Mormiin guddaan Keeniyaatti karoorfamee ture haqame

Madda suuraa, Reuters
Waamicha Pirezidantii Keeniyaa Wiliyaam Ruutoo hordofee hiriirri guddaan Wixata Ebla 03, 2023 karoorfamee ture haqame.
Mormiin karoorfame haqamuu isaa ifa kan godhan ammoo mormichaaf waamicha taasisaa kan turan dursaa garee mormituu Raayilaa Odingaadha.
Dilbata galgala TV irratti haasaa kan taasisan Raayilaa Odingaa, mormii waamnee turre kan haqneef, waamicha pirezidaantii dhagahuun 'mariif bakka haa kenninnu' jechuunidha jedhan.
Jaarmiyaan wal ta’umsa mootummoota Baha Afrikaa (IGAD) pirezidantiin Keeniyaafi hogganaan paartii mormituu muddama ture mariin furuuf wal ta’u isaanii jajeera.
Barreessaan Olaanaan IGAD Dr Warqinaa Gabayyoo tarkaanfiin kuni ‘’garaa gartee dhimma biyyaleessarratti uumamaan karaa nagaatiin furuufi tokkummaa’’ biyyattii eeguuf gargaara jedhaniiru.
Odingaan torbanitti guyyaa lama jechuunis Wixataafi Kamisa guutummaa biyyattii keessatti mormiin akka gaggeeffamu waamicha taasisuu hordofee torban lamaan darban qabeenyi baay'ee manca'ee lubbuun namootaas darbeera.
Dilbata galgala ummata biyyattiif haasaa kan taasisan Pirezidant Wiliyaam Ruutoo gama isaaniitiin Odingaan heera mootummaa akka kabajaniif waamicha taasisaniiruuf.
Ruutoon Komishinii Filannoo walabaafi haaraa akka hundeessuuf gaaffii paartileen mormitootaa irraa dhiyaateef akka fudhatan himamaa jira.
Odingaan qaala'insa jireenyaa guutummaa biyyattii keessatti mudate hordofee deeggartoonni isaanii addabaabaayiitti ba'anii mootummaa irratti mormii qaban akka dhiyeessaniifu waamicha taasisanii ture.
Hiriira mormii guddaa Ebla 03, 2023 waamamee ture irratti walitti bu'insi guddaan uumamuu mala sodaan jedhu uumamee ture.
Waldaan gaazexeessitoota biyyattii waamichi mormii taasifamuu hordofee mootummaan intarneeta cufuu danda'a odeeffannoon jedhu isa gahuu ibseera.
Pirezidant Ruutoo haasaa isaanii Dilbata galgala taasisaniin bara nuti itti miidiyaa ukkaamsinuufi intarneeta cufnu darbeera; Keeniyaan daandii fagoo deemteetti jechuun hamii ture gatii dhowwataniiru.
Pirezidantii ta'uudhaaf si'a shan dorgomanii kan milkaa'anii hin beekne Raayilaa Odingaa, Keeniyaa keessatti siyaasaan waggoota dheeraaf turaniiru.
Yeroo tokko ammoo minisira muummee Keeniya ta'uunis tajaajilaniiru.
Dubbii mormii gudda waamamee ture akka haqamuuf taasisan keessatti mariin Pirezidant Ruutoo waliin taasisan yoo bu'aa hin qabaatu ta'e, irra deebiin ummata akka mormiif waaman dhaadataniiru.












