Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
'Poolisiin mana koo weerare' - Tiraamp
Pirezidaantin duraanii US Donaald Tiraamp poolisiin mana isaa Filooriidatti argamu weeraruu hime.
Manni isaa Mar-a-Lago'tti argamu sakatta'aaf poolisoota hedduun akka weerarame Tiraamp dubbate.
Kaayyoon sakatta'a kanaa Tiraamp yeroo aangoo pirezidaantummaa irraa bu'u dookumetiiwwan manatti fudhatee galetu jira jedhamee waan shakkameef.
Abukaatoo Tiraamp kan taate Kiristiinaa Boob NBCtti akka himtetti, sakatta'a kanaan poolisiin waraqaaleen qorannoof fudhate jira.
Sakatta'insi poolisii tasa mana Tiraampitti gaggeeffame kun yeroo inni filannoo pirezidaantummaa bara 2024tti hirmaachuu danda'a jedhamettidha.
"Yeroon kun biyya keenyaaf yeroo dukkanaati," jechuun dubbate Tiramp.
Poolissoonni osoo itti hin himiin mana isaa weeraranis waan isaan gaafatan hundaan akka qaamolee seeraa deeggare dubbata.
Tarkaanfiin qaamoleen seeraa fudhatan filannoo dhufurrratti akkan hin hirmaannef kan kaayyeffate akka ta'e ibsa Tiraamp.
"Gochaan akkasii biyyoota hin guddanne keessatti kan gaggeeffamudha. Kan nama gaddisiisu Ameerikaanis akkuma biyyoota hin guddannee taatee jirti," jedhe Tiraamp.
Ilmi isaa Erik Tiraamp Fox News'tti akka himatti, FBI ajaja sakkatta'a qabatee dhufuun mana Tiraamp kan sakatta'e dookumentiiwwan biyyaalessaa mana keessaa qaba kan jedhuunidha.
Biiron Galmee Biyyoolessaa baruma kana muummen haqaa akkaataa qabiinsa ragaalee biyyaalessaa irratti Tiraamp akka sakatta'u gaafatee ture.
Akka ibsa biirichaatti mana Tiraamp 'Mar-a-Lago' jedhamu keessaa waraaqaalee sanduuqa 15 sassaabuufi kanneen keessatti ragaaleen icciitii biyyaalessaa fa'aa ni argama jedhameeti.
Pirezidaanti Ameerikaa tokko gaafa aangoo irraa bu'u xalayaawwaan, ergaawwan imeeliifi ragaalee hojii bara pirezidaantummaa isaa dabarsee Biiroo Galmee Biyaalessaatti akka kennu seerri biyyattii ni ajaja.
Haata'u malee, Tiraamp gaafa aangoo irraa bu'u ragaalee heddu osoo hin deebisiin manatti fudhatee akka gale dubbatu aangawoonni.
Himannaa kanaan dura irratti dhiyate "oduu sobaati" jechuun haalee ture Tiraamp.
Miseensonni Sekreet Sarvis Tiraamp eega tura dursee odeeffannoon waan isaan gaheef poolisoota FBI sakatta'aaf dhufan dura hin dhaabbanne jedhame.
Waajjirri Pirezidaant Baayidan dhiibbaan siyaasaa qorannicha irratti akka hin taasifamneef qunnamtii aangawoota olaanoo waajira haqaa wajjin qabu akka xiqqeessu beeksise.
Biiron Galmee Biyyoolessaa qofa osoo hin taane, koreen mana-maree bakka bu'oota biyyattiis dhimma hokkora bara 2021 tti Waayit Haawusitti ka'eef Tiraamp irratti qorannoo gaggeessaa jira.
Biiron haqaa biyyattiis filannoo bara 2020 irratti danqaa Tiraamp uumef qorannoo gaggeessaa jiraachuu ibse.
Abbaan alanga waliigalaa Meerik Gaarland, kanneen danqa kana keessaa harka qaban hunda seerattan dhiyeessa jedhan.