Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Keeniyaan qabxii Olompikii Paaris 'bareeda' booda yaaddofte, Itoophiyaaf ergaa dhaamte
- Barreessaa, Galaanaa Balaay
- Gahee, Gaazexeessaa
Olompikii Paaris dhiyoo xumurame irratti gareen Keeniyaa atileetiksiin warqee afur dabalatee medaaliyaa 11 argachuun addunyaarraa 17ffaa, Afrikaa keessaa ammoo adda duree ta'uun xumure.
Qabxiin garee Keeniyaa kun seenaa hirmaannaa Olompiikii biyyattii keessatti qabxii guddaa argatan isa sadaffaadha.
Keeniyaan gara Olompikii Paaris kan imaltee akka Itoophiyaa federeshinii atileetiksii qofa qabattee miti.
Federeeshiniiwwan ispoortii jaha irraa hirmaattota 76 qabattee Paarisitti dorgomaa baate. Harki caalu garuu fiigicha.
Waajira Atileetiksii Keeniyaa bulchu Athletics Kenya keessatti Daairekatara misoomaa dargaggootaa kana ta'an Barnabaas Koriir, yaada BBCf kennaniin hirmaannaasaanii Paaris ibsaniiru.
''Atileetiksiin namoota 46 hirmaachifne. Garuu federeeshinoota jahaatu ture, Raagbii, Kubbaa saaphanaa, Juudoo, Saaykilii, bishaan daakuu, Atileetiksiin'' jedhan.
Atileetiin duraanii biyyattii kun Keeniyaan dameelee dorgommii ittiin hirmaattu bal'isaa jiraachuu himaniiru.
Eeboo darbachuun Afrikaa keessaa abbaa riikardii kan ta'e atileetiin Keeniyaa Juuliyees Yegoo Paarisitti riikardii ofii foyyessee shanaffaa ta'uun meedaaliyaatti siiqee ture.
Piiter Injorogee atileetikisii baayyee jaalataa. Kanarraa kan ka'e Atileetiksii Keeniyaatti hidhata jabaa qaba.
Olompikii Paaristti qabxii gareen Keeniyaan argate ''jalqaba nu rifachiisee ture dhumnisaa garuu ni bareedee'' jechuun miira jaallattoota atileetiksii biyyattii biratti uumame BBCtti hime.
Barnaabaas kan garee Olompikii biyyattii fuudhanii gara Paaris imalanis gara jalqabaa qabxiin dhufuu dhabuusaatti rifaatuun isaan mudatee akka ture BBCtti himan.
Seenaa Olompikiin qabxii gaarii argameen sadarkaa sadaffaa qabata
''Dorgommiiwwan gulaallii booda dorgommii 10,000m dhiirotaan medaaliyaa wayita dhabnu namni hedduun Olompikii kanarratti gaarii hin jiran jedhee yaade'' jedhu.
Guyyoota gara dhumaarra garu qabxii gaarii argachuu himan.
Wal bira qabaan kan bara 1968 irraa kaasee yoo ilaaltu qabxii olaanaa argameen sadarkaa sadaffaa qabata'' jedhan.
Qabxiin inni guddaan seenaa Olompikii Keeniyaa keessatti galmaahe Olomikii Beejiing bara 2008 irratti yoo ta'u warqee jaha, meetii jahaafi Riyoo bara 2016 gubbaatti yoo ta'u, gareen Keeniyaa meedaaliyaa warqee jaha, meetii afuriifi nahaasa jaha argatte.
Olompikii Riyoo irratti akkasuma warqee jaha dabalatee meedaaliyaa 13 argachuun qabxii gaarii argatte.
Qabxiin inni bara kanaa lakkoofsa meedaaliyaa argamsiiseen warra olii lamaanitti aanee sadaffaa ta'uu Barnaabaas himaniiru.
Piiter miidiyaa hawaasaa gubbaa yaadni uummataa qabxii garee Keeniyaarratti kennamu walmakaa akka ta'e hima.
Barnaabaas ammoo dhalootni haaraan biyyattii seenaa Olompikii sirnaan waan hin barreef malee qabxiin kun gadaanaa osoo hin taane warra gaarii jedhaman keessaatii jedhu.
