Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
'Dhiphina himachuufis, falachuufis rakkisaa ta'e dargaggoota miidhaa jiru'
Sababii hedduuf eenyummaan ishee akka beekamu hin barbaaddu. Nutis akka eenyummaan ishee hin beekamneef jecha maqaa ‘Qiddist’ jedhuun ishee waamneerra.
Qiddist bara kana qormaata biyyaalessaa fudhatte. Dhimmi BBC waliin walitti ishee fide ammoo wanta waggaa lama dura wayita kutaa 10 barattu ishee mudatedha.
“Gurbaa mana barumsaa keenya keessa baratu tokko waliin jaalalli ija na seentee turte,” jechuun seenaa ishee himuu jalqabdi.
Jaalala ijoollummaa.
Dhiibbaa karaa hiriyyoota isheetiin ija jabina argachuun ‘waan kan garaakooti’ jettu itti himte.
Garuu deebiin isaa garaa ishee hin geenye. Isheenis hedduu gadditee, baayyees miidhamte.
Gadduufi mufachuun ishee bifa hedduu qaba.
“Yeroo tokko tokko maaliifan hiriyyoota kootti himen jedha,” jetti.
Hiriyyoonni ishee yeroo ishee argan mata-duree dubbii kan ta’u ‘gaaffii jaalalaa’ ishee ta’eera.
Dhiphinichi mana-barumsaatti dhalatee hanga manaatti fulla’e. “Maatiin kiyya waa’ee dhimma kanaa hin beekan,” jetti Qiddist.
Dhimma maatiin ishee hin beekne kana garuu miseensa maatii gooteetti.
Yeroo qayyabattu, yeroo sireerra hirkattee ciiftu mara waa’ee ‘gurbaa mana-barumsaa sana’ qofa ta’e yaadni ishee.
Akka isaa ammaa kana ta‘uu baatus yaadni biraas irra tureera.
Barumsa isheetti gaarii jirti. Maatiin ishees sadarkaa guddaatiif ishee eegu.
Maatii barumsaan sadarkaa ol-aanaarra jiranirraas dhalatte. Keessumaa abbaan ishee hanga digirii sadii olii deemsisaniiru.
Kanumaafidhas abbaan daandii koo hodofti jedhee kan itti boonu. Kun akka barumsasheetti cimtuuf sababadha. Garuu isheen dhimma biraa yaadduufi itti dhiphattu biraa horatte.
Gurbaa jaallattu dhabuufi sadarkaa maatiin ishee barbaadaniin deemuu dhabuun dacha ishee dhiphisu ture.
Manattis, mana-barumsaattis wantota ishee yaaddessan ta’e.
Mana-barumsaatii gara manaa, manaa ammoo gara mana-barumsaatti kan deddeebitu Qiddist karaa biraa ittiin miliqxu hin qabdu.
“Akka waanan nama biraa ta’etti natti dhaga’ama. Want ana gammachiisu nan dhabe. Hiiriba ija kootti dhufuu dide. Nama biraan ta’e,” jetti.
Yeroo kanatti wanti boqonnaa xiqqoo isheef kennu hiriyyoota ‘kooti’ warra jettu waliin ta’uu isheeti.
Kun ammo yeroo hunda kan milkaa’u miti.
Isheenis yeroo baayyee akka dhuftu hin hayyamamuuf. Mana hiriyyaa ishee wayita deemanitti ammoo waan garaa isaanii haasa’uudhaaf isaaniif hin mijatu,
Bu’aa ba’ii akkasii kana keessa torbeewwan hedduun lufan.
Osoo maatiin ishee hin dhaga’iin karaa furmaata nan argadha jettu hedduu soqatte.
Furmaanni garuu hin jiru.
Kitaabota dubbiste; furmaanni hin jiru.
YouTube irra gadi teesse ammas furmaanni hin jiru.
* * *
Furmaanni dhumaa gara wallaansa hakiimaa deemuu ta’e.
“Dhiphinni . . .dabalaa jira”
Kunis garuu murtoo salphaa hin turre.
Osoo maatiitti hin himiin mana hakiimaa deemuun rakkisaadha.
Rakkoowwan hedduu qabaata. Gaaffii hedduus uuma.
Isheen garuu baayyeef yaa turuu gaaffii tokkoofillee deebii hin qabdu.
Maatii malee mana hakiimaa deemuun ammoo miira gargaarsa of biraa dhabuu akka namatti dhaga'amu godha.
Barataaf kunis qoramaata biraadha-maallaqa argachuu dhabuu.
