Lubni Balaay Mokonniin mana hidhaa Qilinxootii dhimmasaanii akka hordofan manni-murtii ajaje

Madda suuraa, ANDAFTA/YOUTUBE
Maallaqa doolaara miiliyoona jaha ol ragaa dogoggoraan baasuuf yaaluun shakkamanii kan to'ataman lubni Balaay Mokonniin mana hidhaa Qilinxootii dhimmisaanii akka hordofan manni-murtii ajaje.
Lubni Balaay Baankii Daldalaa Itoophiyaa damee Gamtaa Afrikaarra ragaa sobaan doolaara miiliyoona jaha baasuuf wayita yaalan qabamanii Ebla darbe to'annoo jala oolan.
Abbaan amantii kun Kamisa Waxabajjii 6, 2024 Mana Murtii Olaanaa Federaalaa ramaddii Lidataatti kan dhiyaatan yoo ta'u, himatni isaanii yakka malaammaltummaa akka ta'e ibsameera.
Dhaddacha Kamisa ooleen himatni irratti dhiyaate akka foyya'u karaa abokaatoo isaanii gaaffii dhiyaatee akka ture BBCn maddeen seeraa irraa hubateera.
Manni-murtii gaaffii himata fooyyeessuu dhiyaate kufaa gochuun ragaawwan himannaa kanarratti sassaabaman mara akka ilaalu ibseera.
Bu'uuruma kanaan Lubni Balaay dhimma isaanii mana hidhaa Qilnxoo taa'aanii akka hordofan murteesseera.
Himannaa Luba Balaay jalatti namoonni Alemgenaa Saamu'eel Dhiinsaa fi Abarraa Margaa Tasfaayee ammayyuu barbaadamaa jiru.
Manni-murti shakkamtootni lamaan ALI Waxabajjii 6, 2024tti qabamanii akka dhiyaatan ajajeera.
Ragaa Abbaa Alangaa dhaggeeffachuufis Waxabajjii 26 fi 27tti beellama qabateera.
Abbaan alangaa yakki Lubi Balaa fa'aa ittiin shakkaman "sanada sobaatti gargaaramuu, yakka malaammaltummaa raawwachuufi waliin dhahuu cimaa" akka ta'e ibseera.
Mana lubummaa Bataskaana Ortodoksi Tawaayidoo Itoophiyaatti hojii gaggeessaa ittaanaa kan ta’an luba Balaay, Ebla 24, 2024 yaada mana murtiif kennaniin gowwomsamuu himanii ture.
Lub Balaay moora Gamtaa Afrikaa kan dhaqan ‘''namootaan gowwoomfamanii’’ akka ta'eefi dhaquurra kan darbe "gochiin raawwadhe hin jiru" jechuun mana murtii himaniiru.
Akkasuma Sanadi sobaa jedhame sirrii ta’uuf dhiisu hoggantoota baankiirraa mirkaneefachuuf bakka sanatti argamuusaanii dubbatan lubni Balaay.
Himatni irratti dhiyaate malaammaltummaa kan jedham mirga wabii dhowuufi jechuun abukaatotni isaanii mormaanii turan.












