Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Zuukarbargiifi Eloon Maask bakka itti waltuman nan qopheessa jette Xaaliyaan
Hooggantoota dhaabbilee teeknoolojii fi biiliyeenaroota kan ta'an Eloon Maaskiifi Maark Zuukarbarg qaroomina Roomaa haala calaqqisuun Xaaliyaanitti walii bahuufi.
Ministirri Aadaa Xaaliyaan yaada Jimaata kennaniin waayee humnaan walii bahuu isaanii keessummeessuurratti Eloon Maask waliin dubbachuu beeksiisan. Galiin argamus hojii tola ooltummaaf akka oolu ibsan.
Abbaan qabeenyaa Teslaafi Tiwiitar Maaskiifi abbaan qabeenyaa Meta Zuukerbarg Waxabajjii darbe ture waltumuuf akka jiran kan ibsan.
Akka jedhame biiliyeenarootni lameen walii bahu taanaan galiin achirraa argamu miiliyoonotaan lakkawwamu daa'imman dhibamanii hospitaalota keessa jiraniif arjoomama.
Zuukarbeerg guyyaan itti morkatan ammallee akka hin murtoofne ibseera.
Abbaan qabeenyaa Tiwiitar amma X 'tti jijiiramee Maask waayee miidiyaa hawaasaa isaa kana Ministira Muummee akkasumas Ministira Aadaa Xaaliyaan waliin dubbachuu beeksiseera.
''Bakka guddaa qopheessuuf waliigalaniiru'' jedhee kan barreesse Maask, ''qaroomina durii Roomitti hunduu kaameraan waraabama, wanti ammayyaa kan biraan homtuu hin jiraatu'' jedhe.
Dirree guddaa qaroominaa Roomaa durii keessatti gilaadiyaatarootni itti wal morkatan sun garuu hin jiraatu.
Ministirri Aadaa Xaaliyaan Genaaroo Sanguliyaanoo ibsa baasaniin ''Sagantaan deeggarsaa inni guddaan, gahee seenaa keessatti biyyattiin qabdu haala agarsiisuun hambaa aadaa ol kaahuu haala danda'uun qophaa'a jedhan.
''Eloon Maask waliin haasaa dheeraafi namatti tolu goone, seenaa durii Roomaatiif jaalala qabnu irrattis dubbanne'' jedhan Genaaroo Sanguliyaanoo.
''Sagantaa gargaarsaa guddaa, seena qabeessaafi iddoon isaa kabajaa waliin kan eegame qopheessuurratti yaadaa jirra, Room keessatti hin qophaa'u.''
Sanguliyaanoo itti dabaluun ''Maallaqni guddaan, yuuroon miiliyoonotaan ta'e'' morkii humnaa biiliyeenaroota kanarraa argamuu hospitaalota daa'immanii lama Xaaliyaan keessa jiraniif sassaabama jedhan.
Morkataa fi fakkaatii Tiwiitaris ta'ee dhaabbata Zuukerberg Meta' tiin kan hojii eegale Threads irratti yaada isaa kan maxxanse Zuukerberg gama isaan Eloon erga morkii kanaaf na affeeree kaasee qophaa'aan jira, yoo guyyaan murame jiraate anarraa dhageessuu'' jedhe.
''Kanaan achi wanti inni jedhu kamuu wanta irratti waliigalle akka hin taanetti fudhadha.''
Morkii kana yeroo gaggeessu akka atileetii sadarkaa olaanaarra jiruutti akka gaggeessus dhaadate.
''Kana kan gootu ogeeyyii (dhaabbilee) akka UFC ykn ONE (dhaabbilee Miksiid Maarshaal Art) waliin yoo hojjettuudha...'' jedhe Zuukerbeerg.
Eloon Maask nama ganna 52 yeroo ta'u Zuukerbeerg ammoo nama ganna 39'ti.
Yaadni biiliyeenarootni damee teeknoolojii bakka daangeffamaa keessatti walii bahuu kun kan eegale Waxabajjii darbe Eloon Zuukarbarg waliin walii bahuuf akka ta'e tiwiitara gubbaa barreessuu booda.
Zuukerberg, kan leenjii Miiksid Maarshaal Art qabuufi dhiyoo dorgommii jiu-jitsu jedhamu mo'ate gaaffii Elooniif ''bakka isaa na beeksisi'' deebii jedhu deebise.