Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
'Sodaan qabnu akka hin dhugoomne birmadhaa'- Waamicha paartilee mormitootaa
Dhaabbileen siyaasaa mormitu gamtaa Kookasii Paartiiwwan Mormitootaa jedhu jala jiran marii biyyaalessaafi filannoo waliigalaa bara dhuftuuf qophii eegalame ilaalchisee ibsa baasaniin 'sodaan qabnu akka hin dhugoomne' jechuun waamicha dhiyeessan.
Adda Bilisummaa Oromoofi Kongireesii Federaalawaa Oromoo of keessatti kan qabatu gamtaan mormitotaa hundeeffama komishinii marii biyyaalessaarratti gaaffii kaasuun irratti akka hin hirmaanne ji'oota dura ifa godhee ture.
Komishinichi naannoleerraa ajandaa walitti qabaa bahee tibba darbe ammoo sadarkaa federaalaatti dhimmoota ijoo ajandaa guddaa ta'an filachaa ture.
Boordiin Filannoo Biyyaalessaas filannoo waliigalaa bara dhufu gaggeeffamuuf qophii eegaluu fi haalli nageenyaa biyyattii tasgabbii agarsiisaa waan jiruuf ammaaf filannicha bakka hundatti akka raawwatu dhiyoo ibsa baasee ture.
Gamtaan mormitootaa kun ibsa Waxabajjii 11, 2025 baaseen adeemsi marii biyyaalessaa fi dhimma filannoo waliigalaa bara dhuftuurraa yaaddoo guddoo waan qabuuf qaamoleen dhimmichi isaan ilaallatu gahee isaanii akka bahan waamicha godhe.
''Komishiniin Marii Biyyaalessaa karaa dogoggoraa irra deeme sanaa fi adeemsa dhiibaa fi loogii qabeessa ta'e irraa bahuuf fedhii tokkollee hin agarsiifne'' jedha ibsi gamtichaa.
Gamtichi filannoo bara dhufuuf qophii Boordiin filannoo gaggeessu qeeqeera. Dhaabbii boordichaarraa kan ka'es injifannoon paartii biyya bulchuu beekamaadha jedheera.
''Loogii fi paartii aangoo mootummaa irra jiruuf ergamaa ta'uun BFBI (Boordii Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaa), akkasumas injifannoon paartichaa dursamee kan beekamu dha.''
''Komishinaroota muuxannoo hinqabne, tasgabbii dhabuu siyaasaa yeroo ammaa, walitti bu'iinsaa fi waraana babal'aa jiru'' akka danqaalee ijoo filannoo bara dhufuutti kaaseera.
''Kanaafuu, Kookasichi dhugaa jiru kana irratti hundaa'uun, BFBI filannoo bilisaa fi loogii malee geggeessuuf haalli mijataa tokkollee kan hin jirre ta'uu ibsa.''
Gamtichi ibsa isaa keessatti dhabni biyya buchu filannoo dhufu mo'achuuf humoota ittisaafi nageeyaa mootummaa fayyadamuuf fedhiifi qophii qaba jechuun himateera.
''Caasaa mootummaa, kan akka humnoota ittisaa, nageenyaa fi poolisii fayyadamuuf fedhii fi qophii isaa yoo ilaallu, haalli kun balaa guddaa fi walxaxaa keessa nu galchuu waan danda'uuf, baay'ee yaaddessaa fi sodaachisaa ta'uu isaa gadi fageenyaan ibsina.''
Dabaluunis ''rakkoon ijoo ta'e... kan biyyas gara qileetti dhidhimsa jiru, adeeemsa shiraa fi gowwoomsaa akka beekumsaa fi ogummaa siyaasaatti fudhatamuu isaati'' jechuunis dhaaba biyya bulchu komateera.
Dhaabbileen walabaa fi dimookiraatawaa jedhaman ''maqaa qofatti hafanii, tajaajiltoota paartii aangoo mootummaa qabatee ta'uun isaanii'' rakkoo biraatii jedha ibsi dhaabbilee siyaasaa mormituu kun.
Dhumarrattis ''bu'aan isaa inni dhumaa tasgabbii dhabuu biyyaa, walitti bu'insa uumataa, waraana, jeequmsa siyaasaa, diigamuu dinagdee fi rakkoo hawaasummaa cimaa dha'' jechuun, qaamoleen dhimmichi ilaallatu ''rakkoo dhalatuuf deema'' jedhanirraa biyya baraaruuf akka gahee isaanii bahan waamicha godheera.