Kasoongoo, Zakkiwoos... Pirezidantiin Keeniyaa maaliif maqaa masoo baayyee argate?

Madda suuraa, Reuters
Pirezidantiin Keeniyaa Waliyaam Ruutoo nama maqaa masoo baayyee qabudha.
Itti-aanaa Yesuus, El Chaappoo, Hasilar, Daldalaa Lukkuu kanneen jedhan maqaa inni waggoota dhiyoo keessa argatedha.
Namoonni yeroo baayyee maqaan masoo kan moggaafamuuf, gariif jaalala qaban ittiin ibsuuf, gariif ammoo itti qoosuun aarii nama sanarraa qaban ibsachuuf yaadameeti.
Seenaan eenyummaa sobaa pirezidantichaa ilaalcha isarratti namni qabu akka jijjiiramuuf karaa kan banedha.
Ruutoon yaada irra deebiin cuuphamuu jedhuuf beekamtii kan kenne yoo ta'u, dhiheenya kana lammiileen Keeniyaa maqaawwan hedduutiin isa "fixaa" jiru jechuun qoosee jira.
"Maqaa baayyee naaf kennitaniittu. Ani maqaa Wiliyaam Kipchirchir Saamoy Ruutoo jedhun qaba. Isin ammoo Sarvaayivar...Zakaayoo...amma ammoo Kasoongoo kan jedhu itti dabaltaniittu. ['Kasoongoon' maqaa mata-duree sirba warra Koongoo waa'ee dagatamuufi gaddaan cabuuti.] Kudhan yoo qaqqabdan ni dhaabduu moo kan biraa dabalataaf of qopheessu?" jechuun gaafate Ruuoon dhiyeenya kana.
Ummanni magaalaa guddoo biyyattii keessatti walitti qabamee jiru, amallee maqaa biroo dabalataa siif qabna jechuun deebisaniif.
Bara 2022 keessa osoo pirezidantii ta'ee hin filatamiin dura, Ruutoon nama uummataa jedhamuun maqaa gaarii argataniiru.
Hasilar [Hustler] - maqaa kana Keeniyaanonni nama haala jireenyaa rakkisaa keessatti rakkoo keessaa tattaafatuuf kennu. Maqaan kun Ruutooof kan kenname yoo ta'u, akka inni nama namoota warra osoo hojii hin tuffatiin dafqanii dhama'uun jijjiiramuuf carraaqaniif dursa kennutti fudhatama argatu godheera.
Daldalaan Lukkuu, ammoo hojii inni yeroo ijoollummaa isaa hojjetu- lukkuu daandiirratti daldalaa ture yaadachuun jireenya ofiisaanii rakkina keessaa bahuuf dhama'anitti fakkeessanii kanaan waamu.
"Isaan [maqaan] kunneen maqaa baayyee gaarii ta'anidha. Maqaa warra ummata biratti akka inni jaallatamuun filatamu taasisanidha," jechuun BBCtti hima xiinxalaan siyaasaa Pirofeesar Hermaan Maniyooraa. Maqaa kunneen akka pirezidaantichi gara aangoo guddatti dhufan gochuu keessatti isa gargaaraniiru jedha Piroofeesar Herman.
"Maqaa dhugaatti Ruutoo waliin wal qabatanidha," jedha itti dabaluun.

Madda suuraa, AFP / Getty Images
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Haata'u malee, pirezidantichi itti-aanaa pirezidantii ta'uun hanga bara 2022 waggoota sagaliif waan tajaajileef nama falmsiisaa ta'uun isaa hin oolu.
Piroofeesar Manyooraan maqaa Arap Mashambaa- kan hiikni isaa "ilma qonnaa"- jedhu waggoota kudhan dura moggaafame Ruutoo waliin wal qabsiisu. Kun ammoo sababa inni lafa qonnaa bal'aa guutummaa biyyattii keessaa qabuu akka ta'e yaadatu. Lafti qonnaan kun akkamiin akka argaman yaaddoo kaasaniiru.
