Qonnaan bulaa Jimmaa helikooptara dhunfaa bitachuuf birrii fe'anii Hayilasillaasee bira deemuun harka duwwaa galan

Abbaa Maccaa Abbaa Dagaa Abbaa Joobir jedhamu. Abbaan Maccaa Kiilolee jedhamuun beekamus. Godina Jimmaa Aanaa Gommaatti dhalatan. Amma magaalaa Jimmaa jiraataa kan jiran yoo ta’u, umuriinsaanii ganna 96 ta’a.

Yeroo saaniitti sooreessa qofas osoo hin taane, dureessa dhihaaf barii hin beekne turan. Oomisha bunaatiin Gommaadhaa hanga Gumaayii fi Geeraatti maqaansaanii beekamaadha. Bunaaf damma qofa osoo hin taane, mana maallaqa itti kuufatanis qabu turan.

Jimmarraa Finfinnee, Finfinneedhaa Asmaraa, Asmaraadhaa ammoo Saa’udii Arabiyaatti imalanii erga deebi’anii booda helikooptara mataasaanii bitachuuf mootii Hayilasillaasee bira deeman. Maallaqa fe’anii deeman. Gaafa deebi’an garuu hilikooptaras, maallaqas otoo hin qabatiin harkuma duwwaa galan.

Seenaan Abbaa Maccaa waggoota hedduuf akka afoolaatti himamaa haa turu malee lubbuun jiraachuun isaanii garuu badaa hin beekamu ture.

Maaltu helikooptara bitachuuf isaan kakaase? Ergasii maaliif afuura dhokfatanii jiraataa turan? BBCnis ilma Abbaa Maccaa fi gaazexeessaan seenaa kana kitaabatti jijjiiraa jiru waliin turtii taasiseera, dhiyaadhaa!

Ilmi Abbaa Maccaa maal himan?

Mahaammad, ilma Abbaa Maccaa torbaffaadha. Ilmaan Abbaamaccaa salgan lubbuun jiran keessaa lama biyya keessa, torba ammoo biyya hambaa jiru. Abbaamaccaa Abbaadagaa, maqaa bara mootii Hayilasillaasee hawaasa Jimmaa fi naannawaa sanatti seenaa addaatiin beekamudha.

ALI’tti naannawaa bara 1942 Hajjiidhaaf Saa’ud Arabiyaa deemanii turan. Yeroo sanatti Asmaraa deemuudhaan, achii ammoo Markabaan Saa’udii akka deeman dubbata ilmisaanii Mahaammad.

“Yeroo sana maallaqni waan jiruuf, bakkeen [dirreen] Kiilolees waan jiruuf, karaanis geejibaaf mijataa waan hin taaneef, helikooptarii mataasaanii bituuf yaadanii turan. Mootummaa Hayilasillaaseetiinis ‘Helikooptariin bitadha’ jedhanii gaafatan. ‘Maallaqa fidii koottu’ jedhaman. Yeroo sana dhuunfaadhaan [Hilikooptara bitachuun] hin hayyamamu.

Maallaqa kanammoo misoomaaf fayyadamna jedhanii irraa fudhatan [Hayilasillaaseen]. Baayyinni mallaqichaa hammam akka ture hin beeku, garuu hidhaa torba jedhu. Namoonni asii duukaa dhaqanis jiru; qaamumaan [Hayilasillaasee] gaafatan. Haala kanaan dhiisanii gara kanatti deebi’ani. Bara [ALI] 1944 keessa natti fakkaata” kan jedhu Mahaammad, odeeffannoo kanas abbaa isaaniirraa dhaga’aa akka guddatan BBC’tti himeera.

Hariiroo maatii Abbaamaccaa fi aanga’ootaa

Akka maatiitti bara Mootummaa Hayilasillaaseetii kaasee sodaa siyaasaa jala turan. Qabeenya bunaafi manneen Abbaan Maccaa magaalaa Aggaarootti ijaarratan bara mootummaa Dargii jalaa saamamuu dubbata ilmisaanii.

