Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Dureessi addunyaa Eloon Maask dureessa biraan caalame
Dureessi beekamaan Elon Maask dureessa biraan caalamuun himame.
Elon Maask kampaanin isaa konkolaataa annisaa elektirikaan deemu omishu 'Tesla' jedhamu galiin isaa bara kana erga gadi bu'een booda abbaa qabeenyaa biraan durfame.
Akka gabaasa Foorbis fi Biluumbargitti Elon Maask dureessa Barnaard Arnoolt jedhamuun caalamee jira.
Elon Maask kaampaanii Tesla keessaa dhibbeentaa olaanaa kan qabuu fi gaggeessaa olaanaa dhaabbatichaati.
Dhiyeenya ammoo miidiyaa hawaasaa guddicha tiwiitara dolaara biliyoona 44 baasee bitee ture.
Akka Foorbis jedhetti yoo ta'e qabeenyi Elon Maask ammatti dolaara biliyoona 178 dha.
Dureessi beekamaan Bernard ammoo dolaara biliyoona 188 qabaachun Elon Maask caalee jira.
Elon Maask falmii ji'oota muraasaa booda kampaanii Tiwitaraa bitee ture.
Amma dureessa Bernaardiin caalamuu isaaf sababa kan ta'e gatiin sheerii kampaanii Tesla kufaa deemuu akka ta'etu himama.
Elon Maask walii galtee Tiwitara waliin taasise irratti falmiin seeraa inni taasise Tesla irratti dhiibbaa akka taasisetu himama.
Elon Maask Tiwiitara bituuf sheerii kampaanii Tesla keessaa qabu biliyeena hedduttu gurgure, kuni ammoo sheeriin isaa kampanicha keessaa akka gadi bu'u taasiseera.
Investaroonni akka jedhanitti fedhiin konkolaataa annisaa elektirikaan hojjatu bituuf jiru gadi bu'uu danda'a.
Gama biraan Teslan konkolaattota hedduu gabaa irraa akka sassaabamu gochuu isaatiinis miidhameera.