Bara 2013, manni murtii Ruutoon akka lafa qonnaa hektaara 40 ta'u qote-bulaan hokkara filannoo 2007 booda na saaman jechuun isa himate tokkoof deebisee isaaf akka beenyaa ta'uuf murteessee ture. Inni [prezidantici] garuu dogoggora tokkollee akka hin hojjenne jechuun wakkate.
Ruutoon Kitaaba Qulqulluu keessaa luqqaasiiwwan gara gara afayyadamuunis maqaa Itti-aanaa Yesuus [Deputy Jesus] jedhu akka isaaf moggaafamu godheera.
Namoonni baayyeen Ruutoof maqaa masoo kan baasan erga inni gara aangoottii dhufee booda yoo ta'u, caalaa dabalaa kan dhufe ammoo maqaa qeequmsaati.
Maqaan erga gara aangootti dhufee Ruutoof moggaafameefi akka addaatti ittiin beekame tokko 'Zakkiwoos' kan jedhudha. Afaan Swahiliin 'Zakayo', Ingiliffaan 'Zaccheaus' jedhame.
Maqaan Zakkiwoos jedhu kun ammoo nama Kitaaba Qulqulluu keessatti nama qaraxxuu kakaatuu gibira namarraa guuru yoo ta'u, yeroo tokko gabaabina isaarraa kan ka'e Yesusiin arguudhaaf muka kore.
Mootummaan Ruutoo gibira duraan hin beekamne baayyee ummatarra uuluun booda Keeniyaanonni baayyeen "warra dhama'atee bulu [hustlers] gane jedhanii amanu.
"Erga pirezidantii ta'ee waadaa gale hojiitti hiikuu dadhabe," jedha Pirof. Manyooraa
Dhukkubbuun gibira baayyee kaffaluufi maallaqni guddaan baduu danda'a ilaalchi jedhu dubbii ijoo falmisiisaa ta'aa dhufe.

Madda suuraa, Anadolu / Getty Images
Dhaadannoon "Ruutoon ka'uu qaba [Ruto Must go]" namoota hiriira bahaniif sagalee mormiif ittiin waamicha taasisan ta'ee ture. Amma garuu 'Must Go' kan jedhu kun karaa biraatiin gaggeessaa kana waliin wal qabsiifameera.
Warri maqaa uumanii mogaasan kunneen himannaa pirezidaanticharratti imala biyya alaa jaallata jedhuun irratti ka'urratti fuulleffataniiru.
Kanaan walqabatee maqaan ' Vasco da Ganya' - fiilmii maqaa abuurtuu Poorchugaal jaarraa 15ffaa keessa ture 'Vasco da Gama' waliin walqbsiisu. Jechi Swhailii 'danganya' jedhu "sobuuf[to lie]' jechuudh.
Amanama ta'uu dhabuun Ruutoo 'Kaunda Uongoman' waliinis wal fakkeessuun ka'a. 'Kaunda Uongoman' nama muuziqaa duraanii Koongoo 'Kanda Bongoman' kan akkeessudha.
Qaamni jalqabaa jechichaa jaalala jaakkeettii ' Kaunda' - jaakkeettii safaarii surree isa waliin deemu kan ilaallaudha – 'Uongoman' ammoo jecha Swahili 'uongo' kan hiikni isaa "soba" jedha bakka bu'a.
Pirezidantichi garuu arrabsoofi maqa balleessii kanaaf kan duubatti jedhu hin fakkaatu.
Dubbi-himaan mootummaa Isaaq Miwaawuraa akka jedhetti, maqaan masoo hedduu kun waajira pirezidantii keessatti "yaaddoo uuman hin qaban", garuu "akkamitti akka namni nama ilalau garuu ni agarsiisu."
Ruutoon "waan hojjeturraa harka hin fudhanne, dinagdees jijjiiruudhaaf waan danda'u hunda gochaa jira... akka hoggana atokkootti waan isa waliin walqabatuufi sochii isaa garar garaa waan agarsiisuuf gaggeessaa kamiifiyyu maqaa masoo baayyee qabaachuun waanuma jirudha," jechuun BBC ibse.
