Kamakazii: Diroonii balleessitee-baddu Raashiyaafi Yukireen ittin wal adamsan

Yukireen Raashiyaan dirooniiwwan badanii balleessan ykn Kamakaazii jedhamaniin namoota nagaa magaalaa Kiyiiv jiraataan haleeluurratti qiyyaafatte jettee himataa jirti.

Dirooniiwwan Kamikaazii kunneenis dhootuuwwan baattu bakka itti bu'aniitti dho’uudhaan balleesitee ofiinis barbadaa'u.

Dirooniiwwan Kamakaazii Raashiyaa maaliidha?

Raashiyaan walakkeessaa ji'a Fulbaana darberrraa kaaste dirooniwwaan Iraan tolchitu Shaheed-136 jedhaman waraana Yuukireen keessattii gaggeessaa jirturratti gargaaramaa jirti.

Dirooniiwwan Raashiyaan Jireeniyaam-2 jechuun waamtu, baaruda dhootuu mataarraa qabuu fi amma iddoon haleelamu adda baafamuutti irra marsuun, bakka ajajamteetti buuti.

Dirooniin Shahed-136, koochoo ykn baallee metira 2.5 bal’atuu kan qabdu fi balali’aa jiraachuu ishee raadariidhaan adda baasuuf rakkisaa taate.

Dirooniiwwan akkasii Raashiyaan meeqa akka qabdu ifatti hin beekamu, garuu Ameerikaan akka jettutti dirooniiwwan baddee balleessituu dhibbaan lakkaa’aman Raashiyaaf erguuf karoorsiteetti.

Taaatullee Iraan dirooniwwaan kana Raashiyaaf ergaa hin jiru jettee haalti.

Kamakaaziin Yuukireenitti badii akkamii qaqqabsiifte?

Raashiyaan diroonii Shaheed-136 jedhaman yeroo jalqabaaf kan itti gargaaamte Fulbaana 13, bara 2022 yoo ta’u, magaalaa Baha Yuukireenitti argamtu, naannoo Karkiivitti haleellaa raawwatte.

Fulbaana gara xumuraattii haleellaa Kibba Yuukireen keessatti ittiin raawwachuuf ittii gargaaramte. Caccabaan diroonii kanaa iddoowwan Odesaa fi Maayikoliyivi jedhamitti argameera.

Onkolooleessa kana keessa dirooniin Shaheed-136 jedhamtu, iddoo namoonni nagaan Bilaa Tserikivaa jedhamu jiraatan irra qubatte.

Raashiyaan miisaayiloota kiruus jedhamaniin halleellaa raawwachuurra dirooniwwan kana gargaaramuu dandeessi, sababni isaammoo gatiin dirooniitu rakasa- tokkoon ishee $20,000 baasti.

Yuukireen akkamittii dirooniiwwan kana ofirraa qolataa jirti?

Humnoonni Yuukireen misaayiloota farra - misaayilaafi meeshalee elektironiksii diroonicha ugguranii kuffisan gargaaramu.

Seensa ji’a Bitootessaa keessa Humnoonni Yuukireen dirooniiwwan shaheed-136 jedhaman %60 fashaleessuu beeksise ture.

Taatullee dirooniiwwan kana rukutanii kuffisuun laaftuu miti.

''Dirooniwwan kun lafatti gadi siqanii balali’u, bifa dabalii fakkatuun heddummessitee erguu dandeessa.

Dirooniwwan hedduu karraa ittisa humna qilleensaatiin qolachuun baayyee ulfaata,’’ jedhan xiinxalaan dhimma waraanaa Jastiin Kiraamp BBCtti wayita himan.

Yuukireen diroonii Kamakaazii gargaaramtii?

Dirooniiwwan kana Yuukireen gargaaramuu fi dhiisuun ifa miti, garuu dhiyeenyatti haleellaa buufata waraanaa Raashiyaa Kireemiyattii argamurratti raawwatame irratti dirooniiwwan kana bobbaasu hin oolle jedhame.

Kolleejjii Kiing Landanitti qo’ataa kan ta’an Dr Marinaa Miroon akka jedhanitti, dho’iinsi dirooniiwwan kun qaqqabsiisan garmalee xiqqaadha. Dirooniiwwan kun Yuukireen keessatti kan hojjataman natti fakkaata,’’ jedhan.

Yuukireeniifi Raashiyaa diroonii bira attan qabu?

Diroonii irra caalatti Yuukireen qabdu kan Tarkiin tolchitu Bayiraktar-TB2 jedhamu.

Dirooniin kun amma xiyyaara xiqqoo geessi. Kaameraa ofirra kan qabduu fi boombii hidhachiifamti.

Waraanni wayita eegalu Yuukireen diroonniwwan’’50 hin caallee’’ qabdi jedhan Dr Jaak Waatling, jaarmiyaa ‘Royal United Services’ jedhamutti qorataadha.

Ameerikaan dirooniwwan kamakaazii 700 gara Yuukireenitti ergaa jirti.

Dirooniin akkamitti waraanaaf oolu?

Raashiyaa fi Yuukireen iddoo diinni jiru adamsuu fi meeshaalee waraanaa gurguddoo gara diinasaanitti dhukaafaman qajeelchuurratti milkaa’oodha.

‘’Dirooniwwan Raashiyaa Orlan-10 jedhaman iddoo haleelamu erga adda baasanii daqiiqaawwan sadii ykn afur keessatti humnoonni Raashiyaa qawweesaanii diinasaanirratti akeeku,’’ jedhan ,Dr Waatling.

Haleellaa raawwachuun garuu daqiiqaawwan 20-30 fudhata.

Dr Marina Miroon akka jedhanitti, dirooniin Yuukireen humna muraasa qabduun tarkaanfii akka fudhattu gargaare jira jedhan.

‘’Dur iddoo diinni jiru adda baasuuf gartuu loltoota humnoota addaa erguu qabda, isaan keessa kan du’an jiraachuu malu, amma diroonii ergita’’ jedhan. Torban gara jalqabaa waraannii eegaleetti dirooniiwwan Yuukireen Bayiraktaar hedduu leelliffaman.

‘’Dirooniiwwan iddoo haleelamu akeeku, akkasuma doonii waraanaa Raashiyaa Moskovaa dhidhimsurratti qooda qabu ,’’ jedhan Dr Miroon.

Dirooniin Bayiraktaar TB2 guddaa fi suutumee yoo ta’an, Raashiyaan raadariiwwan qabduun sirnaan oliirra qolataa jirti.

Diroonniwwan waraaanaa gatiin isaanii garmaalee qaaliidha. Dirooniin Bayiraktaar TB2 tokkoon ishee Doolara Amerikaa miliyoona lama.

Raashiyaas ta’ee Yuukireen dirooniiwwan xixiqqoo gabaarratti gurguraman kan akka’ DJI Mavic 3’, gatiin isaanii Paawundii 1,700 ta’u ni gargaaramu.

Dirooniiwwan daldalaa kanatti boombiin xiqqaa baachu kan danda’an yoo ta’u, yeroo heddu garuu iddoo diinni jiru adda baasuu fi haleellaa meehaalee waraanaa qajeelchuuf oolu.