Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
'Sababa waanan qabuuf, yeroo tokkoffaa baaatu sa'aatii qofan badhaasaa ture'- Harmee Haanaan Naajii
Itoophiyaatti barattoota qormaata seensa yuunvarsiitii A.L.Itti bara 2015 fudhatan keessaa barattuu Haanaan Naajii qabxii 649 fiduun tokkoffaa taate.
Akka Itoophiyaatti barattoota qormaaticha fudhatan keessaa kan darbe %3.2 qofa jedhe Ministeerri Barnootaa.
Isaan keessaa barattuu Haanaan Naajii magaalaa Finfinnee, mana barumsaa Kiruuz irraa akka biyyatti tokkoffaa tahuu isheetti hedduu akka gammadde himte.
Haanaan qabxii ishee akkatti dhaggeesse yoo dubbattu, ‘’Ibsatu kennamaa ture. Ani ibsicha dhaggeeffataa hin turre. Qabxiidhaan tokkoffaa kan taate shamarree Mana Barumsa Kiruuz irraati kan jedhu dhagahanii hiriyyootni koo akkan dhaggeeffadhuuf naa bilbilan,‘‘ jette.
‘‘Sidha, sidha naan jedhani. Anis shakkeen ture. Garuu nama biraas tahuu mala jedheen ture. Garuu akka ana tahe keessa kootti bareera. Amanuuf garuu na rakkise,‘‘ jette.
Erga qabxiishee kana mirkaneeffattee hedduu akka gammadde kann himtu Haanaan ‘‘nama boonsa‘‘ jette.
‘’Namatti tola. Barattoota hamma kanaa keessaa… gaarii akka tahu tilmaamus hundumaa caalaa qabxii guddaa fiduun ammoo miira addaa namaaf kenna.’’
Haanaan qormaata qabxii 700 keessaa kennamu kana qabxii 51 qofa dhabde. Faallaa kanaan garuu barattootni kumaatamni kufan.
Inumaayyuu manneen barnootaa 1300 ol tahan barataa tokkollee hin dabarsine jedhe Ministeerri Barnootaa.
Qormaata ulfaate moo rakkoo biraa jira kan jedhu ifa tahuu baatus, qormaanni kun akka walirraa hin hatamneef eeggannoo guddaan kennamuu Ministeerri Barnootaa himeera.
Haanaan ‘‘qormaanni ulfaate hin jedhamu. Yoo itti qophoofte waanuma hojjetamudha. Barattootni hedduun qophiirra waan turan natti hin fakkaatu.
‘‘Xiyyeeffannoon isaanii waan biraarra tahe natti fakkaata. Ammaa jalqabee osoo hin taane sadarkaa lammaffaa yeroo galan irraa jalqabeeti. Qormaata kana hatuuf carraan hin argamne natti fakkaata. Tarii kun akka barattootni hedduun kufan gochuu mala,‘‘ jette.
‘‘Qabxiin koo ida’ama waan hedduuti. Garuu itti dhama’eera. Gahumsakooti kaniin jedhu itti fayyadama yerookooti. Waan fooyyee qaburratti qofan yerookoo dabarsa. Irra caala waan fooyyee qabun dubbisa,‘‘ jette.
Haanaan hunda caalaa barnoota fiiziksii akka jaalattu himti.
‘‘Tarii kun gahumsa barsiisaa irraas tahuu mala, garuu yeroo hojjetaa adeemtu itti bashannanta, qalbiikee qabata. Kanaaf tahuu mala,‘‘ jette.
Haanaan fuulduratti barnoota qorichaan wal qabatu faarmaakoloojii barachuu akka barbaaddu himte.
Qorichoota hojjechuu irratti xiyyeeffata. Anis qorannoo gaggeessuun jaaladha jette.
Maatii daldalaan irraa kan dhalatte Haanaan qabeenya caalaa abjuushee milkeessuutti akka gammaddu himti.