Dubbi-himaan mootummaa kun akka jedhutti, maqaan asoo gibira dabaluu waliin walqabsiisuun 'Zakkiwoos' jedhu isaaf kennamellee, gibira sassaabame kanaan pirojektoonni hedduun hojjetama ajiru, hanqina baajataa ture hir'isuun rakkoo dinagdeen qabu furamaa jira.
Waan fedhes ta'u, yeroo namoonni maqaa uumuufi cigoofi aartii fayyadamuun pirezidaaticha xiqqeessan, aanga'ootarraa deebiin hin taane ni jira.
Suuraawwan AIn hojjetaman pirezidaanticha saanduuqa reeffaa keessa godhanii mul'isuun akka inni nama "dhibaa'aa" fi "jibbamaa" ta'ee ibsamu godhaniiru.
Namoonni qabiiyyeewwan ergaa qaman toora interneetiirratti uumaa olan kunneen gariin isaanii miidhamtoota gochu butiidha.
Barataa yuniversiitii kan ta'e dargaggeessi umuriin isaa waggaa 23 Laachon Kippiliimoo akka jedhutti, pirezidaanticha deeggaree ture, waadaawwan inni gale hangi tokko "waan dhugaarraa faggaatan" waan ta'eef maqaa masoo kanneen akka irrati baayyatan godheera.
Piroofeesarichi maqaa El Chaappoo fayyadamuun ammoo namicha lammii Meksiikoo gooftaa qoricha sammuu nama adoochanii waliin walitti fiduuf kan kennamedha. Kunis erg Ruutoon maashina guyyaatti chapaatii (chapo jedhamuunis kan beekamu) miliyoonaan omishuu danda'u qopheessuuf waadaa galeeti.
Chapaatiin nyaata daakuu qamadiirraa hojjetamu qiixxaa fakkaatee haphii ta'edha.
maashinni Chapo waadaa galame kun guyyaa guyyaan daa'imman mana-barumsaa magaalaa guddo biyyattii keessa jiran soorf jedhameeti.

Madda suuraa, AFP / Getty Images
Mr Kipliimoon garuu akkaataa pirezidaantichi maqaawwan masoo isaaf kennamanitti salphisee qoosee darbuufi itti fudhatu hangam akka cimaa ta'e isa agarsiisa.
Daraggoonni Pirezidaantichaafi maqaa masoofi moggaasa gara garaa kennaniif aariifi dhiphina qaban ittiin ofirra dabarsuuf gargaaramu jedhee amana Pirof. Manyooran.
Barattuun umurin ishee waggaa 24 ta'e margaareet Wayirimuu yaada kana ni deegarti. Keeniyaanonni hedduun "dhukkubbii keessa jiru," jetti.
Maqaafi qoosaan kun dargaggotatti maaltu dhaga'amaa akka jiru Ruutoon akka baru taasisu jetti shamarreen kun.
Pirezidantiin Keeniyaa biraa sadarkaa kanatti ciameefi arrabsame hin jirus jetti. Kanaaf,, "kun gadhummaa isaatiin baayyee adda kan ta'edha."
Dhugaadha, gaggeessitonni biyyaa kanaan dura turan maqaawan masoo qabu turan. Haata'u malee akka kanaa hedduu miti.
Pirezidantiin isa kana dura ture, Uhuruu Keniyaataa, 'Kamwana' jedhama ture. Hiini jecha kanaas (ilma ol adeemaa"), Jayden (maqaa Keeniyaanonni daa'ima dhibaa'aafi dadhabaatti fakkeessuun fayyadaman), akkasumas maqaa 'Wamashati' jedhus (sababa inni shamiziiwwan halluun gara garaa irratti maxxanfaman jaallatuuf) itti moggaafamee ture.
Tarii labati miidiyaa hawaasaa, fedhii qabiyyee haaraa yeroo yerootti uumuuf nama kakaasuun namoota hawwachuun dabaaa jiraachiirraa kan ka'een maqaa moggaasuun kun dabalaa dhufe ta'a.
Haata'u malee, nama baayyeetiif, warra Kaahuraa fa'iif maqaawwan baayyee Ruutoof moggaafaman "rakkoowwan gara garaa ummanni argaa jiruuf" agarsiiftuu sirriidha.












