Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Jette jetteen 'Vampaayer' jedhu eessaa, maaliif jalqabe?
Vampaayeriin waan sururaa jaarraawwaniif himamaa as gahedha. Ofii jette jetteen isaan walqabatee odeeffaman eessaafi maalif jalqabame?
Jaarraa 18ffaa keessa sarbiyaa keessatti namootni hedduun haala hin baratamneen du’uu jalqaban. Namoota ollaa isaanitii du’aniin adamsamanii sagalee sodaachisaa yoo dhageechisanii fi hafuura baafachuuf rakkatan mul’ate jedhame.
Ta’ii kanaaf ammoo magaalotni lama Medvejaa fi Kisilijevo jedhaman wiirtuu odeessa waan nama sodaachisu kanaa akka ta’an odeeffame.
Magaalotni kuni lamaan 200KM kan walirraa fagaatan yoo ta’u, waggoota kurnan hedduuf taateen walfakkaataa ta’an keessatti akka mudatedha.
Doktoroonni Ostiriyaa sababni du’aatii kanaa maal akka ta’e akka qorataniif garasitti ergamanii, waan argan hundarratti gabaasa gadi fagoo qindeessan.
Bu’aan qorannoo isaanii kunis Gara miidiyaaalee Ostiriiyaan ifoomee booda caasaa barnootaa keessas gale.
Qorataan seenaa Jarman fi Kitaaba ‘vampire: the Origin of European Myth’ jedhu barreessan, moggaasni Vampaayer jedhu kuniyyuu qorannoo warra Ostiriyaa kana booda akka bara 1725 dhufe himu.
Vampaayeriin uumama sururaa kan jechamaan uumamee fi dhiiga warra lubbuun jiranii dhuguun jiraatu jedhameetu amanama.
‘Biizinasii Warra Seexanootaa’
Bara 1725 Kisilijevo keessatti namootni sagal guyyaa lama keessatti du’an. Hundi isaaniituu du’a isaanii dura nama ollaa isaanii jiru wayii himatu.
Namni maqaan isaa Petar Blagojevik jedhamu kana dura du’ee ture abjuudhaan isaanitti dhufuun akka isaan hiraarse himu.
Hawaasni naannichaa waan kana dhagahanii jennaan lafa awwaalcha nama kanaa buqqisanii yoo ilaalan reeffi isaa boollichuma keessa jira. ergasii kuni hojii ''Bizinasii seexanootati'' jedhan.
“Fuulli, harkii fi barruun miilaa inumaa qaamni guutuun osoo inni Lubbuun jiraatee haala kanaan boolla keessatti hin argamu ture” jechuun barreessan angaa’aan Ostiriyaa hojii awwaalcha laaluu kana keessa turan.
“Afaan isaa keessa haalaa nama ajaa’ibuun dhiiga haaraatu jira. akka inni amanetti dhiigni kuni kan warra inni ajjeeseeti”
Koolleejjii Dublinitti Piroofeesara kan tahan Clemens Ruthner akka jedhanitti jechi Vampaayer jedhu kuni kan jalqabame yeroo Doktoroonni Ostiriyaa awwaalcha bananii ilaaluun waan argan hawaasni naannoo akka hubatuuf yeroo ibsan fayyadamanirraayi.
Namichi afaan hiikaa ture sagaleen isaa osoo sirritti hin dhagahamne jecha ‘upir’ jedhu fakkaatu wayii hojii hafuura seexanaa ibsuuf waan fayyadamin hin hafu haala kaanaani jechi Vampire jedhu kuni kan uumame jedhu.
Ta’ii jalqabaa sana waggaa torba booda bara 1732 magaalli Medvedja sodaa guddaan raafamte.
Ji’a sadii keessatti namootni 17, isumaa dargaggootaa fi fayyummaa gaarii kan qaban sababa gahaa malee du’anii argaman.
Akkuma warra Kisilijevotti du’anii sana warri magaala kanaatti du’anis du’a isaanii dura miira ukkaamfamuu fi laphee isaanirra dhukkubbii cimaan itti dhagahamuu himaa turan.
