Doonaald Tiraamp MM duraanii Israa’el ‘amanamummaa hin qabu’ jedhanii qeeqan

Pirezedantiin duraanii Ameerikaa Doonaald Tiraamp, MM duraanii Israaa’el Beenjamiin Neetaniyaahuu, kan yeroo tokko walitti dhiyeenya gaarii qabaataa turan ‘amanamummaa hin qabu’ jedhanii qeeqan.

Aab Tiraamp, akkaataa Neetaniyaahuun gitasaanii Joo Baayideen filannoo injifachuu eebbisanitti mufachuu himan. Tiraamp wayita aarii isaanii kana ibsatan jechoota arrabsoo fa'illee fayyadamaniiru.

Tiraamp Israa’el badiirraa baraareen jira jedhanii akka amanan dubbatan.

Tiraamp yaada isaanii kan kennan af-gaaffii kitaaba Baha Giddugaleessatti nageenya buusuuf qooda Tiraamp ibsu qophaa'aa jiru keessatti.

Bulchiinsi Ameerikaa Aab Tiraamp jalatti bara 2017-2021tti ture, seenaa biyyoota lamaanii keessatti Israa’eliif yeroo hunda caalaa mijataa akka ta’eetti ilaalama.

Neetaniyaahuun wayita Tiraamp Pireezidantii Ameerikaa turanitti MM Israa’el ta’uun tajaajilaa turan.

Qondaaltonni lamaanuu hariiroo dhuunfaa ho’aa jedhamu qabu ture, yeroo hunda hawaasa duratti walgalateeffataa turan.

Aab Tiraamp gaazexeessaa Israa’el Baaraak Raaviditti kitaaba isaa ‘Trump's peace: The Abraham Accords and the Reshaping of the Middle East,’ jedhuuf waliin haasa’anitti, Aab Neetaniyaahuun Joo Baayidan filannoo bara 2020 injifannaan jarjarsuun baga gammaddee jedhanii eebbisanii jedhan.

Aab Tiraamp firiin filannoo fudhachuu kan didaa turan yoo ta’u, himannaan isaanii garuu fudhatama otoo hin argatiin hafuutu yaadatama.

‘’Namni jalqaba Joo Baayideeniin baga gammadde jedhe Bibii (Beenjamiin Neetaniyaahuudha). Naman waliin mariyadhe kamuu caala waan gaarii kan ooleef… Biibiin callisuu qaba ture. Biibiin garuu dogoggora guddaa uume,’’ jedhan Tiraaamp.

‘’Nama gara jalqabaati isayyuu,’’ jedhan Tiraamp.

Yeroo sanarraa kaase Neetaniyaahuutti dubbadhee hin beeku jedhan Tiraamp.

Dhugaan jirtu Aab Neetaniyaahuun hoggannaa biyya biraa jalqaba Joo Baayideniin baga gammadde jedheen hin turre.

Aab Neetaniyaahuu toora tiwitaraa isaanirratti ergaa baga gammaddee Baayidaniif maxxansanii osoo hedduu hin turiin maxxansa Tiraampiin galateeffatus maxxansaniiru.

Tiraamp yaada kennan kan biraa keessatti: ‘’Namni kamuu Biibiif waan kana caalu hin goone. Biibii jaaladheera,’’ erga jedhanii booda itti dabaluun, ‘’ammas Biibii nan jaaladha, garuu amanamummaas cimseen jaaladha,’’ jedhan.

Aab Neetaniyaahuun Waxabajjii darbe, bara kana mootummaa hundeessuu dadhabanii aangoorraa bu’an.

Aab Tiraamp af-gaaffii Eblaa fi Adooleessa keessa kennan keessatti Israa’el badiirraan baraare jedhanii akka amanan himaniiru.

Akka Pirezidantii Ameerikaatti Tiraamp Aab Neetaniyaahuu gargaaruuf tarkaanfii jajjabaa fudhataniiru, tarkaanfiwwaan kunneen Jerusaalem akka magaalaa guddoo Israa’el taatetti beekamtii kennuudha.

Tarkaanfichi biyyoota Arabootatti mufii guddaa uumee ture.

Israa’el Baha Jerusaalem bara 1976 humnaan qabatte - Paalistaayinoonni magaalittii akka magaalaa guddoo biyya fuulduratti hundeessuuf abdataa jiranitti lakkaa’u.

Kana malees, Aab Tiraamp qubannaa Israa’el lafa humnaan qabattetti gaggeessitu seera qabeessa jechuun labse.

Tarkaanfichi Ameerikaan ejjannoo Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii keessatti adda akka qabaattu kan taasise yoo ta’u, Israa’el gaara Golan bara 1967 humnaan qabatterratti, birmadummaa akka gonfattu beekamtii kan laateef ture.