Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Embasiin Ameerikaa 'hegeree keessan hin balleessinaa' jechuun akeekkachiise
Embasiin Ameerikaa Finfinnetti argamu imala seeraan alaa gara US seenuuf godhamu ilaalchisee akeekkachiisa ''hegeree keessan hin balleesiinaa'' jedhu baase.
Ambaasaaddar Erviin Massingaa ibsa akeekkachiisaa baasaniin mootummaan Ameerikaa godaansa seeraan alaa irratti duulaa jiraa jedhaniiru.
''Ameerikaa nagaa qabdu, jabduufi badhaatuu gochuuf Pirezidant Tiraamp seerri immigireeshinii US eegamuu mirkaneessuutti jiru'' jedhan Maasiingaan.
Seeraa ala dachee US seenuufi achi turuuf yaaluun adabbii cimaa qabas jedhan ambaasaaddarichi.
''Karaa seeraan alaa US yoo galte, viizaa argachuuf yoo kijibde, hayyama malee hojii yoo hojjetta ta'e, yeroon viizaa kee erga raawwatee achitti yoo argamte adabbii cimaatu jira.''
Adabbiiwwan kunniin yoo ibsan, hidhaa bu'uu, dirqiin biyyatti deebifamuufi dhaabbiidhaan viizaa US gonkumaa akka hin arganne ta'uu akka malu beeksisan.
''Maatiifi hiriyaa seeraan ala US jiran yoo qabaattan qe'eetti akka deebi'an yeroon itti himtan amma'' jechuunis dhaaman.
Maasiingaan dhaamsa Kamisa baasanii waayee ragaa waliin dhahuun viizaa argachuuf yaaluu balaa inni qabu ibsuun akeekkachiisan.
''Adeemsi viizaa US addunyaarratti isa amanamaadha'' kan jedhan Masiingaan namootni hin hubanne gariin ragaa sobaa, iyyata dhugaa hin taanefi erga viizaan isaanii raawwatee seeraa ala achi turuun sirnicha gowwomsuuf yaaluu jedhaniiru.
''Haala kanaan yoo seera cabsite ni adabamta, deebitee Yunaayitiid Isteetis akka akka galtu hayyama hin argattu'' jedhu.
Faayidaa kamuu caalchifattee UStti seeraan ala yoo imalte jireenya kee dhabda, miidhamaa yakkamtotaa taata, ykn ammoo galmee hegeree keefi kan maatii kee dukkaneessu qabaatta'' jedhan Maasiingaan.
''Nama seeraan ala US jiru yoo beektan wanti gaariin isaaniif gochuu dandeessan qabamuusaanii dura achii akka bahan gorsuudha.''
Gara US imaluuf achi turuuf karaa isa sirrii qofa namni akka filatus Maasingaan dhaamaniiru.
'Pirezidant Tiraamp hunda gaafatamaa godha'
Maasingaan lammiilee seera malee US galan qofa osoo hin taane namoota isaan gargaaranis gaafatamoo gochuuf bulchiinsi Tiraamp murannoo qabaachuu beeksisan.
Kanneen namoota seeraan ala olii gad daddabarsaniifi aanga'oota mootummoota alaa hojii akkasii keessatti hirmaatanirrattis ''tarkaanfiin ni fudhatama'' jedhaniiru.
Ministirri Haajaa Alaa US Markoo Ruubiyoo dhiyeenya kana imaammata to'annoo viizaa haaraa aaga'oota alaa ilaallatu kaa'uus Ambaasaaddar Maasiingan ibsaniiru.
Imaammatichi hojjettootni Immigireeshinii, Gumruukaa fi buufatalaee doonii godaansa seeraan alaa dhaabsisuurra itti fufsiisuuf gahe bahan ilaallata.
Akka seera kanaatti aango'ootani biyyoota alaa kunniin nageenya US'tti rakkoo uumuu waan jiraniif ofii isaaniis US galuuf hayyama hin argatan.