'Qabxiin kun eenyummaa keenya guutummaatti hin ibsu'- Barattuu qabxii olaanaa galmeessite

Bu'aa qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa Kibxata ifa ta'uu eegaleen damee saayinsii uumamaarraa qabxii olaanaa kan galmeessite barattuu magaalaa Finfinnee Hanaan Najii akka taate ibsame.

Barattuu Hanaan bulchiinsa magaalaa Finfinnee keessatti kan argamu mana barnootaa dhuunfaa Kiruuz jedhamutti barachaa akka turte Addis Miidiyaa Neetwoork gabaaseera.

Hanaan qabxii waliigalaa 700 keessaa 649 galmeessite. Ministeerri barnootaa bu'aa qormaata biyyaalessaa ilaalchisee ibsa Wiixata kenneen kanneen qormaata kanaan milkaahan dhibbeentaa 3.2 qofa akka ta'an ibseera.

Manneen barnootaa barattoota qorachiisan keessaa dhibbeentaa 42.8 kan ta'an barataa tokkoyyuu akka hin dabarsines Ministirichi Piroofeesar Birhaanuu Naggaa ibsaniiru.

Barattuu Hanaan gaaffiifi deebi miidiyaa bulchiinsa magaalaa Finfinnee Addis Miidiyaa Neetwoork waliin taasifteen gabxii galmeessiftetti gammaduu ibsite.

Barattuun kun fuula duratti saayinsii qorichaa fi keemikaalaarratti bobba'uu akka feetu dubbatteetti.

'Faarmaakolojistii osoon ta'ee nan gammada. Fedhiin kiyyas garasanitti qaacca'aa jira," jette.

Hanaan qormaata kanaan qabxii olaanaan galmeessite barnoota Keemistiriin yoo ta'u, 99 argatte.

Qabxiin Hanaan kun bu'aan qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa seenaa biyyattii as dhiyoo keessatti isa badaadha jedhame galmaatti argame.

Hanaan ''qabxiin kun eenyummaa keenya guutummaatti hin ibsu. Amma nuu milkaahus, milkaahuu dhabuus kaayyoo qabaannaan karaa kanaan ta'uu baatuyyuu karaa biraan milkaahuu dandeenya'' jette.

''Barattootni milkaahanis milkaahuu baataniis abdii akka hin kutanne'' isaan gorsaa jette.

Kaayyoo qabaachuufi wanta fuula duratti isaan eeggatuuf akka qophaa'anis dhaamte.

Piroofeesar Birhaanuu Naggaa ''caba barnootaa waldhaanuuf sadarkaa gadiirraa jalqabee hojii maneen irratti hojjechuu qabnu hedduun nurra jiruu'' jedhaniiru.