Gochi awwaala baasanii ilaaluu erga raawwatameen booda gabaasa kan barreessan Dr Johannes Fleckinger, gabaasa isaanii keessatti gocha Vaampaayerummaa kana keessatti milishaan naannichaa yakkama ijoo ta’uu eeran.
Qaamni isaa awwaala keessatti homaa hin bososne, dhiigni hoo’aan ijaa fi funyaan , afaanii fi gurra isaa keessaa dhangala’aa ture jedhan.
Kuni jiraattota magaalattiitif ragaa qabatamaa namni kuni Vampire akka ta’ee fi booda eeboo qara onnee isaatti diranii qaamasaa abiddaan bobeessan.
Thomas Bohn kitaaba isaa keessatti “Waa’ee jireenya nama kanaa wanti beekamu xiqqaadha. Nama hawaasni naannoo badii isaatiif ari’atame jedhanii yaadanii fi booda ajjeefame” jechuun barreessan.
Akka inni jedhutti namni kuni Arnaiult Pavle yoo ta’u, lammii Albaniyaa kan Kosovo irraa dhufedha.
Ibsa saayinsawaa…
Jiraattonni naannoo waa’ee reeffa awwalamanii hin bososnee kana sodaa qabaatanilleen, qorattoonni garuu haalli reeffi awwalame dafee bososuu dhiisuu kuni waan uumamuu hin dandeenyedha jedhamee hin yaadamu jedhu.
“Paatolojistii beekamaan Christian Reiter, taatee kana hundaaf sababni ijoon weerara dhibee baakteeriyaan dhufu kan ‘Anthrax’ jedhamu kan yeroo waraanaa fi waraana booddee mudatudha.
‘Anthrax’ dhukkuba Baakteeriyaadhaan dhufuu fi kan beelladootarraa namatti darbuun nama ajjeesudha.
Gabaasoni namootni Vampaayeriin ajjeefaman jedhaman miira ukkaamfamuutu itti dhagahama jedhus sababa nimooniyaan walqabatuun ta’uu mala jedhu.
“Gabaasawwan kunneen seeran dubbistee yoo xiinxalte namni Vampaayerii jedhan kana ija ofiitiin arge hin jiru. Yaadni dhiiga namaa xuuxu jedhu kuni gabaasa doktoroota Ostiriyaa irraa kan dhufe” jedhan.
Thomas Bohn gama isaatiin dhiiga xuuxuu kan jedhu kuni odeessa hawaasa lixaatiin uumamedha.
“Vaampaayeroonni warra sarbiyaa waan bololi’aa dhiigan guutame. Ulaa xiqqoo yoo argate akkuma afuuffaa dhiigichi keessaa yaa’uu yookan seenuu mala. Kanarraa ofeeguuf jecha hawaasni yeroo rafan waan qara qabu balbalaa fi fooda isaaniirra kaa’anii rafu”.
Sodaachisa warra Turkiitif…
Magaalonni Kisiljevo fi Medvedja lamaanuu yeroo dheeraaf Bulchiisa Otomaan jala erga turanii booda jaarraa 17ffaa keessa sirna Habsburg jalatti hammataman.
Akka Piroofeesar Bohn jedhutti, warri Otomaan Viyeenaa qabachuuf yaalii milkaa’ina hin qabne lammaffaa 1683 erga taasisanii booda Vampaayeriin kuni sodaachisa warra Tarkii Kirsitaanummaa irratti qabaniif akka filannootti hojiirra oole.
Jaarraa 18ffaa keessa bulchiinsi Habsburg duula vaampaayerii balleessuu jabaa jedhu taasisulleen dullii kuni waan sururii ssammuu namaa keessatti uumame kana balleessuu hin dandeenye.
Yeroo gabaabaa booda Vampaayeriin bifa jijjiirratee bal’inaan dhufe.
Vampaayerri haala haaraan asoosamoota ammayyaa keessatti deebi’ee kan dagaage bara 1819 barreessaan UK John Polidori Kitaaba ‘The Vampyre’ jedhu erga barreessanii booda.
Seenaa yaada Vampaayerii keessatti barreeffama keessaa ammoo haalan kan jajamaanii fi bu’uura yaadama Vampaayerii ammayyaa jedhamu ammoo barreeffama Bram Stoker 1897 barreessani.