Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Fedhiin VPN Itoophiyaatti dhibbantaa kuma tokkoo ol dabale
Itoophiyaa yeroo ammaa muddama amantaan walqabatee miidiyaaleen hawaasummaa waan dhorkamaniif lammiileen gara tajaajila netwoorkii dhuunfaa (VPN) godaanan.
Torban kana guyyaa Kamisaa eegalee ture kanneen akka Facebook, Messenger, Tiktok fi Telegiraami dhorkamuu isaanii dhaabbati Netblocks jedhamu kan ibse.
Jiraattonni BBC’n dubbisees sababa miidiyaaleen hawaasummaa adda citaniif Virtual Private Network (VPN)’dhaan miidiyaalee hawaasummaa fayyadamaa akka jiran himan.
Kanumaan walqabatee ture fedhiin tajaajila kanaa akkaan kan dabale.
Dhaabbati buufata isaa Landan godhateefi dhimma VPN qoratu, TOP10VPN, gaafa Jimaataa fedhiin tajaajila kanaa Itoophiyaatti 1,430% dabaluu hime.
Fedhiin kuni gaafa Kamisaa 414% turerraati kan akkaan ol dabale.
Waldhibdee mana kiristaanaa Ortodoksiitti mudateen walqabatee ture wal dura dhaabbannaan mootummaafi mana amantichaa gidduu kan hammaate.
Tajaajilli miidiyaalee hawaasummaa cufamuunis kanumaan walqabate. Mootummaan garuu ifatti dhimma kana irratti waan jedhe hin qabu.
Taatullee, miidiyaaleen hawaasummaa yoo dhorkamaniis ta’e fedhiin tajaajila networkii dhuunfaa dabaluun haaraa miti.
Waggaa dura fedhiin tajaajila networkii dhuunfaa (VPN) Itoophiyaatti hanga dhibbantaa kuma shan dabaluu gabaasni mul'isee ture.
VPN maali?
Softiweeriin Virtual Private Network (VPN) qunnamtii amansiisaa bilbila yookiin kompiitara nama tokko intarneetii itti fayyadamuufi kompitara biraa intarneeta gubbaa gidduu jiruuti.
Tajaajila VPN'dhaan waajjiraa fagoo taa'anii sistamoota kompiitara waajjira jiru karaa amansiisaafi rakkoo hin uumneen qunnamuun ni danda'ama.
VPN fayyadamtoota isaaf tajaajila ijoo sadii kenna. Tokko eegumsi isaa cimaadha. Inni lammataa qofaa fayyadamuu isaan dandeessisa, inni sadaffaan bilisummaadha.
VPN fayyadamuudhaan marsaritiiwwan daawwatuun rakkisu ilaaluuf yookiin appilikeeshiniiwwan cufaman akka dalagan taasisuun ni danda'ama.
Dabalataan dhaabbileen tajaajila intarneetii kennan odeeffannoo marsariitii daawwattanifs ta'e bakka daawwattan akka hin beekne godha.
Akkamiin dalaga?
VPN fayyadamuun bilbila yookiin kompiitara keessan intarneeta waliin yeroo qunnamsiistan sarvarii bakkee biraa jiru waliin qunnama.
Kana gidduutti garuu teessoon kompiitaraa (IP address) akkasumas bakka isin jirtan ni dhoksa.
Fakkeenyaaf osoo isin magaalaa Finfinnee teessanii VPN'dhaan intarneeta fayyadamtanii, VPN kuni teessoo kompiitaraa keessan jijjiiree Ameerikaa yookiin Awuroppaadhaa akka fayyadamaa jirtan agarsiisuu danda'a.
VPN bilbila, kompiitara fi taabileetii qofa osoo hin taane ismaart Tv fi raawutaroota irratti fe'uun ni danda'ama.
VPN kamtu amansiisaadha?
VPN tajaajila intarneetii eegumsa qabu argachuuf dandeessisa. Haa ta'u malee, VPN hunduu eegumsi isaanii kan mirkanaa'edha jechuu miti.
VPN eegumsi isaanii hin mirkanoofne bilbila yookiin kompiitara keenyarra fe'uun balaa biraaf of saaxiluu dandeenya.
Sababa kanaaf ekispartoonni gosoota VPN eegumsi isaanii mirkanaa'e akka fayyadamnu gorsu.
Marsariitiin Top10VPN.com qorannoo kana dura gaggeesseen kanneen osoo fayyadaman jedhee gorse ifa godheera.
Gareen kuni gosoota VPN kanfaltii gaafatan keessaa filatamoodha jechuun ExpressVPN, NordVPN akkasumas CyberGhost eera.
Kanneen kanfaltii hin gaafanne garuu tajaajila amansiisaa kennu jedhe keessaa immoo Windcribe fi ProtonVPN ni eeramu.