Walitti dhukaasa mootummaa fi WBO tibba kanaa fi ajjeechaa namoota nagaa

Meeshaa waraanaa

Madda suuraa, Oromia Communication Bureau

Jalqaba torban kanaa irraa eegalee kutaalee Oromiyaa adda addaa keessatti qaamolee nageenyaa mootummaafi hidhattoota Waraanaa Bilisummaa Oromoo (WBO) gidduu walitti dhukaasuun akka ture, ajjeechaan namoota nagaas raawwatamuu jiraattoonniifi dhaabbileen siyaasaa ibsan.

Godinaalee Wallagga Bahaa, Shawaa Kibba Lixaa fi Shawaa Bahaa keessatti bakka adda addaa walitti bu'iinsi akka ture jiraattotni BBC'tti himaniiru.

Godina Arsii Lixaa keessatti ammoo namootni nagaan miseensa maatii tokkoo ta'an qaamolee nageenyaan ajjeefamuu Addi Bilisummaa Oromoo ibseera.

Ta'iiwwan torban kana keessa bakka adda addaa raawwataman ilaalchisee jiraattotaafi aanga'oota dubbisuuf yaallee bakka hedduutti aanga'oota argachuu hin dandeenye.

Jiraattonni dubbisuuf yaalle gariinis yaaddoo nageenyaa cimaa keessa jiran irraa kan ka'e yaada kennuuf sodachuu ibsan. Iddoowwan yaada jiraattotaa arganne kessaa tokko aanaa Sibuu Sireeti.

Dilbata darbe ganama Godina Wallaga Bahaa aanaa Sibuu Siree dhiyeenya magaalaa Sireetti hidhattootni WBO haxxee hidhuun qaamolee nageenyaa mootummaarratti haleellaa raawwachuu jiraattota naannichaarraa iyyaafanneerra.

Namni nageenya isaaniif yaaddoo qaban irraa ka'e eenyummaa isaanii akka hin ibsine nu gaafatan tokko Dilbata ganama haleellaa raawwate kana hordofee walitti dhukaasni meeshaa guguddaa dabalate raawwatamuu himaniiru.

Namni imalarra turan tokkos sensa magaalaa Sireerratti rasaasa hedduu argaa darbuu himan.

''Rasaasni daandii guutee ture'' jechuun kan ibsan namni kun, magaala Siree wayita seenan miseensonni waraana mootummaa hedduun maaraa Hospitaala Siree guutanii akka argan himaniiru.

Walitti dhukaasa kanaan miidhaa gama lamaaniinuu qaqqabe beekuuf yaaliin goone hin milkofne.

Haata'u malee ta'ii kana hordofee qaamoleen nageenyaa mootummaa naannoo sa'aa lamaafi walakkaattii namoota 12 walitti qabanii ajjeesanii jedhan jiraataan naannichaa.

Namootni ajjeefaman 11 guyyaadhuma Dilbataa sana booll'a sadiitti awwaaluu isaaniis himan.

''Namoota afur boolla tokkotti namoota biroo afur ammas booll'a tokkotti, namoota biroo sadii ammoo bakka tokkotti awaalle'' jedhan.

Ajjeechaan kun ganda Lalisaa bakka mootoo jedhamuufi magaalaa Sireerraa km5 fagaatee argamutti raawwachuu himan.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

''WBO jalqaba qaamolee nageenyaa mootummaa erga haleelee baqatee boodadha ajjeechaan namoota kanarratti kan raawwatame.''

Namootni ajjeefaman martii dhiira akka ta'an dubbatan.

Dhimma kana irratti miidiyaaf dubbachaa jiraachuu isaaniif yaaddoo guddoo akka qaban kan himan namni kun, ''isinitti himuu keenyaan waan du'a filannee nutti fakkaata'' jechuun yaaddoo isaanii ibsatan.

Haaluma walfakkaatuun halkan Kibxatatti bari’u Godina Shawaa Bahaa magaalaa Baatuutti hidhattoota WBO fi qaamolee nageenya mootummaa gidduu lolli akka ture jiraattotni himnaiiru.