“Namni naannoo kanaa jireenyasaanii ni beeka. Magaalaa Aggaaroollee mana danuutu ture. Mana sanaafi buna baadiyyaa keessaa tokko filadhaa jedheen Dargiin” jechuun haala ture kan yaadatu Mahaammad, abbaansaa buna filachuun manneen Aggaaroodhaa qaban akka dhaban dubbata.

“Buna sana keessaa gara facaasaa afurtamaa heyyamee ture Dargiin. Achii ka’eemmoo facaasaa kudhanitti galchan; achii sadiitti galchani; achiin sanallee fudhatan. Egaa Abbaan keenya nama abdii kutatu miti; nama jaboodha; nullee baay’ee nu jajjabeessu turan. Carraaqqiidhuma kanaan nullee fuuldurumatti deemnee jiraataa jirra” jechuun jabina abbaasaa fi gara jabeenya bulchiinsa Dargii yaadata Mahaammad.

Abbaan Maccaa attamiin lubbuun jiraachun barame?

Seenaa Abbaa Maccaa bifa kitaabaan barreessaa kan jiru ammoo Saaliim Amiinidha. Saaliim Amiin gaazexeessaa raadiyoo hawaasa Jimmaa FM 102 ture; amma immoo Yunivarsiitii Jimmaatti rippoortara ta’un hojjata. Yeroo gaazexeessaa raadiyoo turetti qophii ‘Sona Shanan Gibee’ jedhu kan aadaa, seenaafi hawaas-dinagdee hawaasa Godina Jimmaa (Shanaan Gibee) dhiyeessu ture.

Waggoota arfan darbaniif namoota bebeekamoo hawaasa Jimmaa biratti seenaa guddaa qaban irratti akka hojjechaa ture kan kaasu Saaliim, sagantalee raadiyoo kanneen gara kitaabaatti jijjiiruudhaaf hojjechaa ture.

Abbaa Maccaa Kilolee argachuuf waggaa tokko guutuu iyyaafataa turus akka hin milkoofneef yaadata Saaliim Amiin. Ji’oota jahan darban kana garuu xiyyeeffannoodhaan barbaachaa turee, boodarra Biiroon Aadaafi Turizimii Aanaa Gommaa ilma Abbaa Maccaa kan ta’e, Mahaammad Abbaa Maccaa argatee akka walqunnamsiises kaasa.

“Abbaan Maccaa umuriin naannawaa 96ti, yeroo ammaa dubbachuu hin danda’an” kan jedhu Saaliim, ilmisaanii Mahaammad ammoo, hiriyoota abbaasaa waliin guddatan maanguddoo ganna sagaltamoota gara dhumaa keessa jiran, Abbaa Fiixaa Haji Ahimad fi Abbaa Maccaa Abbaa Duulaa kan jedhaman, akka Saaliim dubbisuuf qe’eesaaniitti walitti fiduu hima.

‘Aggaaroo Abbaabooqaa biyya birriin dooqaa’

Oomisha bunaatiin kan beekamtu Aggaaroon jechama ‘Aggaaroo Abbaabooqaa, biyya birriin dooqaa’ jedhamuun beekamti. Abbaan Maccaa ammoo qotee bulaa oomisha bunaatiin duroomuun guutummaa Jimmaatti maqaa guddaa horatanidha. Seenaansaaniis akka afoolaatti himama. Namoonni wanti kun dhugaadhamoo waan uumamedha jechuun gaafatanis jiru.

“Akkuma mana barumsaatti dhaga’aa guddanne, asoosama natti fakkaata ture seenaan kun” kan jedhu Saaliim, qe’ee Abbaa Maccaa Aanaa Gommaa Ganda Kiiloleetti argamuun waan maanguddoo isaan waliin guddatan irraa odeeffate akkasiin hima: “Qe’eensaanii masaraa fakkaata. Iddoon [kutaan] birriin itti kuufamullee jira ture.” Abbaa Maccaa Abbaa Digaa Abbaa Joobir maatiidhumaan dureeyyii turan.

Akaakayyuun Abbaa Maccaa, Abbaa Joobir bara “mootii Abbaa Jifaar irraa kaasanii buna dhaabaa ture. Akaakayyuun isaanii nama baay’ee sooreessa turan,” jechuun dubbata Saaliim. Qabeenyi maatii irraa daddarbaa dhufe, yeroo Abbaan isaanii Aabbaa Dagaa boqotanitti, Abbaan Maccaa mucaa ganna 14 turan.

