Itoophiyaan miidiyaalee hawaasummaa ji'a dura dhorkite akka gadhiistu gaafatamte

Miidiyaaleen hawaasummaa Itoophiyaa keessatti dhorkaman akka gadhiifaman dhaabbileen mirga namoomaa biyya keessaafi alaa gaafatan.

Baatii tokko dura muddama mootummaafi Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo gidduu mudate hordofee ture miidiyaaleen hawaasummaa kan dhorkaman.

Haa ta’u malee, mootummaan Itoophiyaa sababa cufees ta’e hanga yoonaa sababa cufamee tureef ifatti waan dubbate hin qabu.

Carraaqqii BBC’n aangawoota irraa odeeffachuuf taasise hin milkoofne.

Jiraattonni BBC’n dubbisees sababa miidiyaaleen hawaasummaa adda citaniif Virtual Private Network (VPN)’dhaan miidiyaalee hawaasummaa fayyadamaa akka jiran himan.

Miidiyaaleen dhorkaman kanneen akka Facebook, Messenger, Telegiraamii, TikTokiifi YouTube dha. Sababa biyya keessa dhorkamaniif VPN malee fayyadamuun hin danda’amu.

Dhaabbati buufata isaa Landan godhateefi dhimma VPN qoratu, TOP10VPN, ammallee Itoophiyatti fedhiin VPN akka jiruufi yeroo tokko 3,651% guddatee akka ture ibseera.

Gareen mirga namoomaaf falmu Aminastii Intarnaashinaal aangawoonni dhorkaa midiyaalee hawaasummaa irratti kaa’an akka kaasan gaafateera.

‘’Aangawoonni mirga yaada ibsachuu lammiilee dhorkuu itti fufaniiru,’’ jedhaniiru dhaabbatichatti Daarektarri I/Aantuu Bahaafi Kibba Afrikaa Aadde Filaaviyaa Miwaangoviyaa.

Aminastin mootummaan miidiyaalee hawaasummaa dhorkuu isaatti lammileen mirga odeeffannoo argachuu dhorkeera jedheera.

Dhaabbatichi, ‘’aangawooti Itoophiyaa dhorkaa kana atattamaan akka kaasan, aadaa mirga yaada ofii ibsachuufi odeeffannoo kennuufi fudhachuu lammiilee gidduu seenu akka dhaabu,’’ gaafateera.

Itoophiyaan miidiyaalee hawaasummaa yoo dhorkitu yookiin cuftu kuni yeroo duraaf miti.

Dabaluunis, namoonni VPN gabaarratti argamu fayyadamuun isaanii ‘’nageenyi odeeffannoo haala yaaddessaarra akka argamu taasiseera,’’ jedheera

Yaa’iin Mirga Namoomaa Itoophiyaa gama isaatiin ibsa gaafa Kamisaa baasen intarneetiin cufamuun mirga odeeffannoo argachuu lammiilee danquun ala dinagdee biyyattiis miidha jedheera.

Dhaabbatichi sababa mootummaan dhorke akka ibsuufi dhorkaa kana akka kaasu gaafateera.

Hojiilee qoosaa adda addaa miidiyaa hawaasummaa irratti qooduun kan beekamu keessaa tokko kan ta’e Waaqoo Getaachoo Yuutubiin sababa dhorkameef maamiloota isaa keessaa walakkaa dhabuu kana dura BBC’tti himeera.

Dhaabbati mirga dijitaalaaf falmu Access Now jedhamuus ibsa kana dura baasen aangawoonni Itoophiyaa miidiyaalee hawaasummaa dhorkuu akka dhaaban gaafatee ture.