Jiraataan Magaala Baatuu nageenya isaaniif jecha maqaan isaanii akka hin ibsamne gaafaatan “galgala naannoo sa’aatii 3 hanga 4 gidduutti gara lixa magaalaa Baatuutiin hidhattoonni bosonaa dhufanii dhukaasa banan. Warra bosonaa keessaa namni tokko ajjeefamee reeffisaa daandiirratti agarsiifamaa ture” jedhan.

Lola halkan ture kanaan namoota nagaa irra miidhaan gahuu fi dhiisuu odeeffannoo akka hin qabaannee fi magaalichatti hidhattoonni dhufanii yoo dhukaasa banan kuni kan jalqabaa akka hin taane dubbatan.

“Ammaan duras yeroo sadi kan ta’u magaala seenanii namootafaa fudhachaa turan. mana jireenyaa poolisoota lamaa fi hojjetaa mootummaa tokko irrattis dhukaasa bananii ture” jedhu.

Ajjeechaa nama siyaasaa Battee Urgeessaa hordofee magaalota Maqii fi Baatuutti haalli nageenyaa tasgabbii akka hin qabne kan himan jiraataan kuni, Magaalli Baatuu sochiin hawaas dinagdee amma dura turerraa daran daangeffamuu himu.

“Magaalli Baatuu amma yaaddoo nageenyaa qabdi. Galgala sa’aatii tokko yeroo ta’u sochiin hundi ni dhaabbata. Tajaajilli geejjibaas Baatuudhaa gara magaalota olla haleellaa dheengaddaa sana booda laafee ture” jedhan.

'''Koree Nageebyaa' Oromoo ajjeesuuf hundeeffameen ummanni keenya duguugamaa jira''

Gama kaaniin ABO ibsa baaseen ''Ebla 14, 2024 Kibba Baha Oromiyaa Godina Arsii Lixaa Onaa Adaabbaatti waraanni Biltsiginnaa miseensa maatii tokkoo ukkaamsanii deemuuniin kaan ajjeesanii gatanii kaan achi buutee dhabamsiisuu caasaa keenya irraa mirkaneeffaneerra'' jedheera.

Dhaabichi haala ammaa kutaalee Oromiyaa keessa jiruun ''goolii diimaa bara dargii kan caaludha'' jechuun kan ibse yeroo ta'u, aadde Ruqiyya Sadee fi Dargaggoo Abdulkariim Jawaaroo Sadee Adaabbatti ajjeefamuu ibseera.

''Ajjeechaa suukaneessaa DERGn 'Goolii Diimaa' uumuun uummata fixe caalaa ajjeechaan suukaneessaan dachaan Goolii Diima DERG caalu murna Biltsiginnaa “KOREE NAGEENYAA” Oromoo ajjeesuuf hundeeffamteen ummanni keenya duguugamaa jira. Kun Adda Bilisummaa Oromoo akkaan yaadesseera'' jedheera dhaabichi.

Himannaa ajjeechaa namoota nagaa dhaaba ABO kana dabalatee yaadota jirattotarraa dhageenyeerratti aanga'oota aanaafi magaalotaa akkasumas mootummaa naannoo Oromiyaa dubbisuuf yaaliin goone hin milkoofne.

Tibba kana Raayyaan Ittisa biyyaa fi marsaaleen hawaasaa mootummaa naannoo Oromiyaa kutaalee Oromiyaa adda addaa keessatti hidhattootn WBO hedduun karaa nagaa harka kennaachaa jiraachuu gabaasaa jiru.

Dhimma kanarrattis deebii mootummaa Oromiyaa eegaa jirra.

WBO fi mootummaa Itoophiyaa gidduutti lola waggaa shaniif gaggeefamaa jirutti xumura gochuuf mariin marsaa lamaan gaggeefamee osoo hin milkaahiin hafeera.

Mootummaan marii nagaaf ammas balballi banaa akka ta'e himus mariin kan biraa jiraachuufi dhiisuun hin beekamne.

Marii nagaa lammaffaarratti gaffiin WBO irraa dhiyaate kan mootummaan Federaalaa kennuu danda'uun ol waan ta'eef gufachuutu gabaafame.