'Tokkicha yoo isin arganne arraba keessan qonqootti kunna'- Taalibaan

Obbolaa uffataan dhokatanii sirbaa jiran

Erga Taaliibaan bara 2021tti aangoo qabateen booda bilisummaa dubartootaa daangeesse. Obboolaan lamas karaa sagalee faaruutiin mormii Taalibaaniif qaban ibsachu murteessan.

Hagayya 2021 keessa yeroo Taalibaan deebiisee aangoo qabatutti, obbolaan lama Kaabuul keessa jiraatanis akkuma dubartoota Afgaan miiliyoonaan lakkaa'aman bulchiinsi haaraan kallattiidhaan isaan irratti haala akka cimsuu danda’u itti dhagahame.

Kanaafuu calliisanii ilaaluu hin barbaanne. Icciitiidhaan dandeettii sagaleesaaniitti fayyadamuun mormii dhageessisuu barbaadan.

Isaanis balaa olaanaaf ofiisaanii saaxiluudhaan miidiyaa hawaasaarratti garee Ifaa Dhumaa (Last Rorch) jedhamutiin faaruu mormii faarfachu eegalan.

‘‘Kana faarfachuuf jirra garuu lubbuu keenya nu kafalchiisuu danda’a’’ jetti isheen tokko.

Inni Hagayya 2021 akkuma Taaliibaan aangoo qabateen gadhiifamuun Facebook fi WhatsApp gubbaatti garmalee qoodame.

Obbolaan lama, eenyummaasaanii dhokfachuuf hijaaba uffatan, muuxannoo muuziqaa tokko malee sirbitoota muuziqaa ajaa’ibsiisoo ta’an eegalan.

‘‘Qabsoon keenyas alaabaa Taalibaan jalaa ka’uun Taalibaaniin mormuudha,’’ jetti Shaaqaayeeq (maqaanshee nageenyaaf jecha kan jijjirame) lamaan keessaa qixusuu kan taate.

‘‘Osoo Taalibaan aangootti hin dhufiin dura walaloo takkallee barreessinee hin beeknu ture. Kunis waan Taalibaan nurratti raawwateedha.

Ifi dhumaa Taaliibaan mormuuf obboolaa kanneeniin durfama
Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Taalibaan aangootti deebii’ee lammiilee biyyattiif mul’atasaa addaa hojiirra oolchuu eegaluuf guyyoota 20 gadi itti fudhate.

Jireenya guyyoo irra seera Shariyaa (seera amantaa Islaamaa) kaa’uun, dubartoonni akka barnoota hin deemne dhorkuun tarkaanfiiwwan dursaa garichaa keessaa ture.

Dubartoonnis Kaabuuliifi magaaloota gurguddoo biyyattii keessatti dandiirratti bahuun mormiisaanii dhageessisan. Haata’u malee, tarkaanfii cimaatu isaan mudate.

‘‘Dubartoonni ifa abdii dhumaa arguu dandeenyu turan’’ jetti Shaaqaayeeq. ‘‘Kanaaf garee ofiisaaniin Ibsaa Dhumaa (Last Torch) jechuun ofi waaman waliin ta’uudhaan qabsoo itti fufuuf kan murteessine''.

‘‘Eessaayyuu deemuu akka hin dandeenyee waan yaadneef, mana keessaa icciitiidhaan mormii eegaluuf murteessine.’’

Obboolaa lamaan kunneenis dhiheenya kana faaruwwan akkuma kan kana duraa, hijaaba cuquliisa jalaan faarfatame gadi lakkiisan.

Faaruun tokkos walaloo beekkamaa, Baadiyaa Anjumaan kan amma lubbuun hinjirreen, yeroo jalqaba Taalibaan bara 1996tti aangoo qabateetti moormuudhaaf barraa’edha.

Innis:

Osoo afaankoo summiin guutamee jiruu attamiinan damma dubbadha?

Maaloo afaankoo bunyaa gara jabeeyyiin cabeera…

Abeeti guyyaan ani hidhicha cabse sana,

Loojii kanarraa cabsii bilisa ta‘iitii gammachuun faarfadhu.

Dubartoonni minsteera haaraa duratti bahuun mirmii dhaggeessisaa turan

Taalibaan barnoota dubartootaa wayita dhorketti, Baadiyaa Anjumaaniifi hiriyoonni ishee mana barnootaa lafa jalaa, Lilmoo Warqee (Golden Needle)tti walgahuudhaan, kan wayyaa hodhan fakkaachaa kitaaba dubbisu turan.

