US gaggeessaa Taalibaan hiitee turte gadhiisuun lammii ishee Afgaanistaanitti ukkaamfamee ture fudhatte

US lammii ishee Taalibaanin ukkaamfamee ture gadi lakkisiisuf jecha gaggeessaa Taaliban tokko gadi lakkifte.
Mark Fireerichis injinara lammii Ameerikaa yoo ta’u bara 2020 kaasee Taalibanin ukkaamfamee ture.
Maark Fireerichis Fulbaana 19, 2022 buufata xayyaara Kaabulitti US tti kennamuu Taaliban beeksise.
Bakka isaa ammoo US gaggeessaa gosaa fi Taalibaan wajjin hidhata cimaa qaba jedhamee kan yaadamu Bashir Noorzayi bara 2005 tti hiitee turte hiikun Taalibaanif kennite.
Bashir Taalibaan wajjin hidhata qabaachun dabalataan baala sammuu adoochu daddabarsuun US shakkitee hidhaa umurii guutuu itti murteessitee turte.
Waa’ee namoota wal-jijjiiruu kana ilaalchisee mootummaan US hanga ammaa homaa hin dubbanne. Baayidan yeroo duula na filadhaa gaggeessaa turan Maark Fireerichis akka mirkaneessan beeksisanii turan.
“Har’a buufata xayyaaraa Kaabulitti Maark Fireerichis US tti kenninee Haji Bashir nuuf kennaniiru,” Ministeerri Dhimma Alaa Taalibaan kan ta’e Amiir Khaan Muttaaqii dubbate.
Injinarri lammii US Maark jedhamu nama ganna 60 yoo ta’u bara 2020 osoo US Afgaanistaan gadi dhiistee hin bahiin waggaa tokko dura Taalibaanin ukkaamfamee fudhatame.
Afgaanistan keessa injinara sivilii ta’ee waggoota 10 Kaabuul keessa jiraataa ture. Obboleettin isaa Chaarlen Kakora maatin waa’ee isaa abdii kutatanii akka hin beekne dubbatte.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
“Obboleessi kiyya fayyaa ta’ee gara manaa dhufa jira jechuu dhagahuu kootti baay’ee gammadeen jira. Maatin keenya ji’a 31 guutuu isaaf kadhataa tura,” jette.
“Namoonni tokko tokko Maark gadi lakkisiisuf [nama hidhata Taalibaan qabu] gadi lakkifamuu isaatti mormii qabu, garuu pirezidaant Baayidan waanuma sirrii godhan. Lubbuu loltuu Ameerikaa oolcha” jette.
Loltuu humna galaana irraa duraanii kan hidhuun walitti dhufeenya Taalibaani fi UStti danqaa guddaa uumee ture. Taalibaan biyyoota heddu biratti akka mootummaa seera qabeessatti fudhatamee hin jiru.
Ji’a Amajjii keessa Joo Baayidan, “Taaliban osoo waa’ee fudhatamummaa isaa hin yaadin dura hatattamaan Maark gadi lakkisuu qaba. Kuni waan mariif dhiyaatu miti” jechuun dubbatanii ture.
Ammayyuu lammiin Ameerikaa tokko harka Taalibaanitti hafee jira. Fiimii hojjachuun kan beekamu Ivoor Siirar fi nama lammii Afgaanistaan fiilmii qindeessu Fa’izullah Fa’izbakhash ji’a Haggayaa keessa hidhamanii ture.
Bashir Noorzayi buufata xayyaaraa Kaabul gaafa gahu waraana Taalibaanin akka gootatti simatame.
“Anis ta’ee lammiin Ameerikaa kun hiikamuun biyyoota lamaan gidduutti nageenyi akka bu’u ni godha,” jechuun tuuta miidiyaatti dubbate.

Madda suuraa, AFP
Bashir nama Taaliban hundeesse Mullah Omaar wajjin walitti dhufeenya cimaa akka qabantu himama. Bara 1990 keessa mootummaa Taalibaan qarshiidhanis deeggara ture.
He did not hold an official position but "provided strong support including weapons", Taliban spokesman Zabihullah Mujahid told the AFP news agency.
Qoricha sammuu namaa hadoochu heroyiinii jedhamu daddarsuun himatamee hidhaan umurii guutuu itti murtaa’ee ture. Amma mana hidhaa US keessatti waggoota 17 erga hidhameen booda bahee jira.
Qorattoonni yakkaa akka jedhanitti Bashir Afgaanistaan bulchiinsa Kandahar keessatti lafa qonnaa Oppiyeemii guuddaa qaba ture.
Bara 2005 yeroo qabamu sana namoota addunyaa irratti namoota qoricha sammuu adoochu daddabarsuun beekaman keessaa tokko ture jedhama.
Bara 2008 tti qoricha sammuu namaa hadoochu heroyinii dolaara milyeena 50 olitti tilmaama US seensiseera jechuun adabbiin itti murtaa’e.












