'Umuriikoo waggaa 12tti paawondii torbaan gaa'elaaf na gurguran'

Addunyaarratti shamarran shan keessaa tokko umurii waggaa 18tti heerumu. Biyyoonni seera faallaa gaa'ila umurii malee qabanillee seericha hojiitti hiikuurratti baayyee boodatti harkifatu.

Biyyoota rakkoon akka kanaa bal'inaan keessatti mudatu keessaa tokko Maalaawwiidha.

Waggaa 12tti dirqamaan kan heerumsiifamte shamarreen Tamaaraa jedhamtu, amma waggaa 13 taateetti, daa'ima garaatti baattee guyyuu bakka hojii deemti.

Odeessa kana keessatti maqaan shamarree kana ittiin waamnu iccitiishee eeguuf jecha geeddarameera. Tamaaraan maqaa ishee isa dhugaa miti.

Abbaan manaashee umuriinsaa waggaa 20 keessa ta'e, erga fuudhee booda gatee bade.

Ergasii isheenis bakka deemtu dhabdee godoo adaadaasheetti galuun lafa ciisaa turte.

Namni kun warri tajaajila hawaasummaa kennan, gaa'ela seeraan alaa kana keessaa Tamaaraa baasuuf dhufaa jiraachuusaanii dhagahee ishee gatee baqate.

Tamaaraan Kibba Maalaawwii aanaa Neenoo keessatti maatii hiyyeeyyii keessaa dhalatte.

Uummanni biyyattii harki 65 hiyyummaa keessa jira. Maatiin Tamaaraa akkuma irraa du'aniin, akkooshee biratti galte. Ji'a tokko booda garuu waan hin eegamnetu ta'e.

Guyyaa tokko wayita isheen mana barumsaatii deebitu akkoonshee oduu haaraatu jira jetteen.

''Akkan heerumuu qabu natti himte. Dursitee gurbaa irraa maallaqa fudhatteetti,'' jette Tamaaraan.

Namni Tamaaraan argitee hin beekne maallaqa Maalaawwii (Kwacha) 1,500 doolaara sagal yookiin paawondii torbatti kan tilmaamu kenne.

Akkoon Tamaaraa maallaqa namicharraa fudhatteen maatiif midhaan nyaataa bittee fixxeetti, namichi ammoo obsa dhabe.

Intalli maallaqa irratti kaffale kun mana barumsaa dhiiftee akk isa waliin jiraattu barbaade.

Jaarmiyaan miti-mootummaa Girls Not Brides jedhamu shamarran Maalaawwii keessaa dhibbeentaan 40ni umriisaanii waggaa 18 gaditti heerumsiifamu.

''Namichi umuriidhaan waan na caaluuf wal hin simnu. Haala kanaan jireenyi ni ulfaata. Yeroo hedduu balleessaa hojjette jedhee humnasaa fayyadamee akka badaa na dhaana,'' jechuun hacuuccaa irra ga'e himti.

Haala kanaan nama kana waliin ji'a sadiif jiraatte, booda dubbiin warra tajaajila hawaasummaa kennan bira ga'e.

Tamaaraan akka mana barumsaatti deebituuf wayita haala mijeessuun eegalamu dubbiin tokko gufuu itti ta'e- Garaatti ishee hafe.

Jaarmiyaan UN dhimma daa'immaniif hojjetu Unicef, dubartoonni amma lubbuun jiran miiliyoona 650 ta'an umriisaanii waggaa 18 gaditti gaa'ila kan godhatanidha.

Ijoollee shamarranii osoo umuriinsaanii hin ga'in heerumsiisuun Eeshiyaan dhibbeentaa 40 qooddachuun sadarkaa tokkoffaarra jirti. Biyyoonni Afrikaa Sahaaraan gadii dhibbeentaa 18n itti aanu.

Jaarmiyaan gargaarsaa World Vision jedhamu addunyaarratti shamarran dhibbeentaa 21 ta'an daa'imummaan heerumsiifamu jedha.

Tamaaraan amma daa'ima dhiiraa deessee jirti. Daa'imis isheenis fayyaa guutuu qabu.

Wayita isheen da'umsa jala geessu dhaabbati miti-mootummaa Maalaawwii, magaalaa isheen keessa jiraattu Bilaantaayir keessa buufate guddoo gargaare.

Jaarmiyaan Serving Girls At Risk jedhamu kun wayita Tamaaraan da'umsaaf miixattu nama ishee gargaaru ramaduun wal'aansa fayyaa argachaa akka deessu taasisaniiru.

Rakkoowwan lubbuu dubartootaa galaafatan keessaa inni hamaan kan wayita da'umsaa mudatudha. Da'umsi Tamaaraa garuu akkaan salphaa fi naga qabeessa ture.

''Tamaaraa fi daa'imi ishee amma manatti deebi'aniiru. Fayyaa qabu, maatiinshees daa'imi kun dhalachuutti guddoo gammadaniiru, jette dubbi himtuun dhaabbata miti mootummaa Serving Girls At Risk.

Kaaleb Nigoomboo ''amma Tamaaraan tumsa hawaasa ishee fi adaadaa ishee qabdi. Garuu hojii sirriin amma eegalamuu qaba. Dubartiin kun barumsasheetti yoo deebite wayyaaf. Akkasumas ammoo daa'imashees gargaaruutu irra jiraata. Kanaafuu hunduu tumsuu qaba,'' jette.

Tamaaraan waa'ee daa'imashee waan guddaa yaaddi.

Ofii barnoota adda kuttus, daa'imni ishee, Piriinsi, mana barumsaa seenee barnootasaa akka xumuru abdii qabdi.