Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
''Mootummaan haleellaa diroonii ummata ofii irratti raawwatu hatattamaan haa dhaabu' kan jedhame dogoggoraani' - Amb. Maasiingaa
Itoophiyaatti Ambaasaaddarri Ameerikaa Erviin Maasiingaa ergaan torban muraasa dura fuula miidiyaa hawaasaa Imbaasichaa irratti maxxanfamee mootummaan federaalaa haleellaa diroonii ''ummata ofii irratti'' raawwatu ''hatattamaan akka dhaabu'' gaafate ''dogongora bulchiinsaan'' ta'uu dubbatan.
Ergaan ALI Caamsaa 15, 2017 Ambaasaaddar Maasiingaan dabarsan kun fuula feesbuukii fi tiwiitara imbaasichaa irraa guyyuma sana kaafamee fooyyeffamee ture.
Ambaasaaddarri kun, Kamisa Waxabajjii 12, 2025 miidiyaalee biyya keessaa muraasaaf ibsa kennaniin, ergaa maqaa isaaniitiin maxxanfame quba akka hin qabnee fi dogoggora bulchiinsaa ta'uu ibsaniiru.
"Dogoggora ture. Hiika hin qabu. Dogoggora bulchiinsaa irraa kan ka'e wixinee kanaan dura turee fi ani gamaaggamee hin raggaasifne fayyadamne. Sana booda ergaan ejjennoo keenya sirrii ta'e calaqqisu ba'eera," jedhu.
Imbaasiin Ameerikaa ibsa baaseen mootummaan federaalaa haleellaa diroonii ''ummata ofii irratti'' raawwatu ''hatattamaan akka dhaabu'' gaafate.
Sa'aatii muraasa booda ergaan kun haqamee haaraan bakka buufameera.
Ergaa haaraa ambaasaaddarichaa keessatti, waamichi haleellaa diroonii ilaalchisee mootummaa federaalaaf dhiyaate, mootummaan "humna malee filannoo nagaa barbaaduu akka itti fufu" waamicha dhiyeessuun bakka bu'eera.
Ergaa dogogora jedhamee haqame keessatti ambaasaaddarichi yaadni mootummaa federaalaaf dabarsan yaadota lama kan of keessaa qabu yoo ta'u, isaan keessaa tokko haleellaan diroonii mootummaan raawwatu akka dhaabbatu gaafateera.
Ambaasaaddarichi jecha kana fayyadamuun isaanii haleellaan diroonii mootummaa "ummata ofii irratti" akka raawwatame agarsiisa.
Ergaa jalqabaa isaaniitiin ambaasaaddarichi, "Mootummaan federaalaa hatattamaan diroonii ummata isaa irratti fayyadamuu dhiisee nageenyaaf haala akka mijeessuu waamicha goona" jedhan.
Ergaan Ambaasaaddar Masingaa waamicha kana of keessaa qabu sa'aatii booda fuula feesbuukii fi X embaasichaa irraa kaafameera.
Ambaasaaddarichi ibsa kaleessa kennan keessatti ergaan fooyya'e qaama dhimmi ilaallatuuf ergamuusaas ibsaniiru.
Ergaan ambaasaaddarichaa naannoo sa'aatii 7 tti irra deebi'amee maxxanfame kun kutaa haleellaa diroonii ilaallatu kaasuun waamicha mootummaa federaalaaf dhiyaate fooyyessee jira.
Ergaan haaraan kun ''mootummaan federaalaa jeequmsaaf filannoo karaa nagaa barbaaduu akka itti fufu'' kan gaafatu yoo ta'u, ambaasaaddarichi mootummaan ''nageenyaa lammiilee fi wabii jiraachuuf dursa akka kennu'' gaafataniiru.
Fooyya'iinsi ergaa ambaasaaddarichaa irratti taasifame inni biraan ergaan humnoota Faannoof ''waamicha dhiyeessina'' jedhu ''ni yaadachiifna" kan jedhuun bakka bu'uu isaati.
Ergaan jalqabaa "Ameerikaan Faannoo galma qabatamaa fi nagaa qabate akka dhiyaatu waamicha gooti'' jedha ture.
Waamichi ambaasaaddarichi garee hidhattoota isa kaaniif, "Waraanni Bilisummaa Oromoo waldhabdee Oromiyaa keessa jiru dhaabuuf marii akka itti fufu waamicha goona" jedhu hin jijjiiramne.
Walitti bu'iinsa humnoota mootummaa fi gareewwan hidhannoo naannoo Amaaraa fi Oromiyaa keessa socho'an gidduutti adeemsifamaa jiruun alatti, miidhaan namootaa fi qabeenya irra ga'aa jira, sochiin ummataa idilee akka malee jeeqamaa jiraachuu jiraattonni ni dubbatu.
Walitti bu'iinsa kanaan walqabatee naannoolee biyyattii adda addaatti haleellaa dirooniitiin namoonni nagaa du'uu isaanii kan Komishiniin Mirga Namoomaa Mootummaa dabalatee gabaasaaleen biroo akka ajjeefaman hubachuun barbaachisaadha.