Nama gurraacha seenaa US keessatti umrii xiqqaan kantiibaa ta'e dargaggoo ganna 18- Jaylen Smith

Madda suuraa, HANDOUT/ FACEBOOK
Dargaggoo umrii waggaa 18 kan ta'e barataan kolleejjii lammii Ameerikaa gurraachi magaalaa kutaa biyyaa Teeneesii keessatti argamtutti kantiibaa ta'ee filatamuun ijoollummaasaatti beekamtii guddaa gonfate.
Saafila ol-adeemaa gara umrii dargaggummaatti seenaa jiru kan ta'e Jaylen Smith seenaa Ameerikaa keessatti nama gurraacha umrii xiqqaan kantiibaa ta'ee filatame ta'eera.
Kantiibaan dargaggeessi filatame kun bara darbe Caamsaa keessa mana barumsaa sadarkaa lammaffaa goolabe.
Jaylen Kibxata darbe kantiibaa magaalaa Earl kan Memphis irraa kiiloo meetira 48 fagaattee argamtu ta'uun filatamte.
“Haati koo gammachuurraa kan ka'e boo’icha dhaabuu hin dandeenye,” jechuun dargaggeessi paartii Dimookiraat filatame kun bu’aa filannoo booda gaazexaa-The Washington Post’tti himeera.
Jaylen Smith magaalaa jiraattota 1,800 qabdu kana akka hoogganu erga filatamee booda, "magaalaa Earle keessatti boqonnaa fooyya'aa fiduu jalqabuun yeroon isaa amma," jechuun fuula feesbuukii isaa irratti barreesse.
Dargaggeessi umrii xiqqaan nama siyaasaa ta'e kun namoota kantiibaa magaalattii ta'uun akka filatamuuf sagalee kennaniif galateeffateera.
Ajandaan duula filannoo kantiibaa haaraa kanaa humna poolisii cimsuu, sarara bishaan boollaa magaalattii deebisanii dhaabuu, manneen gatamanii jiran haaressuu irratti xiyyeeffachuu fi hirmaannaa hawaasaa cimsuu ture.
Kantiibaan haaraan kun duula filannoo irrattis mana gurgurtaa meeshaalee guddaa ta'e magaalattiitti banuun dhimma xiyyeeffannoo ta’uu ibseera.
Magaalaa jiraattota1800 qabdu kana keessa suuqiin guddaan duraan tureerga cufamee waggoota lakkoofsiseera.
Jaylen Smith yeroo mana barumsaa sadarkaa lammaffaa turtetti pirezidaantii barattootaa ta’uun tajaajilaa ture.
Smith gara fuulduraatti abbaa alangaa ta’uuf fedhii akka qabu ibse, kantiibaa ta’uun osoo tajaajilaa jiruu Yunivarsiitii kutaa biyyaa Arkansas- Mid-South keessatti barnoota isaa itti fufuuf karoorfachuu beeksiseera.
Bara 2015tti, dargaggeessi adii Ameerikaa ganna 18 kan ta'e Maayikeel Seshiyoons kantiibaa magaalaa Michigan tokkoo ta'uun filatame.
Dargaggeessi kun erga kantiibaa magaalaa Hillside ta'uun kakatee mana barumsaa sadarkaa lammaffaatti barnootasaa itti fufuuf baay'ee rakkatee ture.












