Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Itoophiyaatti dhorkaa ji'a shanii booda VPN malee miidiyaa hawaasaa fayyadamuun danda'ame
Dhorkaa ji'oota shanii ol tureen booda amma Itoophiyaatti miidiyaa hawaasaa VPN malee fayyadamuun hayyamameera.
Miidiyaalee hawaasaa gurguddoo akka Facebook, Instagram, Telegram, TikTok fi YouTube Itoophiyaa keessatti hojii erga dhaabanii bubbulaniiru.
Miidiyaalee hawaasaa kanarra dhorkaan kan kaa'ameef ammoo muddama Mana-Kiristanaa Ortodoks Tewaahidoo Itoophiyaa keessatti uumame hordofee mormii dhalateen boodadha.
Marsariitiin odeeffannoo neetiwoorkii sassaabuun beekamu Netblock jedhamu Kamisa Guraandhala 9, 2023 Facebook, Telegram, fi TikTok Itoophiyaa keessatti akka dhorkaman beeksisee ture.
Jimaata Guraandhala 10, 2023 ammoo YouTube akka dhorkame Netblock gabaasee ture.
Netblock dhaabbata mootummaa kan ta'e Itiyo-Telekom yeroo sanati tarkaanfii kana kan fuhateef fayyadamtoonni baayyinaan gara YouTube'tti waan dacha'aa turaniif jedheera.
Ta'us dhorkaa kaa'ame darbuudhaaf VPN fayyadamuun akka danda'amu marsariitichi gabaasa isaa keessatti kaaseera.
Yeroodhuma walfakkaatutti dhaabbanni buufata isaa Landan godhate Top10 VPN jedhamu Itoophiyaa keessatti fedhiin VPN dhibbentaa 1430 akka dabale gabaasuun isaa hin dagatamu.
Itiyoo-Telekom miidiyaaleen hawaasaa gurguddoo kun yeroo sanatti maaliif akka dhorkaman ifatti yaada kenneeru hin qabu ture.
BBCn miidiyaaleen hawaasaa Itoophiyaa keessatti tajaajila kennuu dhaabuu isaanii hordofee Itiyoo-Telekom irraa deebii argachuudhaaf irra deddeebiin yaalii taasisaa tureera.
Fayyadamtoonni miidiyaalee hawaasaa baayyeen Virtual Private Network (VPN) fayyadamuun dirqama itti ta'eera.
Maamiltoota data fayyadaman miliyoona 33 kan qabu Itiyoo-Telekoom, miidiyaaleen hawaasaa maaliif akka cufaman ibsa kenneerus hin qabu ture.
Haata'u malee, hoji-gaggeessituun Itiyoo-Telekoom Firehiwot Taammiruu Waxabajji darbe mana-baree bakka bu'oota ummataa duratti dhiyaattee "haalli isaa dandeettii waajira isaaniitiin ol ta'uu" dubbachuun ishee ni yaadatama.
Dhaabbanni neetiwoorkii dhiyeessu kun "VPN malee marsariitii argachuun hin danda'u kan jedhu soba jechuun miidiyaa hawaasaa garuu sirrii akka ture ibseera.
Dhorkaa marsariitii
Dhaabbanni waliinga'insa interneetiin akka jiraatuuf falmu Access Now jedhamu akka jedhutti yeroo baayyee mootummoonni marsariitii kan dhorkan yeroo mormiin, qormaanni biyyaalessaafi filannoon jirudha.
Dhaabbanni kun akka jedhutti, bara 2023 keessa qofa hanga ji'a Caamsaatti biyyoota 21 keessatti si'a 80 addaan ciccituun mul'ateera.
Ji'a Camsaa keessa Indiyaafi Giinii keessatti miidiyaaleen hawaasaa baayyee akka dhorkaman marsariitiin kun ibseera.
Biyyoota 21 marsariitii cufan, keessumaa miidiyaa hawaasaa dhorkan keessaa Itoophiyaan tokkodha.
Access Now akka ibsetti, wraanni kaaba Itoophiyaa, naannoo Tigraay keessatti dhalatee ture dhaabbatullee mootummaan naannicha keessatti marsariitii deebisuudhaaf yeroo itti fudhateera.