Abbaan Maccaas qabeenya maatii isaarraa dhaalan kunuunsuun, babal’isuun akka duroomantu himama. Abbaan Maccaa oomisha bunaa Aanaa Gommaa keessa qofa ture gara Aanaalee Gumaayii fi Geeraatti babal’isuudhaan dureessa hilikooptara bituuf abbale akka turan hima Saaliim.

Maatiin Abbaa Maccaa bara bulchiinsa mootii Haayilasillaasee irraa kaasee hanga mootummaa ADWUI’tti dhiibbaan maatiifi qabeenya isaaniirraa akka ture kan kaasu Saaliim, kanumarraa ka’uun akkasaan afuura dhoksatanii jiraatan taasise jedha.

Mudannoo Abbaa Maccaa hilikooptara bitachuu kajeelchise

“Gaaf tokko xiyyaarri gara Jimmaa dhufte. Xiyyaara keessa walitti siqanii, walitti garagalanii taa’an. Abbaan Maccaas carraa xiyyaara kana arguu argatan. Gammachuudhumaan ‘waanti akkasii naannoo keenya dhufeeraa?’ jedhanii ilaaluu deeman. Geejibni ammayaawaan akkasii dhufuu arguutti gammadan.’’

Abbaan Maccaa Jimmarraa Finfinnee, achii ammoo magaalaa Eertiraa, Asmaaraa deemanii deebi’an. Yeroo lammaffaaf ammoo jila namoota 15 qabu fudhachuun xiyyaaraan Jimmarraa Finfinnee deemuun achiin ammoo Asmaraa dhaquun, Asmaraadhaa ammoo dooniidhaan Saa’udii Arabiyaa ‘Hajjiif’ akka deeman odeeffachu dubbata Saaliim. Baasii namoota kanneen hundaa kaffaluunis akka waliin imalan.

Haalli geejibaa rakkisaa ture, goodaan Kiilolee ammoo kan fardi gulufee hin kunne waan ta’eef, xiyyaara qubachiisuuf mijataa ta’ee itti mul’ate. Naannoo kanatti geejibnis [konkolaataan] hin jiru waan ta’eef ‘hilikooptara osoon bitadhee…’ yaada jedhu akka kaasan’’ hima Saaliim.

Bulchaa naannawaa Jimmaafi Kaffaa kan ture, gara Tsahaayi Inquusillaasee deemuudhaan yaada hilikooptara bitachuu dhiyeessaniif. Sana booda gara mootii Hayilasillaasee akka deemuun yaadicha mootiidhaafis akka kaasan itti himama.

Maallaqa qabu akka geessuu itti himan. Erganni geessee booda garuu hilikooptarri ‘nama dhuunfaatiif hin hayyamamu’ jechuun, ‘maallaqni kun misoomaaf oola; gara mana keessaniitti galaa’ jechuun mootichi Abbaa Maccaa akka geggeessan maanguddoo hiriyoota Abbaa Maccaa lamaan irraa odeeffachuu BBC’tti himee Saaliim.

Hiriyoonni Abbaa Maccaa hilikooptara bitachuuf maallaqa gara mootii Hayilasillaasee geessuusaanii malee maallaqaa hanga akka geessan akka hin beekne kaasa Saaliim. Ilmisaanii Mahaammad garuu maallaqa lakkoofsaan beekuu baatus, “Hidhaa torba” fe’anii akka deeman dubbata.

Ilmi Abbaa Maccaa BBC’n dubbise, “Barana Ministeerri Muummee, Dr Abiy Ahimad hilikooptara achi qubachiisee ture. Kana gaafa dhaga’anillee Abbaan Maccaa gammadanii turan. ‘Bakkichis hilikooprata akka qubachiisu kanuma arguunkoo ni gaha’ jedhanii, baay’ee gammadani” jechuun miira Abbaa Maccaa ibse.