Piiter garuu Maaraatooniifi gufachiisa meetira 3000m warqeen biraan argamuu danda'a turee jechuun hima. Meetira 400m ulee walii dabarsuun fi fiigicha 100m xumura hanqachuun gaaffii uumee akka tures dubbata.
'Itoophiyaan warqee tokko qofa argatteen galuun ni ulfaata. Eyyen ni gaddinaaf'
Itoophiyaa fi Keeniyaan dorgommiiwwan atileetiksii fageenya giddugaleessaa hanga maaraatoonitti jiruun sadarkaa addunyaatti maqaa horatanii fageenyichas dhuunfatanii barootaaf turaniiru.
Qabxiin garee Itoophiyaa Olompikii baranaa garuu ofiis, morkattuunshee Keeniyaas kan hin eegneedha.
Piiter Injorogee atiletota Keeniyaa qofa soo hin taane kan Itoophiyaas ni hordofa, dandeettii addaa qabuu jechunis isaan ibsa.
Ammoo qabxii amma argame yoo ibsu ''maaltu isaan tuqe? wanti ta'e bakka ta'etti badeera'' jedha.
Morkattummaa atileetota biyyoota lamaanii gidduu jirurraa kan ka'e qabxiin Itoophiyaan argatte nama gariin gammachiiseera kaaniin ammoo gaddisiiseera jedha.
Barnaabaasiin qabxii xiqqaan garee Itoophiyaa hiika akkamii isiiniif kenne jennee gaafanne.
''Itoophiyaan warqee tokko qofa argattee galuun ni ulfaata. Eyyen ni gaddinaaf'' jedhan.
Ammoo qabxiin garee Keeniyaa amma argame gaariidha jedhamuyyuu yaadnii kanaa oltu eegama hojjechuu qabdu jedhu jiraa jedhu.
Dabaluun Itoophiyaa fi Keeniyaan morkattoota jaboo walii ta'aniis ''rakkoo walfakkaataan isaan mudata. Raakkoon Itoophiyaa mudateen walfakkaatu nus ni mudataa'' jedhan.
''Gorsi ani federeeshinii atileetiksii Itoophiyaaf qabu duubatti deebi'anii rakkoo inni ijoon qabxii atileetotaa xiqqeesse maali jedhu ilaalanii akka fooyyessaniidha'' jedha.
''Qabxii badaa dorgommii tokkooti malee guutummaatti gaarii miti jennee kan jala murru miti'' jechuun ''Itoophiyaan biyya jaa'ibaati, dandeettii gadi fagoo qabdi'' jedhan.
Gareen Keeniyaa qabxii amma argate mataasaarraa akka baratu, dogoggora Itoophiyaarraas akkasuma akka baratu dubbatan.
Keeniyaan Olompikii kanarratti warqee argatteenis yoo ta'e, meedaaliyaa waliigalaa keessaa hedduun kan argame dubartootaani. Dhiiraa 800m injifaterraa qofa warqee argatte.
Piiter kun nu yaadessuu qabaa jedha. Bitriis Chebeet 5000m fi 10000m warqee lama argatte. Reefuu dhufaa kan jirtu ta'us, gamuma dubartootaanuu hojjetamuu akka qabu akeekaa jedha.
Barnaabas gama isaan dorgommiin gara dhiiraan jiru jabaa ta'uu akeekaa jedhu. Ammoo qaawwa argan kana fooyyessuuf akka hojjetan dubbatu.
''Iddoo rakkoon jiru adda baafnee gama dhiiraan taaktikii jijjirree ilaalla. Dubaertootni meedaaliyaa argamsiisanis lakkofsaan muraasa. Atileetota hedduu waan qabnuuf isaanis ni gahoomsina.''
Dirree Itoophiyaafi Keeniyaan dhuunfatanitti dorgommiin cimuun ni yaaddessaa?
Atileetotni Itoophiyaafi Keeniyaa waggoota dheeraaf fiigicha gufachiisa 3,000, 5,000, 10,000 fi maaraatoonii dhunfatanii turan.
