Qorannoon Baankiin Addunyaa qabxii barattoota Itoophiyaa kutaa 12ffaa irratti taasise maal agarsiisa?

Qorannoon dhiibbaa jijjiiramni qilleensaa qabxii seensa yunivarsitii barattoota Itoophiyaa kutaa 12ffaarrati qabu qoratamaa ture ifa ta’eera.

Qorannoon kuni Baankii Addunyaan qoratame. Qabxiin barattoota miiliyoona 2.5’tti siqus walitti qabamee qoratame.

Qabxiin seensa yunivarsiitii rifaasisaadha jedhame erga galmaa'e booda qorannoon ifa ta'e kuni gaaffiis kaaseera.

Kanneen qorannicha dubbisan akkamiin hoo’i sababa ta’a jechuun qorannichi akka ''ijoo dubbii'' ta’u gochuu isaa kanneen qorannicha gaggeessan himu.

Qorannoon kuni baatii Bitootessa keessa ifa ta'e.

Xiyyeeffannoon ijoo isaas bara barattoonni hiree isaanii fuulduraa murteessan keessatti qilleensi hoo'aa hangam dhiibbaa irratti uume kan jedhudha.

Qorannoon kuni yeroo hoo'i addunyaa yaaddessaa jirutti taasifame.

Akkaatuma kanaan bara barnootaa keessumaa yeroo qormaataa barattoonni qilleensa hoo’aa olaanaaf saaxilaman kaanirra qabxii gad-aanaa galmeessaniiru.

Baankiin Addunyaa qorannoo kanaaf qabxii barattoota Itoophiyaa miiliyoona 2.47 qorate.

Kunneenis, Bara 2003 – 2019 keessa barattoota seensa yunivarsiitii qoramanidha.

Qorannoo kanaanis, haalli hoo’a olaanaan qabxii barattoota kutaa 12ffaarratti dhiibbaa akka qabu bira gahamuu kanneen qorannoo gaggeessan himu.

Lammii Itoophiyaa kan ta’an Kibrom Taaffara (PhD) Baankii Addunyaa keessa ogeessa dinagdeedha. Kanneen qorannoo kana gaggeessan keessaati.

Hoo’a yoo jennu hoo’a daree keessaamoo ala jirudha? Akkaataa Itoophiyaa keessa jiruun kuni tokkuma jedhu ogeessi diinagdee kuni.

Sababa isaas yoo ibsan daree manneen barnootaa Itoophiyaa hedduu keessatti meeshaaleen hoo’a qabbaneessuuf gargaaran akka hin jirre eeru.

Baankiin Addunyaa Itoophiyaa dabalatee biyyoota Sahaaraa- Gadii keessatti teknoloojiiwwan hoo’a qabbaneessuuf oolan daree keessa akka hin jirre ibsa.

Kunimmoo yerootti hoo’i addunyaa dabalaa jirutti barattootallee huba.

Itoophiyaa keessa walakkeessa jaarraa 20ffaa keessaa eegalee hammi hoo’a qilleensaa waggaatti giddugaleessaan 1%’n oliin dabaluu gabaasa mootummaa eerun qorannichi ibseera.

Qorannoo Itoophiyaa keessatti adeemsifame kanaan dhiibbaa hoo’i barnootarratti hordofsiise hubachuuf hoo’i waggaa guutuu galmaa’ee qoratameera.

Dhiibbaa hoo’i qabxii barattootarratti akka qabu kan hubatame hoo’a yeroo qormaata kutaa 12ffaa yookiin qormaata seensa yunivarsiitii yeroo qoraman qofa miti.

Hoo’a waggaa guutuu tureenis dhiibbaan isaa bira gahameera.

Qorannoo kanaan hoo’i dabaluu isaatiin qabxiin gad-aanaa bakkeewwan itti galmaa’e bakkeewwan baddaa ta’anidha.

Faallaa kanaan barattoonnii bakkee gammoojjii jiraatan hoo’a itti baraniiru jedhu Garee Qorannoofi Qo’annoo Baankii Addunyaa keessa qorataa kan ta'an Dr Kibroom.

'Dhiirotatu hubame'

Hoo’i dabaluu isaatiin barattoonni qixa hin hubamne.

Akka qorannoo Baankii Addunyaa kanaan ''dhiironni caalaatti saaxilamuufi dubartoonni hoo’a dabale dandamachuu'' isaanii agarsiisa.

Dr Kibroom ‘’barnootaaf hoo’i digirii sentigireedii 18 – 21 jiru mijataadha jedhamee ramadama,’’ jedhu.

Haa ta’u malee, Itoophiyaa keessa bara barnootaa hoo’i olaanaa yeroo galmaa’etti barattoonni sirnaan barnoota isaanii hordofuu rakkataniiru.

Kunis, haala rakkisaa uume.

‘’Guyyoota ho’aa kudhan digirii sentigireedii 33 ol waqtii galmaa’etti qormaata biyyaalessaarratti qabxiin gad-aanaa galmaa’eera,’’ jechuun Dr Kibroom BBC’tti himaniiru.

Yeroo hoo’i hammaate barattoonni qormaata miti barumsumayyuu sirnaan hordofuu akka rakkatan qorattoonni himu.

Barattoonni kuni yeroo qormaata seenan bareechanii dalaguu hin danda’an jedhu waa’ee qorannoo isaanii yoo ibsan.

Kaayyoon biraa qorannoo kanaa gara fuula duraattis hoo’i dabaluun isaa waan hin hafneef mootummaan waan gochuu qabu jedhan akeekuudha.

Dr Kibroom hoo’i dabaluu isaatiin dhiibbaan barattoota seensa yunivarsiitii qoratamanirratti qabu hangami jedhamanii gaafatamaniiru.

‘’Dhibbantaa 3 ni ta’a,’’ jechuun BBC’tti himan.

Sababoota kaan qabxiin barattootaa akka xiqqaatu taasisan waliin yeroo wal bira qabamu xiqqaa ta’us dhiibbaan isaa garuu xiqqaa akka hin taane dubbataniiru.

Dabalataan, hubaatiin qilleensi hoo’aa barattoota hundarratti qabu keessumaa barnoota Afaan Ingiliziifi Herreega caalaa barnoota siivikiifi aptitiyudiirratti akka cimu qorannichi agarsiisa.

Sababni kanaa baramuu baatus, tarii barattoonni barnoota cimoorratti yeroo bal’aa waan dabarsaniif akka ta’e ibsa.

Qabxiin seensa yunivarsiitii barattootaa keessumaa waggoota lamaan darban galmaa'e baay'ee xiqqaadha.

Mootummaan ''rifaasisaadha'' jedheera. Kanaaf sababooti danuu ta’uu qorattoonni himu.

Kanneen keessaa dhimma qulqullina barnootaa, hanqina hordoffii, rakkoo nageenyaa, carraa hojii dhabuufi kaan ni eeramu.

Haa ta'u malee, hoo'is kana keessatti qooda akka qabu yoo ibsamu kuni yeroo duraatiifi.