Isaanis hijaaba cuquliisa Afgaanistaan keessatti chadari jedhamuun beekamu uffatu turan.

Obbolaa faaruun mormii dhageessiisan keessaa angafti, Maashaal hijaaba kanas ‘‘hidhaa socho’aan’’ wal fakkeessiti.

‘‘Innis akka bakka awaalchaa abjuun shamarraniifi dubartoota kumaatamaa itti awwaalameetti’’ jetti. Akkasumas ‘‘hijaabni kun akka dhagaa Taalibaan waggoota 25 dura dubartoota irratti darbateeti’’ jetti Shaaqaayaaq itti dabaluudhaan.

Ammas deebii’anii wayita aangoo qabataniitti deebiisanii sanuma raawwatan jedhu.

"Dhorkaasaanii mormuudhaafis meeshaadhuma waraanaa isaan fayyadamaniin deebifne isaanii mormuuf fayyadamu barbaadne.’’

Obbolaan kunneenis eenyummaasanii dhokfachuuf hijaaba uffatu

Obbolaan kunneenis hanga ammaatti muuziiqaawwan torba qofa kan gadi dhiisan yoo ta’u, tokkoon tokkoosaanis dubartoota guutuu biyyattiin baayyee simataman.

Wayita jalqabanitti walaloowwan namoota kaaniin barraa’aniitti fayyadamaa kan turan yoo ta’u, boodarra ofiisaanitiin barreessuu eegalu dubbatu.

Ergaa guddaan isaanitis kan dhorkaawwan jireenya guyyaa guyyaa dubartootarra kaa’ame, hidhaa rogeeyyiifi sarbama mirga namootaa kan ilaalatuudha.

Deeggartoonni isaaniis muuziiqaa mataasaanii miidiyaalee hawaasaa gubbaatti maxxansuun deebii kennuuf.

Tokko tokkos akka adda hin baaneef hijaaba uffatuu, gareen barattoota mana barnootaa Afgaan kan biyyaan alatti argaman tokko ammo waltajjii mana marnootichaarratti waraabanii maxxansan.

Kunis faallaa waan Taalibaan mirkanneessuuf barbaadeetti. Taalibaan akkuma aangoo qabateen tarkaanfiiwwan fudhate keessaa tokko Ministeera dhimma dubartootaa diiguudhaan Ministeera Bulchiinsa Gaariifi Ittaanaa Dhorkuun bakka buuse.

Ministeerri haaraanis hijaaba uffachuu hojiirra oolchu qofaa osoo hin taane, muziiqaas ni dhorka.

‘‘Muziiqaa sirbuufi dhaggeeffachuun baayyee miidhaa qaba. Namoonni Waaqaarra akka goran taasisa. ..Namni hundi irraa fagaachu qabaatu’’ jedhan Saawaabgulaa, qondaala Ministeera haaraa kanarraa viidiyoo tokkorratti mul’atan.

Baayyee osoo hin turiinis loltoonni Taalibaan meeshaalee muuziiqaa gubataa jiruu fi sirbitoota hidhaman miidiyaa hawaasaarratti agarsiisan.

Obboolaan lamaan kunneenis muuziiqaasaanii hanga Afgaan keessaa gadi dhiisaniitti balaa olaanaaf saaxilamuuf carraa olaanaatu jira.

Looltoonni Taalibaan meeshaalee muuziqaa gubaa

Madda suuraa, AFP

'Tokkicha yoo isin arganne...'

Shaaqaayeeq tarii Taalibaan adda isaan baasuu danda’a jechuun halkanoota hedduu irriiba malee dabarsu dubbatti.

‘‘Miidiyaa hawaasaa gubbaattis nu doorsiisu. Dorsiisa isaaniis agarreerra: ‘Tokkicha yoo isin arganne, arraba keessan attamiin akka qonqootti kunnu beekna’’’ nuun jedhan jetti Maashaal.

"Maatiin keenyas yaada kana wayita dubbisanitti baayyee sodaatan. Ni gahaa dhaabaa nun jedhan...Garuu nuti dhaabnee jireenya keenya idilee eegalu akka hin dandeenye itti himne.’’

Nageenyaa isaaniif jechas obbolaan kunneen bara darbe biyyaa kan bahan yoo ta’u, dhiheenyatti deebii’u barbaadu.

