'ABOn qabsoo dhaabatu hin jalqabne, akeeka ijaarameef hamma galmaan ga'uttis hin dhaabatu'- Obbo Daawud Ibsaa

Dhaabbanni Adda Bilisummaa Oromoo (ABO)n ''qabsoo dhaabatuu hin eegallee waan ta'eef hanga akeeka ijaarameef galmaan gahuutti hin dhaabbatu'' jedhan dureen dhaabbichaa Obbo Daawud Ibsaa.

Obbo Daawud kan kan jedhan haasaa sirna ifatti baniinsa waajirri muummee dhaabichaa Gullallee jiru irratti Waxabajjii 22, 2025 taasisaniin. Waajjiirri isaanis "kana booda bakka beekaan Oromoo itti wal arguun mari'atudha" jedhan.

Qabsoo Oromoon geggeessaa ture duubattii deebi'anii kan yaadatan Hayyu Dureen ABO, hundeeffama Waldaa Maccaafi Tuulamaarraa kaasee hanga har'aatti sochiin ture qabsoo karaa nagaan taasifamuuf carraan kennamuu dhabuurraa akka madde ibsaniiru.

Obbo Daawud, bu'aa bayii ofii isaanii fi waahillan isaanii taasisaa turan kaasuudhaan "qabsoo dhaabatu hin jalqabne" jechuudhaan, carraan karaa nagaatiin qabsaa'uu gabbachuu akka qabu dubbatan.

Waajira amma deebiifameef kana dabalatee, waajiraaleensaanii kutaalee Oromiyaa gara garaa keessa jiran cufamuun, aanga'oonnii fi miseensonni dhaabichaa hidhamuun, dhaabichi "humnaan dhiibamee" filannoo bara 2021 keessaa bahuu kan yaadachiisan dureen ABO kun, kana booda walgahuun mari'achaa akka itti fufan beeksisaniiru.

Bara 2018tti mootummaa MM Abiy Ahimad waliin waliigaluudhaan karaa nagaatiin qabsa'uuf gara biyyatti kan deebi'e ABOn, yeroos turtii ganna 27tiin booda waajjirasaa muummee Gullallee jirutti deebi'ee ture.

Sochii filannoodhaaf taasisaa turaniin danqaa hoggansaa fi miseensaarra gahaa tureen boodarra gara waajiroota cufuu fi hoggantoota dhaabichaa hidhuutti akka deemame kan yaadatan dureen dhaabichaa, boodarra ammoo dhibdeen hoggansa dhaabichaa gidduutti uumames rakkoo biraa akka uume kaaasan.

Bara 2021tti waajira dhaabichaatii bakka hojiirra turanii humnaan gara manasaanii geessamuu kan kaasan Obbo Daawud, "konkolaachistootakoo lamaan irraa kan hafe waggaa tokkoof namni biraa manakoo hin seenus, hin bahus" jechuun haala rakkisaa keessa turan ibsan.

Sochii dhaabni isaanii taasisaa ture keessatti hoggansii fi miseensi dhaabichaa hidhamuu fi kaan ammoo lubbu itti dhabuu kan dubbatan Obbo Daawud, Obbo Battee Urgeessaa qabsoo yeroo lubbuun jiru taasiseen "oolmaa guddaa nuuf oole" jechuun leellisaniiru.

Obbo Battee Urgeessaa qondaalli ABO duraanii Ebla bara 2024 keessaa hoteela keessa bulanii fudhatamuun qaama hanga har'aatti adda hin baaneen ajjeefamusaanii dabaluun dubbataniiru.

ABOn "haqasaa deeffachuu barbaada waan ta'eef, gaaffii isaatiif kabajaa kennuun dirqii ta'a" kan jedhan dureen ABO Obbo Daawud, mootummaan qabsoo karaa nagaa taasifamuuf carraa akka kennu waamicha taasisaniiru.

Waajirasaa muummee kana deebiisanii argachuuf duulli guddaan ta'uu kaaasuudhaan, kana keessattis Boordii Filannoo Biyyaalessaa fi paartiileen mormitoota qooda guddaa akka bahatan kaasan. Itti dabalunis, waajirri dhaabichaa kan biraa osoo deebi'iin hafanis akka deebi'uuf gaafachaa jiraachuu himan.

"Hagayya 1 bara 2020 [waajira muummee ABO] keessaa poolisii Finfinneetiin humnaan baafamuu" kan yaadachiisan Obbo Daawud, turtii ganna shanitti siquun booda waajira isaaniitti deebi'uun haasaa taasisan kanaan mootummaan qabsoo karaa nagaa taasifamu danquu akka hin qabne dhaaman.

Mariin biyyaalessaa hunda hirmaachise barbaachisaa ta'uu ibsuun, "marii hirmaachisaa fi haqa qabeessa akka ta'u gaafachaa" turuun boodarra "sun ta'uu dinnaan" irratti hirmaachuu dhiisan dubbatu.

"Marii biyyaalessaa durayyuu nutu gaafataa ture" kan jedhan Obbo Daawud, "wixinee, ijaarsa caasaafi bulchiinsa isaa" waloon tolchuun yoo ta'e malee qaamni biyya bulchu qofaan qaamni marii biyyaalessaa ijaarame waan isaan hin amansiisneef hirmaachuu dhiisuu dubbatan.

"Waldaan Maccaafi Tuulamaa nagaan akka hojjetuuf osoo hayyamameefii jiraatee ABO hin ijaaramu ture. Sochii nagaa dhorkuun qabsoo hidhannoo maddisiise.

Qabsoo nagaa lafaa akka hin kaane gochuun, inni ka'emmoo akka bittinnaa'u gochuun" biyya dhibdee nagaa hamaaf akka saaxilu kan himan Obbo Daawud. Qabsoo karaa nagaa taasifamuuf haala mijataa tolchuun furmaata ta'uu himan.

Dhumarrattis itti fayyadamni miidiyaa hawaasaa safuu fi naamusaan ala hoggansaa fi dhaaba isaaniirratti deemaa ture kan "miira keessa nama galchu ture" jechuun,

karaa fayyaalessa ta'een akka itti fayyadamamuu qabu dhaamaniiru Obbo Daawud.

Bakka bu'oonni paartilee siyaasaa Kongiresii Federaalawaa Oromoo (KFO) fi

Paartiin Tokkummaa Biyyaalessa Itoophiyaas saganticha irratti argamuun haasaa taasisaniiru.

ABOn "ulfina Oromooti jennee yaanna. Waanti gargar nu baasu hin jiru. Ija tokkoon ilaaluuf ija lamaan ilaaluun tokko miti waan ta'eef waliin hojjenna" jedhan ittaanaan Pirezidantii Kongiresii Federaalawaa Oromoo, Obbo Mulaatuu Gammachuu, haasaa saganticharratti taasisaniin.

Gullalleen qabsoo Waldaan Maccaafi Tuulamaa taasisaa tureefis bu'uura ta'uu kan kaasan Obbo Daawud, waajirri muummee ABO Gullallee jiru duraanis kan ijaarame Oromoon waan ta'eef ammas deeggarsa barbaachisu akka taasifamuuf gaafataniiru.