Madda suuraa, KominikeeshiniiAanaa Adaa Bargaa
Balaan kun konkolaataan hawaasa deddeebisu aanaa Meettaa Ganda Bishaan Diimoo jedhamu keessatti konkolaataa fe’iisa walharkisu warshaa simintoo Mogor irraa gara Finfinnee deemaa turetti bu’uun miidhaa sana qaqqabsiise.
Sababni ijoo balaa kanaa marfata irratti saffisaan konkolaachisuudha. Naannicha imaltoota humnaa ol fe’uun jira, balaa mudate kanaaf garuu ka'umsi saffisaan konkolaachisuudha jedhan, qindeessaan tiraafikaa Aanaa Ada’aabargaa kun.
Akka Saajiin Ittaanaa Adaanaan himanitti, konkolaataan hawaasa deddeebisu namoota 47 fe’e magaalaa Incinniirra ka’e magaalaa xiqqoo Roobii/ Shinootti imalaa ture.
Konkolaataan hawaasa deddeebisu sun bara darbes Hoolotaarraa gara Ambootti otoo deemuu konkolaaataa biraa wajjiin Aanaa Ejersa lafootti walitti bu’ee lubbuu namoota 12 dabarsuu eeran.
Konkolaataan sun garaajii keessaa erga bahee booda tajaajila kennuutti deeb’isaa himan.
Naannicha waggoota lamaati dhiyaatu keessatti balaa sukanneessaa akkasii argamee hin beekamu jedhan.












