Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
ABOfi KFOn marii paartilee siyaasaa MM Abiy qopheessan irratti maalif hin hirmaatiin hafan?
Ministirri Muummee Abiy Ahimad Roobii darbe paartilee siyaasaa biyyattii keessa jiran waajjira isaaniitti waamuun waliin marii taasisan.
MM Abiyyi marii Kanaan booda ergaa miidiyaa hawaasummaa isaanii irratti qoodaniin A.L.I bara 2010 erga sochii siyaasaa akka banamuuf murtaa'ee paartileen siyaasaa mormitoota irraa morkattoota seera qabeeyyii akka ta'an taasifamuu himan.
Waggoota darban keessa paartilee siyaasaa boordii filannootti galmaa'anii jiran waliin waltajjii marii itti fufiinsa qabaachaa turuus eeran.
Marii Roobii darbe waajjira isaaniitti paartilee siyaasaa waliin taasisan kunis "Yaadota garagaraa bakka isaan dhufanirraa ka'an dhaggeefachuun galtee argachuu" kan kaayyeffates jedhan.
Marii kanarratti garuu paartileen siyaasaa gurguddoon Oromiyaa keessa socho'an lama: Addi Bilisummaa Oromoofi Kongaransiin Federaalistii Oromoo irratti marii kanarratti hin hirmaanne.
Dhimma kanarratti kan gaafanne dura taa'aan KFO Piroofeesar Mararaa Guddinaa marii kanarratti akka hirmaatan affeeramanii turuu eeruun, erga filannoo darbeetii marii akkanaa irratti qooda fudhachuu akka dhiisuu himan.
"Waan bu'aa hin qabneedha. Siyaasaafis bu'aa hin qabu. Homaadhaafuu bu'aa hin qabu. Yeroo balleessuu malee wanti jijjiiramu ijaa hin jirreef kanumaaf hafne," jedhan.
Filannoo darbeen duratti mariiwwan walfakkaataa MM Abiy Ahimad paartilee siyaasaa waliin taasisan irratti hirmaachaa kan ture KFOn, eegasii garuu maricharraa 'bu'aan argamu hin jiru' jedhee waan amanuuf hirmaachuu dhiisuu himan.
"Marii kanaan wanti karaa kutu, wanti laga ce'u hin jiru. Mootummaanis kanaaf qophii ta'uusaa hin beeknu.
Walgahii irratti akkasumaan waljeequu malee wanti bu'aa fidu hin jiru. Waan bu'aa fidu osoo ta'e nutuu irraa hin hafnu," jedhan.
Marii kanarratti qooda osoo hin fudhatin kan hafe dhaabni siyaasaa biraan Addi Bilisummaa Oromoo gamasaatiin, qajeeltoo dhaaba keenyaarratti hundoofnee marii hirmaatu akka murteessu hime.
Dubbi himaan dhaabichaa Lammii Gammachuu turtii BBC waliin taasisaniin, "Nuti marii hirmaannu akkaa fi adeemsa mataa keenyaa niqabna. Waggoota darban kanas dhaabni marii affeerame hundarratti hirmaataa hin turre" jedhan.
Sababa marii kana hirmaachuu dhabaniif yoo himanis "Nuti dirqamoota biraa hojiiwwan biraatti jirra. Haala fi akkaataa waltajjiiwwan hirmaannutu jira. Isa kanaaf jecha waltajjii sanarraa qooda hin fudhatin hafne," jedhan.
Dhaabbileen siyaasaa Oromoo lamaan kuni ammaan duras mariiwwan komishiniin marii biyyaalessaa qopheessu irratti qooda hin fudhatin hafuu fi komishinichis furmaata fida jedhanii akka hin amanne ibsaa turan.