Abjuu helikooptara bitachuu konkolaataan bakka bu’e

Abjuun helikooptara bitachuu kan jalaa fashalaa’e Abbaan Maccaa, abdii osoo hin kutatiin dhama’uun, qabeenya kuufachuu itti fufan. Turtii yeroo keessa daandiinis naannoo sanatti hojjetame. Achiin konkolaataa Laandi Roovarii bitatan.

Buufanni fayyaa magaala Aggaaroo jira ture. Yeroo sanatti ambulaansiin mootummaa waan hin turreef, boba’aa ofiisaaniitii itti guutaa dhukkubsattoota naannawaa sanaa konkolaataa kanaan gara yaala fayyaa geessaa turan.

“Konkolaatattiin Laand Rover Hayiluuksii, hanga Dargiin dhufutti ishee oofaa turan. Booddee Dargiin fudhachuuf sababa barbaadee jennaan, nama dhuunfaa [kan amma lubbuun hin jirre] tokkotti kennan. Konkolaatattii sirriitti beekna” jechuun waa’ee konkolaataa abbaasaa hima Mahaammad.

Aanga’oonni Dargii yeroo sanatti boba’aa ofiisaaniitii itti guutaa bakka isaan deeman maratti akka isaan tajaajilaniif rakkisnaan nama dhuunfaa tokkotti akka kennanii fi namni dhuunfaan sunis wagga 17’f akka itti fayyadamaa turan dubbata Mahaammad. Ammatti garuu konkolaataan sun lafa gahe akka quba hin qabnes hime.

Akka geezexeessaan seenaa Abbaa Maccaa qorataa jiru himutti, erga mootiin Hayilasillaasee kufee, Dargiin daran maatiifi qabeenya Abbaa Maccaa hube. Manni Abbaan Maccaa magaala Aggaarootii qaban akkasumas maasaan bunaasaanii heektara 42 keessaa 12tti jalaa gadi buufame.

Aanga’oonni Dargii bakka deeman hundatti konkolaataa Abbaa Maccaatiin socho’u turan. “Konkolaachisaa konkolaataa isaanii ta’anii” hamma aanga’oonni Dargii walgahiisanii xumuranitti hanga halkan qixxeellee turuun rakkataa turan.

Qabeenyi bunaa heektaara 12 ture hunduu irraa fudhatame. Mana jireenyasaanii kan bifa gamootiin ijaarame, harkaa fuudhuun mana barnootaa waan taasisaniif, Abbaan Maccaa diinqa isaaniitti galuudhaaf dirqaman” jechuun haala ture hima Saaliim.

“Konkolaataas oofuu waan dadhabaniif irraa fudhatame. Abbaan Maccaa fayyaa dhabee ciisatti gale. Ilmi Abbaa Maccaa hangafni Alii jedhamus ‘Iyyaappaa’ jedhamee mootummaa Dargiitiin hidhame. Hiriyoonnisaa ajjeefamis, aanga’aan dhimma Alii qabatee ture jijjiiramee gara Wallootti waan deemeef, du’a oolee mana hidhaatii bahe. Sana booda gara Wallaggaatti badee, achiin Sudaan galuun baqatee amma biyya Kanaadaa” jiraataa akka jiru hima Saaliim.

Isaan boodas ijoolleesaanii irra dhiibbaan gara garaa gahaa turuu kan kaasu Saaliim, ilmaan Abbaa Maccaa hafanillee biyya hambaa jiraachaa akka jiran dubbata. Manneen Abbaa Maccaa magaala Aggaarootii qaban, aanga’oota Dargii bara sanaatiif kenname. Achumaan mana mootummaa [gandaa] ta’ee ture jedha.

Gamoo Abbaa darbii tokkoo baadiyyaatti

Gamoon abbaa darbii tokkoo (G+1) magaala Aggaaroo irraa naannoo Kiiloomeetira kudhan fagaatee gara Lixaatti argamu jalqaba akaakayyuu Abbaa Maccaatiin kan ijaarame yoo ta’u, bara Xaaliyaaniin Itoophiyaa qabatte ammoo abbaan Abbaa Maccaa, abbaa darbii tokkoo taasisuun bareechanii ijaaran maanguddoonni Saaliimitti himan. Hojjettoonni Xaaliyaanii illee manicha deebiisanii ijaaruu keessatti qooda akka fudhatan dabaluun hima.