Naannoo Tigraay irra darbee kutaalee biyyattii keessatti darbee darbee miidiyaaleen hawaasaa dhorkamuu isaanii dhaabbatichi eereera.
Dabalataanis jalqaba ji'a Eblamormiin naannoo Amaaraatti ka'e hordofee bilbila mobaayilaa dhorkuunis akka ture yaadateera.
Dhaabbatichi odeeffannoo gola odeeffannoo koo keessaa argadheera jedheen bara 2016 irraa kaasee Mootummaan Itoophiyaa si'a 24 marsartiitii uggureeera.
Lakkoofsi kun ammoo Itoophiyaan marsariitii ugguruudhaan Afrikaa keessatti afraffaa ishee taasisa.
Itoophiyaan alatti Miyaanmaar, Iraan, Indiyaa, Yukreen fi raashiyaan biyyoota marsariitiin keessatti addaan cite ta'anii galmaa'ainiiru.
Gama biraan ammoo maddi odeeffannoo Statista jedhamu Itoophiyaan bara 2022 marsariitii cufuudhaan dolaara miliyoona 145.5 kassarteetti jedha.
Biyyoonni Afrikaa marsariitiiwwan cufuudhaan biyyoota Eeshiyaatti aananii lammaffaarratti argamu. Keessumaa ammoo miidiyaan hawaasaa guddcichi Facebook yeroo baayyee addatti irratti xiyyeeffatama.
Burkinaaf faasoon FAcebook yeroo dheeraatiif ugguraadhaan biyyi ishee gitu hin jiru. Raashiyaan ammoo erga Yukireeniin weerartee booda Facebook fi miidiyaalee hawaasaa biroo irra deddeebiin dhorkiteeti.
Walumaa galatti bara 2029-2023tti sababa marsariitiiwwan addana ciccituutiin dinagdeen addunyaa dolaara biliyoona 42 dhabeera.
Top10VPN akka jedhutti, bara kana keessa [2023] sababa marsariitiiwan ugguruutiin Itoophiyaan dolaara milyoona 484.4 dhabdeetti.
Qeeqawwan jaarmiyaalee idil-addunyaa
Mootummaan Itoophiyaa miidiyaalee hawaasaa ugguruu hordofee jaarmiyaaleen idil-addunyaa mirgoota namoomaaf quuqaman qeeqaa turaniiru.
Jaarmiyaalee qeeqa dhiyeessaa turan keessaa tokko dhaabbata namoonni mirga dijitaalaa akka argataniif kan falmu Acces Now tokkodha
Access Now mootummaan Itoophiyaa tajaajila miidiyaa hawaasaa lammilee dhoowwate atattamaan akka banuuf gaafatee ture.
Dhaabbatichi, Itoophiyaan bara 2022 'UN Internet Governance Forum' kora jedhu qopheessitee deebitee marsariitii cufuun ishee sirrii iti yaada jedhu kenneera.
Jaarmiyaan biraa qeeqa Aministii Internaashinaalidha. Jaarmiyaan mirga namaaf dhaabbau kun uggurri mootummaan Itoophiyaa kaa'ee erga ji'a tokko tureen booda akka kaasuuf gaafatee ture.
Aminstii Internaashinaal uggurri mootummaan Itoophiyaa miidiyaalee hawaasaarra kaa'e mirga yada ofii bilisaan ibsachuufo odeeffannoo argachuu lammilee kan dhiibudha jechuun akka ugguricha kaasuuf gaafatee ture.
Aministii Internaashinaal itti dabaluun, tarkaanfii mootummaan fudhatte seerawwan qaxanaa sana keessa jiruufi kan idil-addunyaa kan cabsu ta'uurra darbee Heera mootummaa biyyattiillee kan diigudha jechuun qeeqeera.
Dhaabbanni mirga gaazexeessitootaaf quuqamu CPJ fi dhaabbileen mirgoota namoomaaf quuqaman 47 ji'a Ebla keessa mootummaan Itoophiyaa marsariitiiwwan uggura irra kaa'e akka dhiisuuf xalayaa ministira muummeef erganii ture. Xalayichi, mootummaan marsaratii akka meeshaatti fayyadamaa jira jechuun addaan ciccituu dhiyeenya mudate eeruun qeequmsa dhiyeessa.