Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Humni Ibsaa Itoophiyaa bu'aa birrii biliyoona 20 ol argate, miliyoona 800 ol ammoo hannaan kasaare
Humni Ibsaa Itoophiyaa ALI bara 2016 keessa tajaajila ibsaa biyya keessatti dhiyeesserraa galii birrii biliyoona 20 buufachuu beeksise. Gurgurtaan sharafa alaan godhameen ammoo doolaara miliyoona 140 argacahuu gabaase.
Baruma kana keessa hanna baattuu daddabarsituu sarara ibsaarratti raawwateen ammo kasaaraan birrii miliyoona 800 ol ta'u isa mudachuus gabaase.
Hoji gaggeessaan dhaabbatichaa Injinar Ashabbir Baalchaa ibsa miidiyaaleef kennaniin bara bajataa Itoophiyaa kana anniisaan ifaa sa'aatii giigaa waattii 20, 522 omishamuu himan.
Anniisaan ifaa omishame kun 96% bishaanirraa, 3.3% kan ta'u ammoo bubbeerraa akka omishame dubbatan.
Hidhi gibee sadaffaa anniisaa 34%, ijaarsi isaa kan hin goolabamne hidhi haaromsaa 17%, Balas ammoo 9.6 % maddisiisuun gahee olaanaa qabachuun ibsameera.
Anniisaa ifaa gabaa biyya keessaaf dhiyaaterraa dhaabatichi galii birii biliyoona 20 kan argate yoo ta'u, hamma karoorfateen gadis ta'us ibsaa gabaa alaatiif dhiyaaterraas galiin doolaara miliyoona 140 ta'u argamuu Obbo Ashabbir himaniiru.
Sababni galiin gurgurtaa alaarraa argame hir'ateef yoo ibsan, anniisaan Sudaaniifi Jibuutiif dhiyaate xiqqaateera kanaafis galiin isa karoorfamerraa 26% ta'eera jedhan.
Dhaabbatichi anniisaa biyya ollaaf dhiyeesseen cinaatti, warra daataa maayiniingiirratti bobba'aniif anniisaa dhiyeessee galii doolaara miliyoona 27 argachuu beeksise.
Galiin dhaabbatichaa waggoota walitti aanan jahaa dabalaa dhufuu kan himan Injinar Ashabbir, kana bara darbee 17%n caala jedhaniiru.
Kun kanaan osoo jiruu hanna sarara ibsaa biyyattii bakka adda addaatti raawwatuun dhaabbatichi kasaaraa birrii miliyoona 800 oliif saaxilamuu dubbatan.
''Yeroo ammaa naannolee biyyattii hunda keessatti baattuu sarara humna ibsaarratti sadarkaa olaanaatti hanni raawwataamaa jira'' jedhan.
Utubaawwan baattuu humna ibsaa 74 sababa adda addaan biyyattii keessatti kufan keessaa 57 sababa hannaaf kuffifaman jedhaniiru. Suphaan isaas dhaabaticha birrii miliyoona 114 baasisuu himan.
Utubaawwan baattuu daddabarsituu ibsaarratti hanna qaqqabeen dhaabbatichi birrii miliyoona 817 kasaaruun ibsameera.