Akka Saaliim himuti, dhakaan bolokeettii fakkaatu, kan bara Xaaliyaanii magaalaa Jimmaa keessatti ijaarame fakkaata. Darbii tokkoffaan ammoo ijaarsa Masara Abbaa Jifaar lammaffaatiin walfakkaata. “Muka baay’ee ciccimaa ta’eefi dhagaan walirra kakaa’amee” kan ijaarame. Ijaarsuma Xaaliyaanii kan magaalaa Jimmaa fi Aggaaroo keessa jiruun walfakkaatas jedha.

“Manni sun otoo Xaaliyaaniin hin dhufiin dura” akka ijaarame kan ibsu ilmi Abbaa Maccaa, “Jallisaa Dhakaa fi dhoqqee” qofti walitti makamuun akka ijaraame hima. “Hunqulaalii [killee] waliin walitti makamee, Shakilaa [suphee] irraa ijaameera; qorqoorroon yeroo sana hin turre” supheedhaan ijaarame, jedhu Mahaammad.

Dureessi kaleessaa Abbaa Maccaa har’a maalirra jiru?

Maanguddoon umuriinsaanii sagaltamoota keessa ta’u, Abbaa Maccaa rakkoo waa dagachuu (Alzheimer) akka isaan mudatee fi badaa haasa’uu akka hin dandeeyes ilmisaanii BBC’n himan. “Amma namoota sagaltu jira” kan jedhu Mahaammad, “qabeenyaan isaanii guddaan bunadha. Buna baay’ee bal’isanii dhaabu. Dammis jira. Egaa waanti dhibe hin [turre]; soogidduma malee wanti bakkeedhaa bitamu hin [tuure]” jechuun ibsa.

“Yeroo sanatti, maallaqa akka Gommaattis kan namaa liqeessus jaruma [Abbaa Maccaa turan]. Mana maallaqaas qofaatti qabu turan,” jechuun haala ture yaadatu ilmisaanii.

Saaliim mana jireenya Abbaa Maccaa kan magaalaa Jimmaa, ganda Ginjoo Guduruu deemuun isaan argee waliin haasa’uu yaalus, rakkoo fayyaa isaan mudateen wal qabate akka hin milkoofneefis hima.

Fedhii maatii Abbaa Maccaa

“Maqaa isaaniitiin [Abbaa Maccaa] waan tokko deebisnee asitti [Aggaarootti] hojjechuu barbaanna. Bakkeen goodaa Kiilolee fi bakka jireenya Abbaa Maccaa ture eegamee, qabeenya turistiitiif banaa ta’ee akka daaw’atamuuf” maatiin fedha qabaachuu dubbata Saaliim.

Waanni beekamaan tokko osoo hojjetamee, maqaansaanii itti waamamee nutti tola” jedhu ilmi Abbaa Maccaa, Mahaammad. Iddoon jireenyasaanii, “bakka seena qabeessa ta’ee, maqaa saanii [Abbaa Maccaa] qabatee utuu turee nu gammachiisa” jedhu.

Ilmaan Abbaa Maccaa seenaan abbaasaanii akka yaadatamuuf waan qabatamaa ijaaruun dhalootatti dabarsuuf fedha akka qaban kaasuun sodaa siyaasaa kanaan durasaan mudaterraa kan ka’e akka callisan hima Saaliim.

Icciitiin dhokatanii, afuura isaanii balleeffatanii jiraachuu maatii kanaas kanumaan akka walqabatu, kaasa Saaliim. Erga sirnoota gara garaatiin qabeenyisaanii jalaa saamameen booda, “nullee dhokanneema jiraachuu barbaanne” jechuun maatiins akka itti himan kaasa.

Pirezidaantiin Yunivarsiitii Jimmaa, Dr Jamaal Abbaa Fiixaa haasaa baninsa sagantaa barnoota Akkaadamii Saayinsii Aviyeeshiniifi Injinariingii Eeroospeesii irratti taasisan keessatti seenaa Abbaa Maccaa kan bara mootii Hayilasillaasee hilikoptara mataasaanii bitachuuf turanii kaasan, fuula Feesbuukii isanii irratti barreessanii ture.