Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Dureeyyiin lamaan addunyaa Elon Maskiifi Maark Zukarbarg 'walii bahuuf' beellama qabatan
Dureeyyii addunyaa kanaa gurguddoo keessaa tokko kan ta'an Elon Maskiifi Maark Zukarbarg waltajjii bunyaa irratti wal loluuf waliigalan.
Abbaa qabeenyaa miidiyaa hawaasummaa Tiwiitara jedhamu kan ta'an Mask, Tiwitara irratti ergaa katabaniin wal loluuf qophii ta'uf waliigaluu ibsan.
Yeroo ammaa abbaa qabeenyaa dhaabbata Facebook fi Instagram of jalatti qabu, Metaa, kan ta'e Zukarbarg ergaa Mask booda ''bakkicha naaf ergi'' jechuun maxxanse.
Eegasii Mask bakkichi ''Vegaas Oktaagon'' ta'uu ibse.
Oktaagon bakka namoonni itti wal falmaniifi dallaan ijaaramedha. Bakkichi bakka dorgommii beekamaadha.
Baatii kana keessa umriin isaanii 52 kan ta'u Mask, filmii jaalataniifi morkataa isaaniirra ta'anii lolan akka qaban kataban.
Boodarra lolli Zukarbag waliin seenuuf jedhan kan guutummaatti dhugaa ta'u dhabuu akk amalu yookiin kan qoosaa ta'u akka malu ibsan.
''Daa'imman kiyya kaasuufi ol darbachuun ala ispoortii dalageetu hin beeku,'' jechuun kataban.
Faallaa kanaan ganna 39 kan ta'e Zukarbarg maarshaal aartii leenji'aa akka tureefi dhihoo dorgomii jiu-jitsu injifateera.
Tiwitarri dhimma kanarratti BBC'dhaan gaafatamee deebii hin laanne.
Dureeyyin kun lamaan waliif bahuuf akka jedhan oduunsaa erga dhagahamee kaasee eenyutu mo’ata kan jedhu miidiyaa hawaasarratti oduu ho’aa ta’ee jira.
Ji’a kana gara jalqabaa dhaabbanni Meta hojjattoonni isaa Tiwitara wajjiin dorgommii netwoorkii hawaasaa bu’uura godhate karaa ergaa barreeffamaan akka dorgomaniif karoora qabaachuu beeksisee ture.