Haadha intala ofii waggaa afur daree teessee gargaartee qabxii olaanaan eebbisiifte

Yordaanos dhibee Serebiraal Palsiis jedhamu qabdi.Harkaafi miillashee akka barbaaddetti sochoosuu, of dandeessee dhaabbachuufi dubbachuun ishee rakkisa.

Barattuu gargaarsi addaa ishee barbaachisudha. Yordaanos oolmaa daa’immaniirraa kaastee guddistuun daree keessatti addatti ramadameef gargaarsa gochaafii baratte.

Haalli fayyaashee kun garuu milkaa’uu isheen hin dhorkine.

Sadarkaa barnootaa keessa dabarte hunda keessatti qabxii gaarii fiduudhaan barumsa sadarkaa olaanaatiif qaqqabde.

Qormaata ministirii kutaa saddetteffaa dhibba keessaa 93.3 fidde; qormaata biyyaalessaa kutaa 10ffaa ammoo 3.8 galmeessiste. Qormaata seensa yunivarsiitii 458 fiduudhaan ture Yunivarsiitii Finfinnee kan galte.

Bu’aawwan garii barattuu Yordaanos galmeessaa as geese keessatti cimina ofiin qabdu cinaatti gorsi maatii “ni dandeessa” jedhu humna akka ta’eef haatishee Aadde Ihiiteen ni dubbatu.

“Olmaan daa’immanii naannoo keenya jiran hin fudhannu nuun jennaan Alam Baank irraa gara Kaazanchis ishee geesisnee baratte,” jedhu jiraattuu magaalaa Finfinnee kan ta’an Aadde Ihiiteen.

Yordaanos barnootashee naannoo itti dhalattetti hordofuu kan eegalte barnoota oolmaa daa’immanii (KG) erga xumurteen boodadha.

Gara mana barumsaa kan deemtu guddistootashee waliinidha. Kun ammoo yeroo tokko shakkii uumee gaaffii isheerratti kaasee ture.

Jabaattee barnootashee hordofuudhaan qabxii foyyeeffachuun kutaashee keessaa sadarkaa sadaffa baatee yeroo turte tokkotti, daarektara mana-barumsaa kan ta'e bu’aa isheen galmeessite kan ishee osoo hin taane kan warra ishee guddisanii ta’uu danda’a jechuun fudhachuufiif dide.

Akka intalli isaanii of dandeessee barnootaan milkooftuuf deeggarsa barbaachisu kan taasisan maatiinshee murtee daarektara mana-barumsaa mormuudhaan, daarektarri kun ofiin akka irra deebiin qoruuf gaafatanii irra deebiin qormaanni kennameef ture.

Haata’u malee, bu’aan isheen galmeessiste kan daarektarichi tilmaameen ol ta’ee dandeettii Yordaanos ofiin mirkaneessuu danda’e.

Waan duraan murteesse dogoggora ta’uu kana amanee daarektarri mana-barumsaa kun Yordaanosiifi maatiishee dhiifama gaafachuun akka barnootashee itti fuftuuf hayyamuu isaa haati Yordaanos BBCtti himaniiru.

Yordaanos barnootahee haala kanaan itti fuftee osoo jirtuu rakkoo qaamaa qabdurraa kan ka’een kutaa shanaffaa yeroo geessu manni-barumsaa gamoo koran hin qabne barbaadamee akka galmooftu taasifame.

“Haata’u malee, manni-barumsaa arganne hin fudhannu nuun jedhe. Yeroo qabxii isheen galmeessite itti agarsiifnu isaanis kun kan ishee miti, kan guddistoonnishee hojjetanidha nuun jedhan,“ jechuun dubbati haati Yordaanos Aadde Ihiiteen.

Haata’u malee, ammas akka qoramtuuf manni-barumsichaa gaafate. Yordaanos ammas qoramtee akka barte bu’aa gaariin dabarte.

Yordaanos rakkoo fayyaa qabdurraa kan ka'e guddistoonnishee guyyaa guutuu ishee waliin dabarsu. Yeroo daree keessa teessee barattutti, yeroo nyaattutti, yeroo gara mana-fincaanii deemtutti isheerraa adda hin ba'an.

Haata'u malee, barnoota daree keessatti kennamu xiyyeeffanaatiin hordofti, hoji-dareefi hoji-manee ofumaan hojjetti. Nuffii tokko malee qayyabatti. Akkuma kana qormaatsheen gargaarsa malee hojjetti. Kanaaf, imala barnootaashee keessatti milkoofteetti. Milkaa'inasheef sababiin guddaan deeggarsa maatisheeti.

