ABOn waajirri isaa Gulallee deebi'uufii beeksise

Addi Bilisummaa Oromoo (ABO)n waajira isaa Wiirtuu (Gulallee) Waxabajji 09, 2025 bakka Hoggantoonni Gumii Waloo Paartilee Siyaasaa Damee Finfinnee jiranitti deebisee fudhachuu beksise.

Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaa, Gumii Waloo Paartilee Siyaasaa Damee Finfinneefi miseensonni hifannaa tokko malee itti dadhabaa bahan galata guddaa qabu jedheera ABOn ibsa waajirri isaa deebiyuu ilaalchisee baaseen.

"Akka waliigalaatti qaamoleen kana irratti tumsa gootan galata qabdu," jedheera.

Sochiiwwan Addi Bilisummaa Oromoo taasisu keessatti gufuuwwan hedduudha kan jedhu dubbi-himaan ABO Obbo Lammii Gammachuu, waajira isaanii dhabanii turuun socii isaanii guutummaatti dhaabsisuu baatus danqaa itti ta'uu waggoota darban shan keessatti arguu dubbatu.

"Guutuufi guutuutti deebii keenya ykn galtee qabsoo keenyaadha waajirri Gulallee jedhaa hin jirru. Galii qabsoo keenyaadhaaf ykn qabsoo karaa nagaan Addi Bilisummaa Oromoo itti amanee, hagansi isaa itti amanee gatii baasaa jiru kana keessaa mirga wal ga'uufi waajira qabaatee keessatti mariyachuu ni fura jennee abdana," jedhe dubbi-himaan ABO.

ABOn waajirri isaa kun cufamuutti waa hedduu dhabe kan jedhu Obbo Lammiin, hamilee ummatichaa, hawwiifi fedhii hiree murteeffannaa Addi Bilisummaa Oromoo qabatee deemu, keessattuu jijjiirama dhufe hordofee ummata biraan ga'uudhaaf wantota danqaa itti ta'an keessaa tokko ta'uu kaase.

'Wanta ABOn dhabe tokko, lama jedhanii tarreessuun ni danda'ama garuu ummata saa waliin walitti siqee, rakkoo ummatichaa dhaggeeffatee rakkoo sanaaf furmaata kaa'uu wantota inni dhabe keessaa tokkodha.

Dirree filannoo keessattis akka itti furmaata ta'uu haqates qaba. Rakkoon jiru bal'aadha, garuu inni ijoon mirga dimokiraasiitti fayyadamuu kan hanqisedha [waajira dhabanii turuun]."

Waajirri isaanii Gulallee banamuun kun furmaata tokko ta'uu kan ibsu Obbo Lammiin, Addi Bilisummaa Oromoo Ormiyaadhaa alatti caasaa diriirfatee waajiraalee adda addaa hedduu qabu keessatti ummanni bakka waajirri isaa jiru keessatti wal argee akeeka qabsoo bilisummaa Oromoo sirnaan heeraafi seera, akkasumas naamusa qabsoo barsiisee manii qasoo isaa gahuuf danqaa ture jedha.

Waajirri isaanii filannoorratti hirmaachuuf kan isaan gargaaru yoo ta'eef kan gaafatame Obbo Lammiin, ABOn filannoo keessatti hirmaachuufis ta'e rakkoo akka sabaatt jiru furuu keessatti furmaataaf ni taattaafata jedhe. Kanaaf, filannoorratti hirmaachuuf haalonni mijatoo osoo jiraatanii kanaan dura filannoo mrsaa 6ffaa irratti i hirmaanna ture jechuun [waajirri Gulallee banamuu qoftu] gahaa akka hin taane miira gaabbiin ibsa.

Waajjirri olaanaa ABO duraanii magaalaa Finfinnee kutaa bulchiinsa Gullallee jiru yeroo dhaabichi waliigaltee mootummaa waliin taasisuun Ertiraa irraa gara biyyaatti deeiye Sadaasa bara 2018 ture kan deebi'eef.

Waliigalteewwan isaanii keessaa toko qabeenyi ABO qaama garaagaraan harkaa fuudhamee fi saamamee ture akka deebi'uuf waliin hojjechuu kan jedhu ture.

Kanarraa ka'uunis waajjirri olaanaa ABO waggota 27 oliif harkaa bahee dhabbanni biraa itti fayyadamaa ture murtoo mootummaan dabarseen ture gariin kan deebiyeef.

Haatau malee, Hagayya 2020 rakkoo qondaaltota ABO- Hayyu-Duree Daawud Ibsaafi Itti-aanaa yeroo sanaa Obbo Araarsoo Biqilaa, akkasumas kora waliigaltee Miseensota Gumii Sabaa fi Koree Hojii Raawwachiistuu ABO guutuu malee gaggeefame jedhame hordofee waajirri isaanii cufamee tureera.

Gullalleen Lafa Seenaati

Artistootni Oromoo kan akka Nuhoo Goobanaa, ''Gullalleen lafa seenaati, baay'eedha kan siyaadatuu, Oromoon si hin irraanfatuu,'' jechuun weellisaa ture.

Haacaaluu Hundeessaa akkasuma ''Gullalleen kan Tufaati,'' jechuun sirba jaalatamaa weellisaa ture.

ABO'n qabsoo diddaa garbummaa gaggeessuuf kan hundeeffame bara 1973 magaala Finfinneetti ture.

Yeroo sana Finfinneetti hundaa'uun Oromiyaa kutaalee garaagaraa keessatti qabsoo jalqabuun qabsoo hidhannoo gaggeessaa ture.

Bara 1991 yeroo mootummaan Dargii kufu ABO'n waajjira isaa olaanaa Gullallee qe'ee Tufaa Munaatti banate.

Yeroo sana uummatni Oromoo Bahaa fi Dhihaa, Kaabaa fi Kibbaa Gullallee teessoo Waajjira Olaanaa dhaabichaatti wal gahu ture jechuun BBCtti dubbatan qondaallo ABO kanaan dura.

Haatahu malee, ABO'n akkuma Oromiyaa keessatti sochii siyaasaa karaa nagaa gaggeesuu jalqabeen osoo hin turiin yeroo hundeeffama mootummaa ce'umsaa paartilee kan akka Adda Bilisummaa Ummata Tigiraay waliin osoo wal hin tahiin waan hafeef Chaartera keessaa bahuusaa beeksise.

Kanarraa ka'uun ammas irra deebiin qabsoo hidhannoo jalqabuun magaalaa Finfinnee keessaa yeroo bahu qabeenya hedduu dhabe.

Qabeenyi yeroo sanaa wajjiraalee qofa osoo hin taane maallaqni miiliyoonota dabalatee konkolaataawanillee seeraan galmaa'anii mootummaaf galii tahan osoo hin taane ni saamaman jedhu.