Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Kufaatii barattoota kutaa 12 irratti hayyoonni sirna barnootaa maal jedhu?
Firiin Qormaata Biyyaalessaa Kutaa 12 Wiixata darbe ibsame barattoota bara 2015 qorumsicha Fudhatan keessaa qabxii darbiinsaa fi isaa ol kan fidan harka 3.2 qofa akka ta’e ifoomse.
Firiin qormaataa kuni bara darbes barattoota waliigalaa qormaaticha fudhatan keessaa kan qabxii darbiinsaa fidan dhibbeentaaan kan baranaatin walumatti dhihaata.
Qabxii barattootaa walitti fufiinsaan gadi bu’aa dhufe kana hayyoonni akkamitti ibsu?
Dr. Roobsan Margoo Yunvarsiitii Arsiitti gargaaraa Piroofeesaraati. Isaan qabxiin barattoota kutaa 12 kuni yaaddoo yaaddoo caalu kan namatti uumudha jedhu.
“Kuni mul’istuu kufaatii kufaatii caaluuti. Dhimma biyyi kuni xiyyeeffannaa osoo itti hin kennin turtee amma mul’atedha. Barnoota keessatti ‘time Bomb’ jedhama. Ibidda ukkaamamaa jechuudha. Lafa keessa haguugamee turee yeroo haala mijataa argatu kan dhoohu”
“Firiin hojii baruu fi barsiisuu yeroo tokkoon miti adeemsa keessa mul’ata. Dhalootni tokko erga badee booda kan mul’atu. Akkuma volkaanoo dhokataa turee kan dhoohu. Wanti amma barnoota irratti ta’es kanuma” jedhan.
Ka’umsi Kufaatii qulqullina barnootaa qulqullina barsiisotaa irraa jalqaba jedhu Dr. Margoon.
Haala qabatamaa amma Itoophiyaa keessa jiruun namni barsiisaa ta’u kan filannoo biraa dhabee fi qabxii gadi aanaa qabudha jedhan.
“Namni barsiisaa ta’u nama fiildii biraa filachuu dadhabe,qabxiin isaa baayyee gadi bu’aa ta’e fi lafa hunda yaalee ennaa dadhabe gara barsiisummaa kan gorudha.” jedhan.
“Akkuma ta’etti eebbifamee bahee barsiisaa ta’ee namuma akka isaa oomisha. Baratichi Yunvarsiitii seenee namuma akka bariisaa isaa ta’ee baha. Maraammartoo akkanaatu uumamaa deema” jedhan.
Yunvarsiitii Wallaggaatti Gargaaraa Piroofeesaraa fi barasiisaa saayikolojii sirna barnootaa kan Tahan Dr. Tafarraa Fayyisaas yaaduma Dr. Margoo kanaan walfakkaatu qabu.
“Firiin barattootaa amma ibsamu kuni waan salphaatti ilaalamu miti. Waan nama rifachiisu. Kasaaraa guddaadha. Kufaatii amma mul’ate kanaaf ittigaafatama kan fudhatu tokko barsiisaadha jedhan.
“Kutannoodhaan barsiisuu osoo qabuu, dandeettii isaa gabbifachuu osoo qabuu waan irraa eegamu hin hojjenne,” jedhu.
Ta’us rakkoon kanaaf jalqaba kan ta’u sirni barnootaa amma jiru barsiisaaf kabajaa fi faayidaa malu guutuu dhabuurraa akka jalqabus akeeku Dr. Tafarraan.
“Sirnichumti barsiisaaf kabajaan qabu gadi bu’eera. Qixa ogummaa kaaniitiin xiyyeeffannaa waan kenname natti hin fakkaatu,” jedhan.
Gama kaaniin kutannoon barataan barumsarratti qabu laafuunis kufaatii barattootaa kanaaf sababa ijoo biraa akka ta’es akeekan.
Deemsi adeemsa qorumsaa jijjiiruu fi cimsuu qulqullina barnootaatiif galtee tokko ta’uu danda’a kan jedhan Dr. Tafarraan, qorumsa durarratti hojjetamuu qabaS jedhu.
“Galtee barnootaa kitaaba, barataa, barsiisaa, meeshaalee barnootaa irratti hojjetamaa hin jiru. Adeemsi baruu barsiisuu, madaalliin, supparvizhinii irrattis sanuma. Deemtee utaaltee bu’aa safaruu bira deemuun bu’aa hin fidu” jedhan.
Sirni barnootaa tasgabbii dhabuunis sababa kufaatii sirna barnootaa akka ta’us himu.
“Sirni barnootaa yeroo yeroon jijjiirama. Tasgabbii hin qabu. Kitaabni yeroo yeroon jijjiirama. Amma sababa kanaan osoo laaltanii barataa hedduun kitaaba hin qabu. Kunis rakkoo biraati” jedhan.
Rakkoon nageenyaa kutaalee biyyattii adda addaa keessatti mul’atus barnootni sirnaan akka hin gaggeefamne waan godhuuf kufaatii kanaaf qooda mataasaa akka gumaache akeeku.
Furmaanni maali?
Kufaatiin firii qorumsaa sirreeffama bu’uurarraa barbaada kan jedhan Hayyoonni kunneen haala ammaa kana jijjiiruun akka danda’amus akeeku.
“Qooda guddaan kan barataati. Teeknolojii fayyadamuurratti yeroo gubuurra barnotasaa dubbisuurratti xiyyeeffachuu qaba. Maatiin barataa isaanii hordofuu qabu. qo’achiisuu qabu.”
“Barsiisaan hanqinasaa guutaa deemuu qaba. dhugaadha barsiisaan rakkoo baayyee himatu. Garuu hamma ogummaa kana keessa jirutti dirqama lammummaasaa bahu qaba,” jedhan Dr. Tafarraan.
Dr. Roobsan ammoo kufaatii barnootarratti mudatu kanaaf furmaati ijoon imaammata barnoota biyyattii bu’uurarraa ija ogummaatin sakatta’uu barbaachisa jedhu.
“Imaammanni barnootaa kan biyya lixaarraa qofa garagalfamuu hin qabu. Beekumsi xabboo biyya kanaa hammatamee kan lixaarraas waan barbaachisu dabalamee qophaa’uu qaba. Imaammanni irra deebiin ilaalamuu qaba,” jedhan.
Gama biraatiin namootni sammuu ciccimoo qaban akkuma ogummaalee biroo filatanii deeman barsiisummaanis ijoollee ciccimoo akka hawwatu gochuun murteessa ta’uu eeran.
“Biyya Fiinlaand osoo ilaallee barsiisummaan ogummaa doktoreetii fayyaa caalaa filatamaadha. Kana sirnatu uuma. Faayidaa barbaachisu guutanii hawwataa gochuu barbaachisa. Barsiisummaan xiyyeeffannaa argachuu qaba” jedhan.
Nama ciccimaa gara barsiisummaatti hawwachuu qofa osoo hin taane ‘namni nama qaru akkuma sibiilaa ofiisaas yeroo yerootti qaramuu qaba’ jedhan Dr Roobsan.