"Ni dandeessa ittiin jenna, jaalala itti agarsiisna, kitaaba ni dubbisnaaf, hanga isheen waggaa shan geessutti baayyee ishee gargaarreerra," kan jedhan Aadde Ihiiteen, "sammuun ishee qaroo waan taateef daftee barnoota fudhatti," jechuun dubbatu.

Yordaanos ijoollummaasheetti gufuun baayyee ishee mudatee hin beeku. Uumamaan gammadduudha. Kun ammoo barnootashee rakkoo tokko malee akka hordoftuuf ishee gargaareera. Hanga kutaa 10ffaatti yeroo barattutti kunuunsa baayyee gaarii ta'etu taasifamaafiif ture.

Yordaanos turtiishee mana-barumsaa keessatti barsiisota tokko tokko irraa gaaffiiwwan irratti ka'anis, manneen-barnootaa tokko tokkos rakkoo isheen qabdurraa kan ka'een fudhachuu kan didan jiraatanis kanneen ishee fudhataniifi deeggaran baayyeedha.

Keessumaa addatti daarektarri Hayile-Li'uul jedhamu milkaa'ina rakkoo fayyaa uumamaa kan qabu seenaa Iseeven Hawukiing seenesseefiif ishee si'eessaafi deeggarsa taasisaaf akka ture haatishee kun ni dubbatu.

Dabalataanis hiriyyoonnishee ishee waliin baratan akka ofitti dhiyeessaniifi ishee cinaa dhaabbataniif gorsaa waan turaniif, barattoonni mana-barumsaashee baayyee kan ofitti ishee dhiyeessaa akka turan dubbatu Aadde Ihiiteen.

Yordaanos kutaa 10ffaan booda gara mana-barumsaa birootti wayita jijjiiramtettis qormaanni seensaa kennameefii dandeettii cimaa agarsiisuun akka darbite yaadatu haati Yordaanos kun.

Qormaata seenasa yunivarsiitii qoramtee bu'aa gaarii waan galmeessiteef Yunivarsiitii Finfinnee kan galtes fedhiifi filannoosheetiinidha.

Yordaanos turtiishee yunivarsiitiitti gosa barnootaa Saayikoloojii kan filatteef fedhii nama gargaaruuf qabdurraa akka ta'e kan himan Aadde Ihiiteen, Yunivarsiitii Finfinnee yeroo barattutti haatishee kutaa barnootaa hunda ishee cinaa taa'anii barachuu duuubatu.

"Turtiin waggaa afurii yunivarsiitii akka guyyaa afuriitti natti dhaga'ama. Baayyee natti toleetan ishee kunuunsa. Uumaan ishee naaf kenninaan, itti-gaafatamummaa kana itti gammadee akkan bahadhu ayyaana isaa naaf kenna jedhee waanan amaneef bifa kanaan bahadheera," jedhu Aadde Hihiiteen.

Yordaanos turtiishee Yunivarsiitii Finfinnee keessatti wanti tokkollee akka ishee hin mudanne kan himan haatishee kun, yeroo barnootasheetti ishee waliin kan turan yoo ta'u, yeroo qormaataatti ammoo namoonni qoran biroon dhufanii qormaaticha ishee qoru ture.

Yeroo haati intalashee waliin daree keessatti argamtutti barattoonniifi barsiisonni daree Yordaanos, garaa jalqabaa xiqqoo akkasaa wallaalanii akka turan kan yaadatan Aadde Ihiiteen, "barattoonni waan ofitti dhiyeessaniif baayyee gammadnee ture kan dabarsine," jedhu.

Haaati Yordaanos Aadde Ihiiteen, intalasaanii waliin yeroo baayyee dabarsaniiru. Keessumaa, waggoota afran waliin daree keessa taa'uudhaan intallisaanii barnoota yeroo hordoftutti isaan ammoo intalasaanii hordofaniiru.

Kanaaf, dandeettii barreefamaa inatalasaanii kennaa hundarra caalee itti mul'ata. "Wanta isheen barreessite yeroon dubbisu, kan isheen barreesite ta'uu isaa hangan shakkuttan ajaa'ibsiifadha," jedhu Aadde Hihiiteen.

Yordaanos qabxii olaanaa galmeessuun kabajaan eebbifamte. Ammallee barnootashee itti fufuudhaaf fedhii kan qabdu yoo ta'u, Yunivarsiin Finfinnees carraa barnoota digiri lammaffaa isheef kenneera.

Haati Yordaanos akka jettutti, fedhiinshee gara fuula duraa namoota gargaaruudha. "Dhabbata miti-mootummaa hundeesseen nama gargaara" karoora jedhu qabdi jedhan.