Amma garuu olaantummaansaanii kun qoramaa jira. Olompikii kanarratti Keeniyaafi Itoophiyaan fiigicha 5,000fi 10,000 dhiirotaan warqee hin arganne.
Biyyi Afrikaa biroo, Ugaandaan morkattuu jabduu erga taatee bubbuleera. Atileetotni dhalootaan Baha Afrikaa ta'anii biyyoota kaaniif fiiganis akkasuma meedaaliyaa isaan dhabsiisaa jiru. Siifan Hasan akka fakkeenyaatti kaasuun ni danda'ama. 5,000 Dhiirotaan atileetii Noorweeyitu warqee injifate.
Barnaabaas ''amma fageenyichi kan Itoophiyaafi Keeniyaa qofa miti. Warri Ameerikaa, Noorweey, Ugaandaa jiru. Keeniyaa fi Itoophiyaa qofa waan hin taaneef nuti akka biraa hin hafne of jabeessuu qabna'' jedhu.
''Hooggansi biyyoota lamaanii jijjiirama kana hubatanii keessumaa shaakala saayinsaawaafi dhimmoota teeknikaarraa barachuu qabu.''
Biyyootni amma fageenya kanarratti jabaachaa dhufan warra teeknoolojiin guddatan waan ta'aniif biyyootni lameen boodatti akka hin hafne akeekkachiisu.
Dabaluunis ''warri kaan qabeenya baayyee qabu. Nuti garuu qabeenya murtaahaa waan qabnuuf isa xiyyeeffannoon hojiirra oolchuu qabna'' jedhan.
Barnaabaas Itoophiyaafi Keeniyaan atileetota uumamaan kenna qaban ni qabu jedhanii amanu. Ammoo haala amma jiruun kennaan uumamaa qofti milkaahinaaf gahaa akka hin taane argaa jiraachuu jabeessanii dubbatu.
''Biyyoota gurguddoo kana waliin akkaisitti dorgommuuf gahaa miti. Isaan qabeenya qabaniin ogummasaanii fooyyessaa jiru, leenjii teeknikaa fooyyessaa jiru, leenjisummaan fooyya'aa jiru, bu'uurri misoomaa isaan qabanis keenyaan oli'' jedhan.
'Hegereen atileetiksii Keeniyaa abdii qaba'
Olompikii Paaris irratti qabxii dhabuu mul'ateen walqabatee gaaffiin ijoon hooggansa Koree Olompikii Itoophiyaa irratti haa ka'iyyuu malee yaaddoo biraan mul'ate Itoophiyaan dhuguma atileetota akka Haayilee Qananiisaa, Daraartuu, Xurunasha fa'aa bakka bu'an horachaa jirtii? kan jedhuudha.
Gaaffiin Kun Keeniyaattis ni ka'a.
Piiter atiletota reefu ol dhufaa jiran beeka dirree leenjii dhaqees suura kaasa.
Isaaf hegeeran atileetiksii Keeniyaa ammas ifaadhuma. Wanta qamni atileetiksii biyyattii hoogganu gama kanan hojjechaa jiru quba qaba
Barnaabaas Koriir Federeeshinii Atileetiksii Keeniyaa keessatti daayireektara damee misooma dargaggootaati. Gaafatamnisaanii tokko bakka buutota horuudha.
Waajirri isaanii manneen barnootaa sadarkaa tokkoffaafi lammaaffaa hunda waliin walta'iinsa uumanii dorgommii qopheessuun ijoollee atileetummaaf kennaa qaban adda baasanii hojjeechuuf sirna diriirsuu himaniiru.
Bu'uura misooma atileetiksii bal'isuuf, hammayyeessuurrattis hojjechuutti jiru.
Pireezidant Wiiliyaam Ruutoo Eldoreet (bakka burqaa atileetotaa jedhamtutti) atileetota Paarsitti milkaahan yoo badhaasan, Keeniyaa ''biyya shaampiyoonotaa'' gochuu akka itti fufsiisan mirkaneessan.
''Qaamolee qooda qaban waliin qindoomina jabessinee biyya shaampiyoonotaa ta'uu keenya ni guddifna'' jedhan.