‘‘Ani Birrii gahaa osoon qabaadheyyuu gammaduu hin danda’u. Birriin ni bada. Ani hawwiikoo galmaan gahuuttan gammada,‘‘ jette.
Yeroo hundaa sa’aatii badhaasaan ture.
Harmeen Haanaan, Aadde Shukuriyaa Shifaan, intalli isaanii barattuu qaxalee fi naamusa addaa qabdu tahuu BBCtti himan.
‘’Haanaan Yeroo ishee guutuu barumsa irratti dabarsiti. Miidiyaa hawaasaa irratti yeroo ishee tasumaa hin dabarsitu.
Boqonnaa fudhadhu yeroo jennuyyuu bakka baay’ee callisaa tahetti malee tole hin jettu. Isumaayyuu kutaashee cuftee bakka sagaleen hin jirre teessee boqatti,’ jedhan.
Harmeen Haanaan mucaan isaanii Haanaan mana keessattis naamusa gaarii akka qabdu BBCtti himan.
‘’Of bashannansiisuuf waan addaa fayyadamtu hin jiru. Bashannansiisuuf fudhannee yeroo baanuyyuu bilbila ishee bantee achitti dubbisti.
‘’Waan akkasiin bashannanti waan jedhu hin qabu. Dubbisuu irratti dabarsiti.’’
Haanaan yeroo ishee miidiyaa hawwaasaa irratti akka hin balleesine dubbatte.
Barattootni hedduun araada miidiyaa hawwaasaan qabamuun yeroo isaanii irra jireessa akka achirratti dabarsanii fi qabxii isaanii irrattis dhiibbaa qabu qondaalonni mootummaa ana dura BBCn dubbise himanii ture.
Haanaan ‘’miidiyaa hawwaasaa erga qormaata xumureen banadhe. Sana dura itti fayyadamee hin beeku,’’ jette.
Barattuu Haanaan sadarkaa gadiirraa jalqabdee tokkoffaa bahaa akka turte kan himan harmeen ishee, yeroo tokkoo hanga saddetii tokkoffaa bahaa turte sa’aatii qofan badhaasaanii ture jedhan.
‘’Maamaa ‘yeroo hundumaa maaliif sa’aatii na badhaasta?’ na jechaa turte.
‘’ Ani sababan qaba. Maaliif yoo na jettu, sa’aatiin nama darba. Takkaa darbinaan duubatti deebisuu hin dandeessu. Kaleessa gara har’aatti fiduu hin dandeessu, ni darba jechaan ture.’’
Harmeen Haanaan kana kan jedhaniif yeroo isheetti haalaan akka fayyadamtuu fi faayidaa yeroo hubachiisuuf akka tahe himan.
Haanaan yaada harmee ishee kanatti amantee akka yeroo isheetti fayyadamaa turte himte.
Naannoo Oromiyaa barattootni Mana Barumsaa Bultii Addaa Waldaa Misooma Oromiyaa qabxii olaanaa galmeessuun beekamu.
Bara kana guutummaatti beekamuu baatus barattoota 144 qormaaticha fudhatan keessaa 600 keessa kan fidan akka jiran argineerra jedhan Daarikterri Mana Barumsaa Bulti Addaa Adaamaa, Obbo Dajanee Itichaa.
Sababa rakkoo interneetiin kan barattoota 56 qofa akka qabxii ilaalan kan himan Obbo Dajaneen, manni barumsaa isaanii manneen barnootaa barattoota hedduu dabarsan jedhaman tokkoo hanga kudhanii keessaa tokko tahuu himan.
Qabxii seensa yuunvarsiitii qofa sooo hin taane qormaata biyyaaleessaa kutaa sadetteeffaa irrattis akka naannoo Oromiyaatti barattootni hedduun kufaniiru.
Ministirri Barnootaa Pirofesera Biraanuu Naggaa, barattoota kuma 845 fi 188 qormaata kutaa 12ffaa fudhatan keessaa qabxii darbinsaa % 50'n ol kan fidan kuma 27 ta'u jedhan.