Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Tooftaa Raashiyaan adda waraanaa bahaan hordoftu ‘maraatummaadha' - Zeleniskii
Pirezidantiin Yukireen Voloodmiir Zeleniskiin gochaa ajajoonni waraanaa Raashiyaa magaalaa biyya isa agama bahaan jirtu Bakhmut jedhamtu qabachuuf taasisan ‘maraatummaadha’ jedhe.
Magaalaan naannoo Doontesk keessatti argamtu waraanni osoo hin jalqabiin dura uummata 70,000 qabdu kun ji’oota hedduuf bakka Raashiyaan xiyyeeffannaan haleelaa turtedha.
Humnoonni Yukireen gara magaalaa baayyee murteessituu taate Kherson qabachuutti saffisaan siqaa jiraatanis, haleellaan humnaan itti fufeera jedha Zeleniskiin.
Magaalattii qabachuun Raashiyaatiif mallattoo mo’ichaa ta’a.
“Bakki kun bakka maratummaan ajajaa Raashiyaa qabatamatti mul’atudha,” jedhe Zeleniskiin ibsa isaa halkan magaalaa Kiyeev irraa kenneen.
“Bakka sanatti guyyaa guyyaan, ji’ootaaf haleellaa irratti roobsaa namoota du’atti oofaa jiru.”
Gorsaan pirezidant Zeleniskii, Oleksiy Arestovych, akka jedhetti humnoonni Raashiyaa guyyaa tokko hanga laaqana duraatti hale qofa llaawwan addaa adda saddet magaalaa Bakhmut irratti raawwataniiru. Yeroo saddetanuu garuu dhiibamanii of duuba deebiyaniiru.
Magaalattiin kun daandii guddaa gara maagaalota Yukireen to’annaa humnoota Yukireen jala jiran Sloviansk fi Kramatorsk jedhaman irratti kan argamtudha.
Raashiyaan Yukireen keessatti bakka kamittiyyu itti ulfaatullee, humnoonni ishee torbanoota dhiyoo keessa karaa gama magaalaa Bakhmut irraan garuu dhiibaa jiru.
Xiinxaltoonni akka jedhanitti, magaalattiin bu’aan waraanaaf qabdu xiqqoodha. Yoo harka Raashiyaa galte garuu magaalonni biroo xiffeeffannaa Raashiyaa keessa akka galan gochuun humnoota Mooskoo duubatti deebiyaa jiran honnachiisa jedhamee yaadama.
Loltoonni idilee Raashiyaa naannoo sana keessa jiran milishoota Waagner jedhamaniin deeggeramu.
Hundeessaan garee milishaa kanaa Yevgeniy Prigozhin akka jedhetti magaalattii qabachuun akka badhaasa siyaasaatti ilaalamti waan ta’eef qabachuu feena.
Dilbata darbe dursaan garee milishaa kanaa saffisni imala Raashiyaan gara magaalaa Bakhmut’tti taasiftu harkifachuu isaa maneera.
“Gartuuwwan keenya dhaabbataadhaan qolannaa humna diinaa hamaatu isa mudachaa jira. Kanaaf, diinni kun sirriitti akka qophaa’e, onneteeruufi ofitti amanamummaafi tokkummaan hojjechaa akka jiran nan hubadha,” jedhe hogganaan kun ibsa kenneen.
“Kun loltoota keenya duratti deemuurraa nu hin dhorku, garuu yeroo hangamii akka fudhatu ilaalchisee yaada kennuu hin danda’u.”
Haleellaan walirraa hin citne gaggeeffamullee humnoonni Yukireen bakka isaanii gadi hin dhiifne kan jedhe Zeleniskiin, “gootota” jechuun loltoota isaa jajateera.
Humnoonni Yukireenis karaa Kibbaatiin gara Kherson kan Raashiyaan lammileen sivilii akka gadhiisani bahan ajajjetti dhiibuu itti fufaniiru.