Lubni Balaay tibbana maaltu harkatti argamee to'ataman, maallaqni jedhame kan eenyuuti?

Sanada Sobaa fayyadamuudhaan doolaara miliyoona ja’aa fi kuma 50 daddabarsaa turan jechuun shakkamanii Kamisa Ebla 18, 2024 mana murtii kan dhiyyeeffaman hoggannis mana amantaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa, Luba Balaay Mokonnin wantoota too’atamuu isaaniin duuba jiran BBC’n mana amantichaa irraa iyyaafateera.
Mana amantichaatti Itti gaafatamaan Qajeelcha pirojektiilee waliigalaa kan tahan Malaaka Hiwoot Qomoos Abbaa Walde seefuu, BBC’tti akka himanitti, Lubni Balaay kan too’ataman dhimma hojii mana amantichaa waliin walqabatuun miti jedhan.
“Dhimmi isaan mana baankii sana deemaniif dhimma bataskaanaan walqabatuun osoo hin taane, akka dhuunfaa isaaniitti deeman turan. Maallaqni jedhames kan Bataskaanaa miti. Maallaqni bataskaanaa bades hin jiru. Dhimmi Bataskaana waliin walqabatu tokkoyyuu hin jiru,” Jedhan.
Qulqulluu Abuna Abrahaam waliin bakka Luba Balaay Too’ataman deemanii dubbisuu kan himan hoggannis mana amantichaa kun, Luba Balaay harkatti kan argame xalayaa dhaabbanni biraa nama biraatiif haa kanfalamu jedhu qabu akka ta’e himan.
“Wanni isaan harkatti argame xalayaa kaffaltiin haa raawwatamu jedhu qabudha. Abbootii qabeenyaa waliiniidha bakkicha kan deeman. Isaantu namoota biraatiif kanfaltii raawwata. Xalayicharra wanni Luba Balaayin walqabatu, maqaanis, mallattoonis bakka herreegaa isaaniis hin jiru,” jedhan.
Akka Luba Balaay irraa hubachuu himanitti, abbootiin qabeenyaa maallaqa kana daddabarsuuf turan isaan qabatanii kan deeman sababa “Baankichi kaffaltii nuuf raawwachuu didee nu deddeebisaa jira nu gargaarta,” jedhuun akka ta’es himu.
Abbootiin qabeenyaa kunneen erga deemanii booda tiki Gamtaa Afrikaa yeroo shakkiin odeeffannoo dabarsuu jalqaban bakkichaa akka miliqan himu.
“Luba Balaay bilbila haasaa turan. Namoonni isaan waliin deeman sun garuu xalayaa sana isaan harkatti dhiisanii bakkichaa miliqan. Isaan gamna waan hin taaneef, haala isaas waan hin hubanneef achuma turanii too’atamani” jedhan.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Akka Malaaka Hiwoot Qomoos Abbaa Walde seefuu jedhanitti, Luba Balaay yeroo too’atamanitti xalayaa dhaabbileen sun walii barreessan kan akka kaffaltiin raawwatamu gaafatu sanaan alatti doolaarris ta’e cheekiin isaan harkatti qabame akka hin jirre dubbatu.
“Xalayaa isaan harkatti qabame jedhameefi tarree himata isaaniis ilaaleen jira. Xalayaa isaan harkatti argame sanarra maqaan isaaniis hin jiru. Akka yakkaatti kan ilaalame waraqaa sana harkatti qabatanii argamuu isaanii qofa. Xalayicharra maqaan abbootii qabeenyaa jira.”
“Torbee tokko yeroo qorannoo kan itti gaafatames abbootiin qabeenyaa maqaan isaanii xalayicharra ture hin too’atamne. Hanga isaan too’atamanitti jedhameeti malee isaan mirga wabiitiin bahu danda’u ture,” jedhan.
Luba Balaay Mokonnin yeroon qorannoo torbee tokkoo itti gaafatamee komishini Poolisii Federaalaa Meeksikoo jirutti hidhamaanii jiru.
Manni amantaa Ortodoksiii Tawaahidoo Itoophiyaas dhimma hoggana mana amantichaa itti dhiheenyaan hordofaa akka jiruufi ‘‘Lubni Balaay gocha jedhame kana nama raawwatu miti, dhimmichi Bataskaana waliin hariiroo homaatuu kan qabus miti,’’ jedhan dureen mana amantichaa kun.