'To'annaan kan itti baayyatu' Qiddistiif mana-barumsaatii hafatee hakiima bira deemuun mataan isaa rakkisaa ture.
Buustee baastee garuu murtoo tokkorra geesse. Kophaa ishee mana hakimaa deemuu.
"Anis kan naaf kennamu [maallaqa kiisii] kuufadhee, hiriyyoonni koos naaf kennanii mana hakiimaan deeme," jetti.
Hakiimiin bira deemtes rakkoo dhiphinaa akka qabdu itti hime.
Mee amma ammoo gara Obbo Birhaanuu Raaboo deemna. Obbo Birhaanuun hoji-gaggeessaa dhaabbata Gorsaafi Leenjii Mooshin jedhamuuti.
"Barreessitoonniifi hayyoonni falaasamaa akka ibsanitti dhiphinni ykn muddamuun namni haala amma keessa jiruufi bakka gahuu qabu gidduu fageenyi jiru guddaa yeroo ta'utti abdii dhabuu isaatiin kan uumamudha jedhu," jechuun ibsan.
Jireenya Qiddist keessa dabarte Obbo Birhaanuuf yeroo ibsinutti, "muddamni ykn dhiphinni keessumaa umuriin isaanii waggaa 20 fi isaa gadi ijoollee ta'an irratti dabalaa jira. Maatii, barsiisonniifi hawaasni osoo hin beekiin hundee gadi fageeffatee itti rakkachaa jiru. Eenyuyyu waan isaan hin hubanneef karaa mataa isaaniin furmaata barbaaddachuuf carraaqu," jedhu.
"Mootummaa, maatii, Uumaa... osoo jiranii maaliif?"
Sababiin isaa maal ta'uu danda'a kan jedhaman hayyuun kun bifa hedduu akka qabaachuu danda'u himu.
Rakkoowwan biyyaalessaafi addunyaa, sodaan akka isaan mudatuufi abdii kutan isaan taasisa.
"Fayyaa, rakkoo, rakkoo nagaa dhabuutu jiru. Du'a namootaa dhaga'uun baramaa ta'eera," kan jedhan Obbo Birhaanuun, kanaaf dargaggoonni abdiin waan itti hin mullanneef baayyee dhiphachuufi muddama keessa kan galan ta'aniiru jechuun ibsu.
Eenyutu ana cinaa jira osoo hin jedhamiin waa'ee sanyummaa, waa'ee amantii... waraanaatu haasa'ama. Dargaggoonniifi ijoolleen jiraachuun osoo ilaalcha keessa hin galfamiin haasa'ama, bu'aan isaa ijoollee miidhuudha jechuun dubbatu Obbo Birhaanuun.
Dabalataan ammoo badhaasni tekonooloojii daangaa kan hin qabneedha.
Barruu daa'imaniirraa hanga ga'eessotaarra Facebook, TikTok, Telegram, YouTube... bara salphaatti argamuudha.
Eebbi haamatamu garuu wanta gaarii isaa qofa miti. Inkirdaadillee xiqqaa miti. Obbo Birhaanuun hojii gorsaafi leenjii waggoota 25 dabarsaniiru.
Barri dhufee yeroo darbutti lakkoofsi amoota dhibee dhiphinaafi mukaa'uutiin rakkataan haalaan dabalaa akka dhufe himu.
Sababa isaa baruuf ammoo qorannoo gaggeessaniiru.
"Barri isaa bara namoonni itti hin quufnedha. Sababoota gara garaatiin wantonni uumaman Uumaan jiraachuu kan itti shakkan; 'osoo Uumaan jiruu kun maaliif ta'e?' kan jedhu gaaffii deebisuu hin dandeenye keessa carraan galuu jira."
"Maatii, haadhaafi abbaa osoon qabuu kun maaliif narra gahee? Mootummaan osoo jiruu kun maaliif ta'e?" jechaa wanta amanatanirraa fagaachaa yeroo deemanitti furmaata, kan gargaaruufi humna haala itti dhabanitu dhufa.
"Abdii guutuu qabaachuurraa gara abdii kutachuutti deemu."
Beellamaan lubbuu ofii balleessuurraa hanga "waraana irra deddeebin mul'atuutti..."
Furmaatadha wanti jedhan ammoo aadaa; amantiifi duudhaa keessaa wantota ba'an gochuudha. "Itti aansuun ammoo mataa ofii isaaniirrattis, nama biraa irrattis garaa jabaachuudha," jedhu.
