Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Putiin pirezidantii Zimbaabuwee 'helikooptara badhaasan'
Pirezidantiin Raashiyaa Vilaadmir Putiin duree biyyaa Zimbaabuweef helikooptara badhaasuu, ministeerri odeeffannoo Zimbaabuwee hime.
Ibsa miidiyaa hawaasummaa gubbaatti dhoobameen, kennaan duree Raashiyaa kun dhiyeenyatti ergamas jedha.
Pirezidant Emarsan Minaangaaguwaa dureewwan Afrikaa biroo wajjiin, Kora Raashiyaa-Afrikaa irratti hirmaachaa jiru.
Yaa'ii magaalaa Seent Piitarisbarg'tti taa'amaa jiru kanarratti Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimadillee hirmaachaa jiru.
Kan kana durarraa lakkoofsi dureewwan hirmaataa jiran xiqqaatus, 17 kan ta'an hirmaataa akka jiran ibsameera.
Pirezidant Putiin yaa'ii kana irratti ji'oota muraasa dhufanitti, Zimbaabuwee dabalatee biyyoota Afrikaa jahaaf midhaan tolaan akka dhiheessuuf jiran ibsaniiru.
Dabalataan, biyyoota miseensota G-20 jedhaman irratti Afrikaan miseensa akka taatu akka fedhaniis ibsaniiru.
Zimbaabuwee fi Raashiyaan hariiroo baroota hedduu lakkoofsise qabu.
Walitti dhufeenyi isaanii kunis yeroo biyyattiin kolonii jalaa bahuuf qabsoo gaggeessaa turte sanatti jalqabe.
Biyyi kibba Afrikaatti argamtu kun, waraana Yukireen irratti biyyoota Afrikaa gara tokkotti goruu dhiisan keessaati.
Biyyooti kunniin Raashiyaan Yukireen weeraruushee otoo hin balaaleffatin callisaniiru.
Emarsan Minaangaaguwaa, maqaa masoo "naachicha" jedhamuun beekaman, du'a Roobart Mugaabee hordofee 2017 keessa aangootti dhufan.
Kora Raashiyaa-Afrikaa kanarratti daldala meeshaa waraanaatii hanga dhiyeessii midhaan dheedhiitti ajandaan marii qabamaniiru.
Torban dura Raashiyaan waliigaltee daldala midhaan dheedhii Yukireen 'Bilaak Sii' jedhamuun keessaa baateetti.
Jaarsummaa UN'n waliigalteerra akka ga'ametti Yukireen midhaan dheedhii ulaa galaanasheerraan gara biyyoota harka-qalleeyyiitti akka ergitu dandeessisee ture.
Raashiyaan waliigaltee kana keessaa baheera erga jetteen booda carraan midhaan biyyoota Afrikaa harka-qalleeyyii ta'aniif bilisaan ykn gatii rakasaan ittiin ergituuf jiraachuu eerteetti.
Eegasii booda ture Pirezidantiin Raashiyaa biyyoota Afrikaa midhaan tolaan baatiiwwan dhufanitti akka dhiheessan kan himan.
Korri Raashiyaan barana qopheessite kan lammataa yoo ta'u deeggarsa biyyoota Afrikaa cimsachuuf akka yaadde ibsameera.
Waraana Raashiyaafi Yukireen gidduu adeemaa jiruun biyyoonni Afrikaa lamatti hiramaniiru.
Waraanni ammallee itti fufe kuni midhaan, xaa'oofi omishaalee kaan qaalessuun biyyoota Afrikaa dabalatee sadarkaa addunyaatti rakkoo dinagdee hordofsiiseera.