Lammii Afgaanistaaniifi raapparii beekamtuun Soonitaa Alizaadaa amma Kaanaadaa keessa jiraatti. Isheenis namoota biyya alaarraa viidiyoowwan Ifa Dhumaa irratti maxxanfama ajaa’ibsiifatan keessaa tokko.

‘‘Yoon dubartoota hijaaba uffatanii faarfatan dhaga’eetti, dhugaa dubbachuuf nan bohe’’ jette. Isheenis bara Taalibaan jalqaba aangoo qabate 1996tti dhalatte. Osoo isheen mucaa xiqqoo jirtuu maatiinshee gara Iraaniitti kan baqatan.

Achittis haatiishee gaa’ilatti gurgurachuuf yaalte turte, isheen garuu karaa muziqaatiin jalaa miliqu dandeesse.

Isheenis aakuma obboolaa lamaan kanneennitti dubartoota Taalibaaniin morman akka mallattoo abdiitti isaan ilaalti.

Obboolaa kanneen keessaayis faaruun ishee tokkoo kallattiin waa’ee mormiichaa dubbatu akkasi jedha:

Qabsoon kee bareedaadha. Iyyi dubartummaa kees.

Ati fakkiikoo foddaa keessatti cabeedha.

Jijjirama barootaaf taasifame waan dhabameef haalli ammaan tana Afgaan keessa jiru kan nama gaddisiisu ta’u dubbatti Soonitaan. Haata’u malee ‘‘dukkana keessattis ifti ammalleen ifaa jiru jira. Namoonni dhuunfaa dandeettii isaaniin yoo qabsaa’an argaa jirra’’ jetti.

Aartiistii lammii Afgaanistaan amma sooramarra jiran

Madda suuraa, AFP

Artiistiin beekamtuun Afgaanistaan amma sooramarra jirtu, Faaridaa Mahwaash, ‘‘obboolaan lamaan kunneeni dhiheenyatti gara afurii fi 10, achinis 1,000tti ni geeddaramu. Guyyaa tokko waltajjii yoo argatan, hulee qabadheelleen isaan waliin nan deema’’ jette.

Kaabul keessatti tarkaanfiin aanga’ootaan rogeeyyiiwwan irratti fudhatamu bara darbe keessa baayyee cime. Kanaanis dubartoonni akka hiriira hin baanee dhorkuun kanneen dhorkaa cabsan ammo hidhaa jiru.

Faaruu obboolaa lamaaniin faarfatame keessaa kan dhiyeenyaa tokkoos waa’ee rogeettii Taaliibaaniin hidhamuun haala qabiinsaa Humaan Raayitsi Woochuun ‘‘haala miidhaa’’ jedheen keessatti argamtuu kan ibsuudha.

Dambaliiwwan sagalee dubartootaa

Cancalaafi furtuuwwan mana hidhaa cabsa.

Peennaan dhiiga keenyaan guutame kun,

Xiyyaa fi saanjaawwan keessan cabsa.

‘‘Walaloowwan kunneenis qaama gaddaafi madaa cimaa onnee keenya keessatti dhagahamu xiqqoosheeti’’ jetti Shaaqaayeq.

"Miidhamniifi yaaliin ummanni Afgaan akkasumas gaddi isaan baroota darban keessa harka Taalibaan jalatti keessa darban, walaloo kamiin ibsamu hin danda’amu.’’

Dhaabbanni Biyyota Gamtooman (UN) Taalibaan imaamata amma itti jiruun yoo itti fufee appaartaayidii koriniyaatiif itti gaafatamaa ta’u danda’a jedhe.

Taalibaan garuu Shaariyaa hojiirra oolchaa waan jiruuf, qaamni alaa dhimmoota keessoo biyyatti jidduu akka galu hin barbaadu jechuun deebii kenne.

Obboolaan lamaan kunneenis ammatti muziqaasaanii kan biraa hojjataa jiru. Isaanis sagalee dubartoota Afgaan kanneen bilisummaa fi mirga barachuufi hojjachuuf qabsaa’aa jiranii dhageessisuuf abadataa jiru.

‘‘Sagaleen keenya calsiifamu hin danda’u. Nutis hin dadhabnu. Kunis jalqabbii qabsoo keenyaati.’’

Maqaan obooloota kanneenii nageenyasaaniif jecha jijjirameera.