Dhiyeenya kana akka of ajjeesan miidiyaa hawaasaarratti dubbatanii warri of ajjeesan akka jiran yaadachuun, "kun rifaasisaadha," jechuun ibsan Obbo Birhaanuun.
"Wanta cimaa du'a fakkaatu beellamachuu murteessitee yeroo raawwattutti muddamniifi dhiphinni keenya namarraa, lafaafi waaqarraa abdii kutachuun keenya hangam akka ta'e sirriitti ibsa.
Ijoolleetti nagaa dhaammatee gara du'aa yeroo deemutti garam deemaa akka jirru agarsiisa," jechuun dubbatu.
"Waan akka fiilmii walitti fufinsaan dhiyaatuu waraanni nurra deddeebiyu, miidhaa qamaafi qabeenyaa isaa malee miidhaa qoor-qalbii inni qabu itti yaadamee hojjetamaa hin jiru," jedhu hayyuun kun.
Kun ammoo ijoolleen akka abdii kutatan garuu hin yaadne, hin ahwwine, kabaja namoomaaf akka dhaban isaan taasisa jechuun addeessu.
"Rakkoon namoomaafi hawaasummaa rakkoo dinagdeetti dabalamee wanta qabannuufi gadhiisnu dhabneerra," jechuun dhiibbaan guyyaa guyyaa mataan isaa gahee qaba jedhu.
Jiraachuun yeroo hiika jalaa dhabu addunyaa hin beekne gara du'aatti deemuu filatu," kan jedhan Obbo Birhaanuun, "gama kanaan akka ogeessa tokkootti kan nu yaaddessu rakkoon kun xiyyeeffannaa maluuf dhabuu isaati," jechuun yaaddoo qaban kaa'u.
Maatiin hunduu tekinooloojiirratti gogee haala afaaniin waliin hin dubbannerra gahaa jira.
"Maatii ijoollee isaanii hin dhageenye"
Namni rakkoo isaa kan himatu kan isa dhaggeeffatuttiidha.
Maatiin rakkoo mataa isaanii darbuuf ykn kaayyoo isaanii milkeeffachuu malee ijoollee isaanii dhaga'uudhaaf yeroo hin qaban.
"Maatiin ijoolee isaanii, barsiisonni ammoo rakkoo barattoota isaanii dhaggeeffachuurra rakkoo mataa isaanii yaadu. 'Osoo ani isin nyaachisuf fiiguu' jechuudhan rakkoo ijoollee waan akka qananummaatti ilaalu," jedhu Obbo Birhaanuun.
Ijoolleen rakkoo isaanii kuufachuun maatii, barsiisotaafi hawaasa dhoksanii ofii isaanii furachuudhaaf carraaquutti deemu.
Sunuu, "karaa gaarii hin taaneen; karaa hin gorfamneefi rakkoo sana daran hammeessuun furachuutti fiigu."
"Kana godhanii yoo dadhaban ammoo mataa isaanii jibbu, hirriba dhabu. Bulee sodaa keessa isaan galcha. Hunduu kan irratti bare yoo ta'u ammoo tarkaanfii cimaa fudhatu," jedhu.
Maatiin Qiddist jijjiirama intalli isaanii agarsiiftu hordofuun isaanirra ture. Isheenis rakkisaa ta'us rakkoo sana maatiisheetti beeksisuun salphaa taasisaaf ture.
“Wanti akkasii baayyinaan ni mullata. Ijoollee xixiqqoorraa kaasee mukaa'uu hamaa keessa kan jiran jiru," jedhu ogeessi kun.
Waa'ee Qiddist kan gaafanne Obbo Birhaanuun, seenaa walfakkaatu hedduu akka beekan dubbatan. Isaan keessaa waa'ee gurbaa tokkoo nutti himaniiru.
"Dargaggeessi baayyee qaxalee ta'e tokko ture. Yeroo yunivarsiitii seenutti rakkoo isaa kan dhaga'u waan hin jirreef dhiphachuu jalqabe. Tilmaama warri isaa isaaf qaban guddaa waan tureef barumsa hordofuullee hin dandeenye. Boodarra barumsa addaan kute. Maatiin isaa kana mara hin beekan."
Tajaajila bilisaas kan kennan Obbo Birhaanuun, barataan kun yeroo waajira isaanii qaqqabutti fuula irraa hin gargalfanne. "Deeggarsa maluuf taasifneefiif gara barumsa isaatti deebiyee kaayyoo isaa akka galmaan ga'atu gooneerra," jechuun waan hojjetan yaadatu.
