Dirooniiwwan Raashiyaafi Yukireen ittiin wal adamsan eenyutu dhiyeessaaf?

Waraana Yukireen keessatti dirooniwwan kumaatamaan lakkaa’aman iddoo diinni jiru adamsuu, misaayela dhukaasuu fi madfii gurguddaa dhukaasu qajeelchuu gargaaruuf bobbaafamu.

Raashiyaa fi Yuukireen dirooniwwan waraanaaf tolfamanii fi bal’inaan gurgurtaaf gabaarra oolan bobbaasaniiru.

Raashiyaa fi Yukireen dirooniwwan waraanaa akkamii qabu?

Dirooniin waraanaa ijoon Yukireen qabdu Bayraktar TB2 kan Tarkiin tolchitudha.

Diroonii kun hamma xiyyaara xiqqoo geessi, kaameraa mil’annaaf tolu qabdi.

Dirooniin kun boombii akeekkatanii iddoo itti qiyyaafatan haleelan ’laser-guided bombs’ hidhachisuutu danda’ama.

Yukireen waraanatti wayita seentu dirooniiwwan Bayraktar TB2 baay’innisaanii’’shantama hin guunne’’qabdi ture jedhan Dr Jaak Watling, jaarmiyaa’ the Royal United Services jedhamu keessa hojjatan.

Raashiyaan dirooniiwwan xixiqoo ’Orlan-10’ jedhaman caalatti akka gargaaramtu Dr Watling himaniiru.

Raashiyaan wayita waraanaatti seentu dirooniwwan kumaataman lakkaa’aman qabdi, amma tarii dhibba muraasatti kan lakkaa’amanitu hafeef jedhan.

 Dirooniiwwan kunneen kaameeraa ofirraa qabu, misayilootattis dhukaasuu danda’u.

Dirooniiwwan waraanaa kun hangam bu‘aa buusu?

Dirooniwwan gartuuwwan gama lamaanii iddoo diinni itti argamu adamsuufi haleeluurratti milkaa’oodha.

''Dirooniin Olran-10 bakka qubsuma diinaa haleelamuu qabu erga adda baase daqiiqaawwan sadii hanga shanii gidduutti diinaatti akeeku,'' jedhan Dr Jaak Watling.

Otoo dirooniiwwan kunneen hin jiraannee haleellaa raawwachuun daqiiqawwan 20 hanga 30 fudhata ture jedhan.

Kolleejjii Kiing Landanitti qoorataa dhimma ittisa waraanaa kan ta’an Dr Martiin Miroon, humna muraasa qabduun haleellaa akka raawwattu gargaaruu himan.

Dur iddoo diinni qubate barbaaduuf humnoota addaa bobbaasuutu sirraa egama, yeroo akkasii loltootni muraasa du’uu malu,'' jette.

''mma diroonii ergita,'' jedhan.

Waraanni wayita eegalamu torban jalqabaatti dirooniiwwan Yukireen Bayraktar hedduu leellifamanii turan.

‘‘Dirooniiwwan kunneen kuusaa meeshalee waraanaa wayita haleeluu fi doonii waraanaa Raashiyaa Moskivaa jedhamu dhidhimsuu keessatti qooda qabu,‘‘ jedhan.

Taatullee farra xiyyaara Raashiyaan dhukaastuun dirooniiwwan hedduun barbaada’aaniiru.

Dr Jaak Watling’’ xiyyaronni kun suuta balali’uun, ol fagenya giddugaleessarrati qofa balali’uu danda’uun xiyyaaroyta kanaa akka salphaatti rukutaman taasiseera,‘‘ jedhan.

Dirooniiwwan biroo akkamitti faayidaaf oolfamu?

Dirooniiwwan waraanaa gatiin isaanii qaaliidha. Dirooniin Baayraktaar jedhamu tokkichi doolara Ameerikaa miliyoona lamaan bitama.

Kanaafuu gartuuwwan lamaanuu dirooniwwan gatii xiqqaa qabaniirratti qiyyaafatan- keessattu Yukireen gara dirooniwwan xixiqqoo, modeeliwwan gabaarratti argaman kan akka DJI Mavic 3‘ gatii hanga paawundii 1,700n‘ bitaman irratti xiyyeefataniiru.

Dhaabbannii Yukireenitti diroonii oomishu tokko akka jedhutti biyyattiin diroonii 6,000 ta’an qabdi, garuu qaama walabaarraa mirkanneessuun hin danda’amne.

Dirooniwwan gabaarratti argaman boombiiwwan xixiqqaa hidhachuufamuu danda’u.

Taatullee dirooniiwwan kun iddoo loltooni diinaa iti argaman adda baasuun halleella raawwatamu qajeelchuuf oolu.

Yukireen akka Raashiyaatti kuusaa meeshaalee waraanaa hedduu hin qabdu,‘‘ jedhan Dr Miron.

Dirooniiwwan gurgurtaaf gabaarratti dihyaatan biroon akka dirooniiwwan waraanaa humna heddu hin qaban.

Dironiin ‘DJI Mavic’ jedhamu km 30 qofa keessatti balali’uu kann dandeessu yoo ta’u, daqiiqaa 46 qofa balali’uu dandeessi.

Xiyyaaronni gatiin isaanii rakasaa fi xixiqqoo ta’an yeroo kana gabaabaa ta’eef qofa balali’u, akkasumallee fageenyaa gabaabaa qofa imalu.

Raashiyaa fi Yukireen akkamitti diroonii ofirra qolatu?

Raashiyaan raadaariiwwan humna ittisaatti gargaaramuun dirooniiwwan waraanaa gargaaramti fi meeshaalee elektirooniksii immoo dirooniiwwan daldala ittin qolachuuf gargaaramti jedhan Dr Miron.

Humnoonni Raashiyaa meeshaa dirooniiwwan adda baasuun quunnamtii nama isaan bobbaasee fi dirooniwwan gidduu jiru jeequ gargaaramu. Haala kanan Humnoonni Raashiyaa dirooniiwwan ni kuffisu ykn iddoo duraan dhufanitti akka deebi’an godhu.

Yeroo kan immoo dirooniwwaan kun iddoo irraa dhufanitti dhaamsa akka hin ergine danqu.

Diroonniwwan Yukireen giddugaleessaan umriin turtiisaanii giddugaleessaan torban tokko ta’u gabaasni bahe kan argarsiisu.

Eenyutu Diroonii Yukireeniif dhiyeessa?

Raashiyaan diroonii waraanaa Shahiid jedhamu bituutti akka jirtu Waayita Haawus himeera.

Hidhattoonni Huuti Yaman keessatti halleellaa Sa’ud Arabiyaa fi UAE keessatti dirooniiwwan Shahiid jedhamanitti gargaaramu.

Ameerikaan immoo dirooniiwwaan waraanaa 700 Kamakazii jedhaman Yuukireeniif dhiyeessite.

Dirooniiwwan kun dhootuu waliin tolfamu. Dirooniiwwan kunneen akka iddoo haleelamu argatanitti qillewensa keessa turu.