Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
‘Qabeenya malaammaltummaan argame deebisiisuun seeran hojiirra oolaa hin jiru’
Oromiyaa keessatti malaanmalaa adabsiisuu malee, qabeenya malaammaltummaan argame deebiisuuf labsiin bahee hojiirra oolaa akka hin jirre himame.
Inistituutiin Leenjii fi qorannoo seeraa Oromiyaa qorannoo taasiseen, Naannoo Oromiyaa keessatti akkaataan hojiirra oolmaa labsii farra malaammaltummaa hanqina qabaachuu akeeke.
Garee Ogeessota seeraa qorannoo kana taasisan keessaa tokko kan tahan Obbo Abdii Tasfaa, labsiin farra malaammaltummaa bahe namni karaa seeraan alaatiin faayidaa argate, kan nama biraatiif argamsiise yookan miidhaa geessiseef qabeenyicha deebisuu qaba jedhan.
“Namni karaa malaammaltummaan qabeenya horate yookan nama biraaf argamsiise suni faayidaa seeran ala argate sana deebisuu qaba. Yoo deebisuu hin dandeenye ammoo qabeenyi yakkamaa Sanaa miidhaa sana gitu dhaalamuu qaba,'' jedhan.
Haata’u malee, haala qabatamaa amma jiruun garuu caasaaleen haqaa shakkamaa sana adabsiisuurratti qofa waan gammadanii dhiisaniif qabeenyi dhaalame deebi’aa hin jiru jedhan.
“Battala murtiin adabbii kennamu sanatti qabeenyi dhaalame akka deebi’u yookan qabeenyi shakkamichaa akka dhaalamuu akka qabu , himannis walumaan dhihaachuu qaba.qabatamaatti garuu yakka dalagame qofarratti kan xiyyeeffate,” jedhan.
Murtiin qabeenyarratti murtaa’aa jiru yoo ta’es, shakkamaa saniin alatti qabeenya firootaa fi maatiisaa sakatta’uurratti hanqina guddaa akka qabu himan.
Iddoowwan hedduutti ammoo qabeenyi nama malaammaltummaan shakkamee ugguramee yeroo too’atamu kunuunsi waan hin godhamneefif jecha qisaasamee bada jedhan.
“Qabeenyi uggurame suni gaafa murtii argatu yookan mootummaaf gala yookan ammoo shakkamaaf deebi’a. Garuu qabeenyi sun ni too’tama malee nama eeguu fi kunuunsu waan hin qabneef bakkuma dhaabbatetti manca’a,” jedhan.
Kaayyoon labsiin farra malaammaltummaa fi seerota kanaan walqabatanii bahanii yakkamaa adabsiisuun alatti qabeenya seeraan ala hatame deebisiisuu ta’ulleen, hojiirra oolmaan garuu yakkaan adabsiisuurra kan darbe miti jedhan.
Kanaaf jechas namni yakka malaammaltummaan himatamee yakkamaa ta’ee waggaa itti murtaa’e sana qofa adabamee waan bahuuf qabeenya malaammaltummaan horate sana erga adabbii isaa fixate bahee fayyadamuuf carraa kan banuuf ta’uutu ibsame.
Kun ammoo akkaataan hojiirra oolmaa seerota bahanii qixa sirriin waan hin taaneef, yakkicha sadarkaa barbaadameen hir’isuurratti gufuu kan ta’udha.
Seerri amma jiru qabeenyi malaammaltummaan horatame himata yakkaan, hariiroo hawaasummaafi tarkaanfii bulchiinsaatiin deebisiisuu kan ajaju ta’ulleen hanga ammaa kan hojiirra oolaa jiru adeemsa himata yakkaa qofa jedhan Obbo Abdiin.
Kanaan alattis qabeenyi malaanmalaan seeran ala horate akka dhaalamu manni murtii yeroo murteessutti qaamoleen raawwachiistotaa akkaataa jedhameen hojiirra waan hin oolchineef qabeenyi hatame deebi’aa hin jiru.
''Manni murti haa dhaalamu jedhee ajaja. Yeroo tokko tokko eenyutu dhaaluu qabaa kan jedhu hin ibsamu. Erga qaamni dhaalu ibsameemmoo qaamni ajajame rincicuutu jira. Raawwii dhaalmaa kana qaamni hojiirra ooluusaa too’atu hin jiru,” jedhan.
Sababa kanaaf jecha qabeenyi malaanmalaarraa dhaalame bakkuma ugguramee jirutti manca’uu fi gatiin isaa gadi bu’uun rakkoo hojiirra oolmaa seerichaa irraa madda jedhan Obbo Abdiin.
Rakkoo hojiirra oolmaa seerota bahanii kana furuuf, caffeen Oromiyaa ulfaatina miidhaa malaammaltummaan geesisaa jiruu fi harcaatii uumamaa jiru ilaaluun iddoowwan qaawwa seeraa qabanitti labsii haaraa baasuun tumsuu akka qabus akeekan.