"Odeeffannoo sukkaneessoo ta'an TV fi bilbilawwaniirraan dhufan"
"Maatiin hedduun ijoolleen koo gaariirra jiru jedhu. Qaxaleefi naamuusa kan qabanidha jedhu malee dargaggoonni hedduun rakkoo dhiphinaafi mukaa'uu hamaa keessa jiru."
"Biyya keenya keessatti wantonni baayyeen abdii kan nama kutachiisu itti ta'a. Maatiin mata-dureewwan gurguddoo manaafi konkolaataa keessatti haasa'u. TV fi bilbiloonni isaanii odeeffannoo baayyee rifaasisaa kennu. Ijoolleen manatti waan biraa, mana-barumsaatti waan biraadha. Hiriyyoota isaanii birattis waan biraadha. Sababa kanaan nameenyaa gara garaa gabbifatu," jedhu Obbo Birhaanuuun.
Obbo Birhaanuun rakkoowwan gurguddoo akkas kana dhaabbileen xixiqqaan furuun rakkisaadha jedhu.
"Meeshaafi qabeenyaan ol waan hundaa ol duulaan hojjetamuu qaba jennee kan nuti amannu sammuu namaa irrattidha," jedhu.
Kun itti-gaafatamummaa hawaasaafi mootummaati.
Dargaggoonni ammoo itti-gaafatama biraa qabu.
"Dargaggoonni beekumsa irratti xiyyeeffannoo haa kennani. Sochiin qaamaas itti jira. Dijitaala caalaa kitaaba harkatti qabatanii isa gaggalagachuun dubbisuu qabu. Hanga danda'amettis tekinooloojii waliin yeroo turan xiqqeessuu qabu," jedhu Obbo Birhaanuun.
Dabalataan guyyaatti sa'aatii meeqa ilaaluu akka qaban adda baasuufi danda'amnaan torbanitti hanga ta'e guutummaan tekinooloojiirraa fageessuu barbaachisa.
Wantota uumamaa waliin walitti fiduu, ispoortii hojjechiisuu, hojii tola-ooltummaatti hirmaachisuufi jireenya isaanii ammoo hanga danda'ame kan hafuuraa gochuu akka barbaachisu ogeessi kun ni gorsu.
"Barri isaa saffisaadha. Kana keessatti baraaruu kan danda'u uumaa akka qaban agarsiisuun bifa qabsiisuudha. Leenjiiwwan ogummaafi mala jireenyaa irrattis akka hirmaatan gochuu barbaachisa.
"Yeroo dheeraa booda hirriba gaariin rafe"
Keessumaa ammoo dargaggoonni baruumsa, hojiifi wantota biroo raawwachuun itti baayyachuu osoo hin taane baayyee isaaniitiif madda dhiphinaa kan itti ta'u tokkoo tokkoo hojii yeroodhaan hojjechuu dhabuu isaanii ta'uu isaa akka hubatan gochuu barbaachisa.
Kanaaf, maatiifi ijoolleen yeroo qaban akkamitti akka sirnaan itti fayydamuu qaban baruu qabu kan jedhan Obbo Birhaanuun, "sa'aatiitti fayyadamuu manarraa kaasanii hojiirra oolchuu barbaachisa."
Gara seenaa kanaattin isin deebisa.
Amma Qiddist haala gaariirratti argamti.
Wallaansaaf hakiima ishee sirriitti hordofti.
“Mana yaalaa gahee yeroon deebi’u waatu natti salphate” jechuun yaadatti. “Mana kanan gahe fuulli na ifeeti. Yeroo dheeraa boodan hirriba gahaa rafe” jette.
Waldhaansas ta’uu garuu rakkoo mataa isaa qaba. Keessumaa maatin osoo hin beekin dhokatanii qoricha fudhachuun qormaata. Yeroo tokko murteessitee waan itti galteef liqimfamte.
Barana dhaabbata barnoota olaanaa galuuf qophiitti jirti. Akka maatin ishee eeganitti baruumsa ishee itti fufuu barbaaddi. Addumatti ammoo barnoota abbaan ishee akka barattu fedhu itti fufuu feeti.
Haa ta’u garuu, ammayyuu sodaarraa bilisa miti. Icciitii ishee maatii isheetti himuu dhiisun ishee yaaddessa. Yoo beekan hoo kan jedhu sodaa qabdi.
Garuummoo kan duraa caalaa jabina waan qabduuf maatii ishee waliin akka dabarsitu ni amanti.